Ibrootaaf 8:1-13
8 Yaadni ijoo wanta dubbachaa jirruu kana dha: Nuti luba ol aanaa akkasii qabna;+ inni samii keessatti mirga teessoo isa Ulfina Qabeessa sanaa taaʼeera;+
2 inni tajaajilaa* iddoo qulqulluu+ fi dunkaana dhugaa isa nama utuu hin taʼin Yihowaan* dhaabe sanaa ti.
3 Lubni ol aanaan hundi kennaa fi aarsaa dhiheessuuf muudama; kanaafuu, inni kunis wanta dhiheessu qabaachuun isaa barbaachisaa ture.+
4 Inni utuu lafa irra jira taʼee luba hin taʼu ture;+ sababiin isaas, namoonni akka Seerichaatti kennaa dhiheessan jiru turan.
5 Namoonni kun isa fakkeenyaa fi gaaddidduu+ wantoota samii keessa jiranii+ taʼe keessatti tajaajila qulqulluu dhiheessu; kunis akkuma yeroo Museen dunkaanicha hojjechuuf jedhetti Waaqayyo, “Wanta hunda pilaanii gaaricha irratti sitti argisiifame hordofiitii of eeggannoodhaan hojjedhu”+ jedhee isa ajajetti dha.
6 Amma garuu Yesuus kakuu isa caaluuf+ araarsaa+ waan taʼeef, tajaajila* isa hunda irra caalu fudhateera; kakuun kunis waadaawwan warra caalan irratti seeraan kan hundeeffame dha.+
7 Kakuun inni jalqabaa utuu hirʼina hin qabu taʼee, inni lammaffaan hin barbaachisu ture.+
8 Inni akkas jechuun isaa sabicha irratti hirʼina akka argate argisiisa: “‘Kunoo, guyyoonni ani mana Israaʼelii fi mana Yihudaa wajjin kakuu haaraa itti galu ni dhufu’ jedha Yihowaan.*
9 ‘Kunis akka kakuu isa yeroon biyya Gibxiitii isaan baasuuf+ harka isaanii qabetti abbootii isaanii wajjin gale sanaa miti; sababiin isaas, isaan kakuu kootti jabaatanii hin dhaabbanne; kanaafuu, anis isaaniif yaaduu nan dhiise’ jedha Yihowaan.*
10 “‘Guyyoota sana booda kakuun ani mana Israaʼelii wajjin galu isa kana’ jedha Yihowaan.* ‘Ani seerawwan koo sammuu isaanii keessa nan kaaʼa, garaa isaanii keessattis nan barreessa.+ Ani Waaqa isaanii nan taʼa, isaanis saba koo ni taʼu.+
11 “‘Sana booda isaan keessaa eenyu iyyuu, “Yihowaa* beeki!” jedhee lammii isaas taʼe obboleessa isaa hin barsiisu. Sababiin isaas, isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti hundi isaanii iyyuu na beeku.
12 Ani jalʼina isaan hojjetan isaaniif nan dhiisa, sana boodas cubbuu isaanii hin yaadadhu.’”+
13 Inni “kakuu haaraa” yommuu jedhu inni duraa sun yeroon kan itti darbe akka taʼu godheera.+ Amma wanti yeroon itti darbee fi dulloomaa jiru sun baduu jala gaʼeera.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “tajaajilaa uummataa.”
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ykn., “tajaajila uummataa.”
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.