Keessa Deebii 33:1-29
33 Kun eebba Museen inni nama Waaqa dhugaa taʼe duʼuu isaa dura Israaʼelota eebbise dha.+
2 Akkana jedhe:
“Yihowaan Siinaa irraa ni dhufe,+Seʼiir irraas isaan irratti ni ife.
Naannoo gaarotaa Phaaraan irraa ulfinaan ni ife,+Qulqulloonni kumaatama hedduu* taʼan isaa wajjin jiru turan,+Loltoonni isaas karaa harka mirgaa isaa jiru turan.+
3 Inni saba isaa ni jaallate;+Qulqulloonni isaanii hundis harka kee keessa jiru.+
Isaan miila kee jala taaʼaniiru;+Dubbii kees dhagaʼuu jalqabaniiru.+
4 (Museen gumii Yaaqoobiif dhaala godhee,+Ajaja isa seera taʼe nuuf kenneera.)+
5 Yommuu dura buutonni sabichaa,Guutummaa gosoota Israaʼelii wajjin+ walitti qabamanitti,+Inni Yeshuurun*+ keessatti mootii taʼe.
6 Ruuben haa jiraatu malee, duʼee hin dhumin;+Lakkoofsi namoota isaatiis hin xinnaatin.”+
7 Yihudaas akkana jedhee eebbise:+
“Yaa Yihowaa, sagalee Yihudaa dhagaʼi;+Gara saba isaattis isa deebisi.
Irreen isaa wanta kan isaa taʼeef eegumsa godheera;*Atis diinota isaa irraa isa eegi.”+
8 Waaʼee Leewwii akkana jedhe:+
“Tuumiimii fi Uuriimiin+ kee* kan nama siif amanamaa taʼe,+Kan isa ati Maasaatti qorte sanaa ti.+
Atis bishaan Mariibaa biratti isa loluu jalqabde;+
9 Inni isa abbaa isaa fi haadha isaatiin, ‘Ani isin hin kabaju’ jedhe sana dha.
Inni obboloota isaatiif illee beekamtii hin kennine;+Ilmaan isaas ni dhiise.
Isaan dubbii kee eeganiiru;Kakuu kees kabajaniiru.+
10 Isaan heerawwan kee Yaaqoobiin,+Seera kees Israaʼeliin haa barsiisan.+
Urgaan isaa kan gammachiisu godhanii ixaana siif* haa dhiheessan,+Aarsaa guutummaatti dhihaatus iddoo aarsaa kee irratti haa dhiheessan.+
11 Yaa Yihowaa, jabina isaa eebbisi,Hojii harka isaattis gammaddi.
Warri isa jibban lammata akka hin kaanetti,Luka* warra isa irratti kaʼanii caccabsi.”
12 Waaʼee Biiniyaam akkana jedhe:+
“Inni Yihowaa biratti jaallatamaa taʼe sun tasgabbiidhaan isa bira haa jiraatu;Guyyaa guutuu inni dahoo isaaf ni taʼa;Inni gateettiiwwan isaa gidduu ni jiraata.”
13 Waaʼee Yoseef akkana jedhe:+
“Yihowaan lafa isaa haa eebbisu,+Wantoota filatamoo samiitiin,Fixeensaa fi bishaan burqaawwan lafa jalaatiin,+
14 Wantoota filatamoo aduudhaan guddataniin,Firii filatamaa jiʼa jiʼaan argamuun,+
15 Wantoota hunda caalaa filatamoo gaarota bara durii* irraa argamaniin,+Wantoota filatamoo tulloota dhaabbataa taʼaniin,
16 Wantoota filatamoo lafa irra jiranii fi wantoota ishii keessa guutaniin,+Eebba isa harangamaa* keessatti mulʼate sanaatiinis si haa eebbisu.+
Isaan mataa Yoseef irratti,Gonfoo mataa isa obboloota isaa keessaa filatame sanaa irratti haa buʼan.+
17 Simboon isaa akka simboo qotiyyoo jalqaba dhalatee,Gaanfonni isaas akka gaanfota gafarsaa ti.
Inni isaanitti fayyadamee saboota,Hunduma isaaniis gara andaara lafaatti ni dhiiba.*
Isaan raayyaawwan Efreem warra kumaatama kudhan taʼan,+Raayyaawwan Minaasee warra kumaatama taʼani dha.”
