Isaayyaas 59:1-21

  • Cubbuun Israaʼel Waaqa irraa isa fageesse (1-8)

  • Cubbuu himachuu (9-15a)

  • Yihowaan nama cubbuu irraa deebiʼu ni gargaara (15b-21)

59  Kunoo, harki Yihowaa gabaabbatee fayyisuu hin dadhabne,+Gurri isaas duudee* dhagaʼuu hin dadhabne.+   Lakki, Waaqa keessan irraa kan adda isin baase balleessaa keessani.+ Fuula isaa akka isin jalaa dhoksu kan godhe cubbuu keessani,Innis isin dhagaʼuu ni dide.+   Sababiin isaas, barruun keessan dhiigaan,Qubni keessanis yakkaan faalameera.+ Hidhiin keessan soba dubbata,+ arrabni keessanis waaʼee jalʼinaa gunguma.   Eenyu illee qajeelummaa hin waammatu,+Eenyu illees dhugaadhaan gara mana murtii hin deemu. Isaan wanta hin jirretti* amanamu,+ wanta gatii hin qabnes ni dubbatu. Rakkina ni ulfaaʼu, wanta nama miidhus ni dhalu.+   Hanqaaquu bofa summii qabuu keessaa cuucii ni yaasu,Manʼee sarariitiis ni dhaʼu.+ Namni hanqaaquu isaanii nyaatu kam iyyuu ni duʼa,Hanqaaquu cabe sana keessaas buutiin ni yaaʼa.   Manʼeen sarariitii sun uffata hin taʼu,Isaanis wanta tolfatan sana hin uffatan.+ Hojiin isaanii miidhaa kan geessisu dha,Gochi jalʼinaas harka isaanii keessa jira.+   Miilli isaanii hammina raawwachuutti fiiga,Isaan dhiiga qulqulluu dhangalaasuuf ariifatu.+ Yaanni isaanii kan nama miidhu dha;Badiisnii fi gadadoon daandii isaanii irra jira.+   Isaan daandii nagaa hin beekan,Karaa isaanii irras haqni hin jiru.+ Daandii isaanii micciiramaa ni godhu;Namni achi irra deemu kam iyyuu nagaa hin beeku.+   Haqni kan nu irraa fagaate,Qajeelummaanis nu bira kan hin geenye kanaafi. Nuti ifa abdanne, garuu kunoo, dukkanatu taʼe;Guyyaa ifaa taʼe ni abdanne, garuu kunoo, dukkana keessa deemaa jirra.+ 10  Akkuma namoota jaamaatti dallaa qaqqabanna;Akkuma warra ija hin qabneettis qaqqabachaa deemna.+ Akkuma dukkana galgalaatti guyyaa saafaa ni gufanna;Warra jajjaboo gidduuttis akkuma namoota duʼanii taaneerra. 11  Akkuma amaaketaatti ni gururiina,Akkuma gugeettis gaddaan ni aadna. Haqa abdanne, garuu homtuu hin jiru;Fayyina abdanne, inni garuu nu irraa fagoo dha. 12  Sababiin isaas, yakki keenya si duratti hedduu dha;+Cubbuun keenya hundis nu irratti ragaa baʼa.+ Yakki keenya nuu wajjin jira;Balleessaa keenyas akka gaariitti beekna.+ 13  Yakka raawwanneerra, Yihowaas ganneerra;Waaqa keenya irraa garagalleerra. Waaʼee cunqursaa fi waaʼee yakkaa dubbanneerra;+Soba ulfoofneerra, garaadhaas waaʼee dubbii sobaa gungumneerra.+ 14  Haqni duubatti deebifameera,+Qajeelummaanis fagoo dhaabbata;+Sababiin isaas, dhugaan addabaabayii keessatti gufateera,Wanti qajeelaanis seenuu hin dandeenye. 15  Dhugaan badeera,+Namni hammina irraa goru kam iyyuu saamameera. Yihowaan kana ni arge, ni gaddes,*Sababiin isaas, haqni hin jiru ture.+ 16  Inni namni tokko illee akka hin jirre ni arge,Namni araarsu tokko illee dhabamuun isaa isa ajaaʼibsiise,Kanaafuu, irreen isaa fayyina* fide,Qajeelummaan isaas isa deggere. 17  Achiis inni akkuma kootii sibiilaatti qajeelummaa ni uffate,Baarmeexaa sibiilaa fayyinaas* mataa irra ni kaaʼate.+ Uffata haaloo baʼuu akkuma uffata isaatti ni uffate,+Hinaaffaas akkuma kootiitti* ofitti ni mare. 18  Inni wanta isaan raawwataniif gatii isaanii isaaniif ni kenna:+ Amajaajota isaatti dheekkamsa, diinota isaattis adaba fida.+ Odolawwaniifis gatii isaanii ni kenna. 19  Inni akkuma laga isa guuteIsa hafuurri Yihowaa oofutti waan ol seenuuf,Dhiha biiftuu irraa maqaa Yihowaa,Baha biiftuu irraas ulfina isaa ni sodaatu. 20  “Inni furu+ gara Xiyoon,Gara warra Yaaqoob keessa jiranii fi yakka irraa deebiʼanii+ ni dhufa”+ jedha Yihowaan. 21  “Gama kootiin, kakuun isaanii wajjin gale kana dha”+ jedha Yihowaan. “Ammaa jalqabee bara baraaf, hafuurri koo inni si irra jiruu fi dubbiin koo inni ani afaan kee keessa kaaʼe, afaan kee, afaan ijoollee* keetii yookiin afaan ijoollee ijoollee* keetii keessaa hin badu” jedha Yihowaan.

Miiljaleewwan

Kal., “ulfaatee.”
Ykn., “duwwaa taʼetti.”
Kal., “ija isaa durattis hamaa ture.”
Ykn., “injifannoo isaaf.”
Ykn., “qolootti.”
Ykn., “injifannoos.”
Kal., “sanyii.”
Kal., “sanyii sanyii.”