Isaayyaas 63:1-19

  • Yihowaan saboota irratti haaloo ni baʼa (1-6)

  • Jaalala amanamaa Yihowaan duraan argisiise (7-14)

  • Kadhannaa cubbuu irraa deebiʼuuf dhihaate (15-19)

63  Inni Edoomii+ dhufaa jiru,Inni uffata halluu ifaa* qabu uffatee Boozraadhaa+ dhufaa jiru,Inni uffata miidhagaa uffateeHumna isaa isa guddaadhaan tarkaanfachaa dhufaa jiru kun eenyu? “Ana isa qajeelummaadhaan dubbatu,Isa fayyisuuf humna guddaa qabu sana dha.”   Uffanni kee kan diimate,Wayyaan kee kan akka nama wayinii cuunfuu kan taʼe maaliifi?+   “Bakka wayinii itti cuunfan keessatti kophaa koo daadhii wayinii nan dhidhiite. Namoota sana keessaa tokko illee anaa wajjin hin turre. Aarii kootiin isaan dhidhiituu koo,Dheekkamsa kootiinis isaan irra ejjechuu koo ittan fufe.+ Dhiigni isaanii wayyaa koo irratti ni facaʼe,Anis guutummaa uffata kootii nan xureesse.   Sababiin isaas, guyyaan haaloo itti baʼu,Waggaan warri ani fure itti dhufan sunis garaa koo keessa jira.+   Nan ilaale, garuu gargaaruuf kan dhufe tokko illee hin turre;Gargaarsa kan kenne tokko illee waan hin jirreef nan naʼe. Kanaafuu, irreen koo fayyina* naaf argamsiise,+Dheekkamsi koos na gargaare.   Aarii kootiin namoota nan dhidhiite,Dheekkamsa kootiin isaan nan macheesse,+Dhiiga isaaniis lafa irratti nan dhangalaase.”   Akka gara laafina isaa fi akka jaalala isaa isa amanamaa isa guddaa taʼetti,Wanta Yihowaan nuuf godhe hundumaatiif,+Wantoota gaggaarii hedduu inni mana Israaʼeliif godheef,Ani waaʼee gochawwan Yihowaa warra jaalala isaa isa amanamaa argisiisanii,Waaʼee gochawwan Yihowaa warra jajamuu qaban sanaa nan dubbadha.   Sababiin isaas inni, “Dhugumaan isaan saba koo ti, ilmaan gantoota* hin taane dha”+ jedheera. Kanaan kan kaʼes, inni Fayyisaa isaanii ni taʼe.+   Yeroo isaan dhiphatan hundumaatti, innis ni dhiphate.+ Ergamaan dhuunfaa isaas* isaan ni oolche.+ Jaalala isaa fi gara laafina isaatiin isaan ni fure,+Bara durii hundumaatti ol kaasee isaan ni baate.+ 10  Isaan garuu fincila kaasanii+ hafuura isaa isa qulqulluu gaddisiisan.+ Innis diina isaanii ni taʼe,+Akkasumas isaan ni lole.+ 11  Isaanis guyyoota bara durii,Bara Musee isa tajaajilaa isaa taʼe sanaa yaadatanii akkana jedhan: “Inni tiksitoota bushaayee+ isaa wajjin galaana keessaa isaan baase sun eessa jira?+ Inni hafuura isaa isa qulqulluu isa keessa kaaʼe sun,+ 12  Inni irreen isaa inni ulfina qabeessi harka mirgaa Musee wajjin akka deemu godhe sun,+Inni ofii isaatiif maqaa bara baraa argachuuf jedhee+Isaan duratti bishaanota gargar hire sun,+ 13  Inni isaan akkuma farda dirree* keessa jiruutti,Utuu hin gufatin akka deeman gochuudhaanBishaan jeeqamu* keessa akka deeman godhe sun eessa jira? 14  Akkuma horiiwwan boqochuuf gara dirree sulula keessa jiruutti gad buʼaniitti,Hafuurri Yihowaa isaan ni boqochiise.”+ Ati ofii keetiif maqaa ulfina qabeessa* argachuuf,+Saba kee akkanatti geggeessite. 15  Samii irraa gad ilaali,Iddoo jireenyaa kee isa ol kaʼaa, isa qulqulluu fi ulfina qabeessa* taʼe irraas milʼadhu. Hinaaffaan kee fi jabinni kee,Gara laafinni+ kee* fi araarri kee eessa jira?+ Ati wantoota kana na dhowwatteetta. 16  Ati Abbaa keenya;+Abrahaam yoo nu beekuu baate,Israaʼelis yoo nu wallaale illee,Yaa Yihowaa, ati Abbaa keenya. Maqaan kees isa bara duriitti nu fure dha.+ 17  Yaa Yihowaa, daandiiwwan kee irraa gorree akka joorru maaliif heyyamta?* Nuti akka si hin sodaannetti garaan keenya didaa akka taʼu maaliif heyyamta?*+ Tajaajiltoota keetiif,Gosoota dhaala keetiitiif jedhiitii deebiʼi.+ 18  Sabni kee inni qulqulluun yeroo muraasaaf biyyattii dhaalee ture. Diinonni keenya iddoo qulqulluu kee ni dhidhiitan.+ 19  Nutis yeroo dheeraadhaaf akkuma warra ati matumaa bulchitee hin beeknee,Akkuma warra matumaa maqaa keetiin waamamanii hin beeknee taane.

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “diimaa.”
Ykn., “injifannoo.”
Ykn., “sobduu.”
Ykn., “Maleekaan isa duraa dhufes.”
Ykn., “lafa onaa.”
Ykn., “Bishaan gad fagoo.”
Ykn., “bareedaa.”
Ykn., “bareedaa.”
Kal., “Garaan kee raafamuun isaa.”
Ykn., “goota?”
Kal., “goota?”