18 Waaʼee Zaabiloon akkana jedhe:+
“Yaa Zaabiloon, gad baʼuu keetti gammadi,Atis yaa Yisaakor, dunkaanota kee keessatti gammadi.+
19 Isaan gara gaarichaatti namoota ni waamu.
Achittis aarsaawwan qajeelummaa ni dhiheessu.
Isaan qabeenya hedduu galaanotaa,Qabeenya dhokfamaa cirracha keessaas ni sooratu.”*
20 Waaʼee Gaad akkana jedhe:+
“Inni daangaawwan Gaad balʼisu eebbifamaa dha.+
Inni akka leencaatti achi ni ciisa,Harka kutuuf, eeyyee, mataa kutuuf qophaaʼaa dha.
21 Inni gaʼee jalqabaa ofii isaatiif ni filata,+Sababiin isaas, qoodni isa seera kennu sanaa achi kaaʼameera.+
Mataan namootaa walitti ni qabama.
Inni qajeelummaa Yihowaa,Israaʼeliifis heera isaa ni raawwachiisa.”
22 Waaʼee Daan akkana jedhe:+
“Daan ilmoo leencaa ti.+
Inni Baashaan keessaa utaalee ni baʼa.”+
23 Waaʼee Niftaalem akkana jedhe:+
“Niftaalem gaarummaa quufeera,Eebba Yihowaatiinis guutameera.
Ati dhihaa fi kibba dhaalaan fudhadhu.”
24 Waaʼee Asheer akkana jedhe:+
“Asheer ilmaaniin haa eebbifamu.
Inni obboloota isaa biratti jaallatamaa haa taʼu;Miila isaas zayitii keessa haa cuuphu.*
25 Cufaan karra keetii sibiilaa fi sibiila diimaa dha;+Umurii kee guutuus tasgabbii ni qabaatta.*
26 Kan akka Waaqa dhugaa+ Yeshuurun,+Isa si gargaaruuf samii keessa gulufu,Isa ulfina isaatiin duumessoota irra gulufu+ sanaa tokko illee hin jiru.
27 Waaqayyo bara duriitii jalqabee dahoo dha;+Irreen isaa inni bara baraas si jala jira.+
Inni si duraa diina ni ariʼa;+Akkasumas, ‘Haxaaʼii isaan balleessi!’ jedha.+
28 Biyya midhaanii fi daadhii wayinii haaraa,+Isa samiin isaa fixeensa coccophsu keessatti,+Israaʼel tasgabbiidhaan ni jiraata,Burqaan Yaaqoobis kophaa isaa ni jiraata.
29 Yaa Israaʼel, ati gammadaa dha!+
Sabni akka kee+
Yihowaa biraa fayyina argate eenyu?+
Inni gaachana+ eegumsaa kee,Goraadee kee isa ulfina qabeessa taʼe dha.
Diinonni kee si duratti ni hollatu,+Atis dugda* isaanii irra ni ejjetta.”
Miiljaleewwan
^ Ykn., “kuma kudhan siʼa hedduu.”
^ “Isa Qajeelaa” jechuu yeroo taʼu, maqaa ulfinaa Israaʼeliif kenname dha.
^ Ykn., “loleera.”
^ Caqasa kana irratti jechoonni, “kee” fi “siif” jedhan Waaqayyoon argisiisu.
^ Kal., “funyaan kee keessatti.”
^ Ykn., “Luqqeettuu.”
^ Ykn tarii, “gaarreen bahaa.”
^ Muka akka hiddaa taʼee fi qoree qabu.
^ Ykn., “ni waraana.”
^ Kal., “ni hodhu.”
^ Ykn., “zayitiidhaan haa dhiqatu.”
^ Kal., “Jabinni kees akkuma guyyoota kee ni taʼa.”
^ Ykn tarii, “iddoowwan ol kaʼoo.”