Iyyaasuu 12:1-24
12 Mootonni biyyattii warri Israaʼelonni moʼan, warri Israaʼelonni biyya isaanii isa Yordaanos irraa kallattii bahaatiin argamu, Sulula* Arnoon+ irraa jalqabee hamma Gaara Hermoonitti,+ akkasumas guutummaa Arabaa isa gara bahaatiin argamu+ dhaalaan jalaa fudhatan sun kanneen kana dha:
2 Mootii Amoorotaa kan taʼe Sihoon+ isa Heshboon keessa jiraachaa turee fi Aroʼer+ ishii qarqara Sulula* Arnoonitti+ argamtu, walakkaa sululichaa fi walakkaa Giiliyaad irraa hamma Sulula* Yaaboq isa daangaa Amoonotaa taʼetti bulchaa ture.
3 Akkasumas, inni Arabaa kallattii bahaatiin hamma Galaana Kinereetitti,*+ akkasumas hamma Galaana Arabaa, jechuunis Galaana Soogiddaa* isa Beet Yeshiimoot irraa kallattii bahaatiin argamuutti, kallattii kibbaatiin immoo hamma naannoo irraan gadee Phisgaa+ jalatti argamuutti bulchaa ture.
4 Kana malees, naannoo Oog+ mootii Baashaan isa namoota Refaayim+ warra dhumaa keessaa tokko turee fi Ashtaarotii fi Edraay keessa jiraachaa ture
5 isa Gaara Hermoon, Saalekaa fi guutummaa Baashaan+ keessatti hamma daangaa Geeshurotaa fi Maʼaakaatotaatti,+ akkasumas walakkaa Giiliyaad hamma naannoo Sihoon mootii Heshboonitti+ bulchaa ture sanaa.
6 Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼee fi Israaʼelonni isaan ni injifatan;+ sana booda Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe biyya isaanii Ruubenotaaf, Gaadotaa fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaalaan ni kenne.+
7 Mootonni biyyattii warri Yordaanos irraa kallattii dhihaatti argaman, warri Baʼaal Gaad+ isa Sulula Libaanon+ keessatti argamu irraa hamma Gaara Halaaq+ isa gara Seʼiiritti+ ol baʼu keessa jiraatan, warri Iyyaasuunii fi Israaʼelonni moʼan kanneen kana dha; sana booda Iyyaasuun biyya isaanii akka qooda qooda isaaniitti gosoota Israaʼeliif dhaalaan ni kenne;+
8 kana malees, mootota naannoo gaarotaa keessa, Shefelaa keessa, Arabaa keessa, irraan gadeewwan irra, lafa onaa keessaa fi Negeeb+ keessa, jechuunis biyya Heetotaa, biyya Amoorotaa,+ biyya Kanaʼaanotaa, biyya Pheriizotaa, biyya Hiiwotaa fi biyya Yebuusotaa+ keessa jiran ni moʼan; mootonni sunis kanneen kana dha:
9 Mootii Yerikoo,+ tokko; mootii Aay+ ishii Beetel bira turtee, tokko;
10 mootii Yerusaalem, tokko; mootii Kebroon,+ tokko;
11 mootii Yaarmut, tokko; mootii Laakiish, tokko;
12 mootii Egloon, tokko; mootii Geezer,+ tokko;
13 mootii Deebir,+ tokko; mootii Geeder, tokko;
14 mootii Hoormaa, tokko; mootii Aaraad, tokko;
15 mootii Libnaa,+ tokko; mootii Adulaam, tokko;
16 mootii Maaqedaa,+ tokko; mootii Beetel,+ tokko;
17 mootii Taaphuʼaa, tokko; mootii Hefeer, tokko;
18 mootii Afeeq, tokko; mootii Laashaaron, tokko;
19 mootii Maadon, tokko; mootii Hazoor,+ tokko;
20 mootii Shimroon Meroon, tokko; mootii Akshaaf, tokko;
21 mootii Taʼaanaak, tokko; mootii Megidoo, tokko;
22 mootii Qeedesh, tokko; mootii Yoqneʼaam+ ishii Qarmeelos keessatti argamtuu, tokko;
23 mootii Door ishii tulluuwwan Door+ irratti argamtuu, tokko; mootii Gooyim ishii Gilgaal keessatti argamtuu, tokko;
24 mootii Tirzaa, tokko; walumaa galatti mootota 31 turan.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Laga Gogaa.”
^ Ykn., “Laga Gogaa.”
^ Ykn., “Laga Gogaa.”
^ Jechuunis, Galaana Duʼaa.
^ Jechuunis, haroo Genesaarex ykn Galaana Galiilaa.