Iyyoob 12:1-25
12 Achiis Iyyoob akkana jedhee deebise:
2 “Dhuguma iyyuu, isin namoota beekumsa qabdani dha,*Ogummaanis isinii wajjin ni duʼa!
3 Garuu anis hubannaa* qaba.
Ani isinii gad miti.
Wantoota kana kan hin beekne eenyu?
4 Ani Waaqayyoon waammadhee akka naaf deebisu waanan isa eeggadhuuf,+Michoota koo biratti nama itti kolfamu taʼeera.+
Namni qajeelaanii fi balleessaa hin qabne nama itti kolfamu taʼeera.
5 Namni tasgabbiidhaan jiraatu, rakkinni warra miilli isaanii cimee hin dhaabbanne* irra qofa akka gaʼu waan yaaduuf,Rakkina ni tuffata.
6 Dunkaanni saamtotaa nagaa qaba,+Warri Waaqayyoon dheekkamsiisan,Warri waaqa isaanii harka isaanii keessaa qabanis nageenya qabu.+
7 Garuu mee horiiwwan gaafadhu, isaan si barsiisu;Simbirroota samiis gaafadhu, isaan sitti himu.
8 Yookiin lafaaf xiyyeeffannaa kenni,* ishiin si barsiisti;Qurxummiiwwan galaanaas dhugaa isaa sitti himu.
9 Harki Yihowaa kana akka hojjete,Wantoota kana hundumaa gidduudhaa kan hin beekne eenyu?
10 Jireenyi* uumama jiraataa hundumaa,Hafuurri nama hundumaas* harka isaa keessa jira.+
11 Akkuma arrabni* nyaata dhandhamu,Gurri jechoota adda hin baafatuu?+
12 Ogummaan warra dullooman gidduutti hin argamuu?+
Hubannaanis umurii dheeraadhaan hin argamuu?
13 Ogummaanii fi guddinni isa bira jira;+Inni Waaqa kaayyoo ti, hubannaas qaba.+
14 Wanti inni diige deebiʼee ijaaramuu hin dandaʼu;+Wanta inni cufes namni banuu dandaʼu hin jiru.
15 Yommuu inni bishaanota dhowwatu wanti hundi ni goga;+Yommuu inni isaan ergu isaan lafa ni uwwisu.+
16 Humnii fi ogummaan isa bira jiru;+Kan wallaalchifamus, kan wallaalchisus kan isaa ti;
17 Inni gorsitoonni miila duwwaa akka deeman ni godha,*Abbootii murtiis gowwoota ni godha.+
18 Inni hidhaa mootonni ittiin hidhan ni hiika,+Mudhii isaaniittis qabattoo ni hidha.
19 Inni luboonni miila duwwaa akka deeman ni godha,+Warra aangoodhaan cimanii dhaabbatanis ni garagalcha;+
20 Gorsitoota amanamoo taʼan wanta dubbatan ni dhabsiisa,Hubannaa maanguddootaas* isaan irraa ni fudhata;
21 Guguddoota irratti tuffii ni dhangalaasa,+Warra humna qabeeyyii taʼanis dadhaboo ni godha;*
22 Inni dukkana keessaa wantoota gad fagoo taʼan ni ibsa,+Dukkana cimaas gara ifaatti ni baasa;
23 Inni isaan balleessuuf saboonni akka guddatan ni godha;Boojiʼamanii akka fudhataman gochuufis saboota ni balʼisa.
24 Inni geggeessitoota sabaa irraa hubannaa* ni fuudha,Lafa onaa daandii hin qabne keessa akka jooranis ni godha.+
25 Isaan dukkana ifa hin qabne keessa ni qaqqabatu;+Inni akka namoota machaaʼaniitti asii fi achi akka jooran ni godha.+
Miiljaleewwan
^ Kal., “isin namoota dha.”
^ Kal., “garaa.”
^ Ykn., “mucucaatu.”
^ Ykn tarii, “lafatti dubbadhu.”
^ Ykn., “Lubbuun.”
^ Kal., “foon namaa hundumaas.”
^ Kal., “laagaan.”
^ Ykn., “wanti hundi akka irraa saamamu ni godha.”
^ Ykn., “jaarsoliis.”
^ Kal., “Qabattoo warra humna qabeeyyii taʼanii ni laaffisa.”
^ Kal., “garaa.”