Isaayyaas 8:1-22

  • Weerara Asoor geessisu (1-8)

    • Maahaar-shaalaal-haash-baaz (1-4)

  • Hin sodaatinaa, “Waaqayyo nuu wajjin jira!” (9-17)

  • Isaayyaasii fi ijoolleen isaa mallattoo taʼu (18)

  • Gara jinniiwwaniitti utuu hin taʼin, gara seerichaatti garagalaa (19-22)

8  Yihowaan akkana naan jedhe: “Gabatee guddaa+ tokko fudhadhuutii, ‘Maahaar-shaalaal-haash-baaz’* jedhii qalamaan* irratti barreessi.  Anis ragoota amanamoo kan taʼan Uuriyaa+ lubichaa fi Zakkaariyaas ilma Yeberekiyaa duratti barreeffamaan akka raggaasifamu nan godha.”*  Sana booda raajittii* wajjin saalqunnamtii nan raawwadhe;* ishiinis ulfooftee ilma ni deesse.+ Yihowaanis akkana naan jedhe: “Maqaa isaa Maahaar-shaalaal-haash-baaz jedhii moggaasi;  sababiin isaas, mucichi, ‘Aabbaa! Harmee!’ jedhee waamuu baruu isaa dura qabeenyi Damaasqoo fi boojuun Samaariyaa mootii Asoor duratti ni fudhatama.”+  Yihowaan ammas akkana naan jedhe:   “Sabni kun bishaanota Shiloʼaa* warra suuta jedhanii yaaʼan tuffatee+Reezinii fi ilma Remaaliyaatti+ waan gammadeef,   Kunoo, YihowaanBishaanota Lagichaa* warra jajjaboo fi babalʼoo taʼan,Mootii Asoorii+ fi ulfina isaa hundumaa isaanitti ni fida. Inni yaaʼaawwan bishaanii isaa hundumaa guuteeQarqara isaa hundumaa irra ni dhangalaʼa;   Yihudaas ni liqimsa. Inni lolaʼee keessa ni darba, hamma mormaattis ni gaʼa;+Yaa Amaanuʼel,*+Qoochoowwan isaa warri diriirfamanis guutummaa lafa keetii ni uwwisu!”   Namoota nana, miidhaa geessisaa, garuu ni caccabdu. Isin warri andaara lafaatii dhuftan hundi dhagaʼaa! Waraanaaf qophaaʼaa,* garuu ni caccabdu!+ Waraanaaf qophaaʼaa, garuu ni caccabdu! 10  Karoora baafadhaa, garuu ni fashalaaʼa! Wanta barbaaddan jedhaa, garuu hin milkaaʼu;Sababiin isaas, Waaqayyo nuu wajjin jira!*+ 11  Yihowaan harka isaa isa cimaa na irra kaaʼee, daandii saba kanaa akkan hin hordofne na akeekkachiisuuf akkana naan jedhe: 12  “Wanta namoonni kun daba akka taʼe dubbatan, isin daba akka taʼe hin dubbatinaa! Wanta isaan sodaatan hin sodaatinaa;Inni isin hin hollachiisin. 13  Qulqulluu akka taʼetti ilaaluu kan qabdan Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti,+Sodaachuu kan qabdan isa dha,Hollachuu kan qabdanis isaafi.”+ 14  Inni akka iddoo qulqulluu ni taʼa,Manneen Israaʼel lamaaniif garuuAkka dhagaa nama gufachiisuu+ fiAkka qarsaa nama kuffisuu ni taʼa;Jiraattota YerusaalemiifisAkka kiyyoo fi qamaaxiraa* ni taʼa. 15  Hedduun isaanii ni gufatu, ni kufu, ni cabus;Isaan kiyyoo keessa ni galu, ni qabamus. 16  Ragaa barreeffame* sana mari;Seerichas* barattoota koo gidduutti saamsi! 17  Ani abdiidhaan* Yihowaa nan eeggadha;+ inni fuula isaa mana Yaaqoob jalaa dhokseera;+ ani isa nan abdadha. 18  Kunoo, anii fi ijoolleen Yihowaan naaf kenne,+ Israaʼel keessatti akka mallattoo+ fi dinqii Yihowaa Gooftaa Raayyaa isa Gaara Xiyoon irra jiraatu irraa kennamanii ti. 19  Isaan, “Eker dubbistoota yookiin raagdota warra wacanii fi gunguman gaafadhu” yoo siin jedhan, sabni tokko gaafachuu kan qabu Waaqa isaa mitii? Isaan waaʼee warra lubbuudhaan jiranii warra duʼan gaafachuu qabuu?+ 20  Kanaa mannaa, isaan seerichaa fi ragaa barreeffame* sana qoruu qabu! Isaan akka dubbii kanaatti utuu hin dubbatin yeroo hafanitti, ifa* hin qabaatan.+ 21  Tokkoon tokkoon isaanii miidhamanii fi beelaʼanii biyyattii keessa ni darbu;+ inni waan beelaʼee fi waan aareef, ol ilaalee mootii isaa fi Waaqa isaa ni abaara. 22  Achiis gara lafaa yommuu ilaalu, dhiphina, dukkana, abdii kutachuu, yeroo rakkisaa taʼee fi dimimmisa qofa malee ifa hin argu.

Miiljaleewwan

Kal., “qalama nama duʼuutiin.”
Tarii, “Boojuudhaaf Ariifachuu, Saamichaaf Dafanii Dhufuu” jechuu dha.
Ykn., “ragaa nan baasisa.”
Jechuunis, haadha manaa Isaayyaas.
Kal., “gara raajittiitti nan dhihaadhe.”
Shiloʼaan ujummoo bishaanii ti.
Jechuunis, Efraaxis.
Isa 7:14 ilaali.
Ykn., “Hidhadhaa.”
Jechi Afaan Ibrootaa hima, “Waaqayyo nuu wajjin jira” jedhuuf gale Amaanuʼel kan jedhu dha. Isa 7:14; 8:8 ilaali.
Kun gosa kiyyoo ti.
Ykn., “Dubbii ragaa.”
Ykn., “Barumsichas.”
Ykn., “hawwiidhaan.”
Ykn., “dubbii ragaa.”
Kal., “barraaqa.”