Fakkeenya 10:1-32
10 Fakkeenya Solomoon.+
Ilmi ogeessi abbaa isaa ni gammachiisa,+Ilmi gowwaan garuu haadha isaa ni gaddisiisa.
2 Qabeenyi hamminaan argame gatii hin qabaatu,Qajeelummaan garuu duʼa irraa nama oolcha.+
3 Yihowaan namni qajeelaan* akka beelaʼu hin godhu,+Namoota hamoo garuu wanta hawwan ni dhowwata.
4 Harki hojii hiike hiyyummaa fida,+Harki jabaatee hojjetu garuu sooruma argamsiisa.+
5 Ilmi hubannaa guddaa qabu waqtii bonaatti midhaan walitti qabata,Ilmi nama qaanessu garuu, yeroo makaraatti hirriba cimaa rafa.+
6 Eebbi mataa nama qajeelaa irra jira,+Afaan nama hamaa garuu jeequmsa dhoksee qabata.
7 Yaadannoon* nama qajeelaa eebba argamsiisa,+Maqaan nama hamaa garuu tortoree bada.+
8 Namni garaa ogeessa taʼe qabu qajeelfama* ni fudhata,+Namni gowwummaadhaan dubbatu garuu ni dhidhiitama.+
9 Namni garaa qulqulluudhaan deddeebiʼu sodaa malee deema,+Namni karaa isaa jalʼaa godhu garuu ni qabama.+
10 Namni hammina yaadee ija isaatiin dubbatu gadda fida,+Namni gowwummaadhaan dubbatus ni dhidhiitama.+
11 Afaan nama qajeelaa madda jireenyaa ti,+Afaan nama hamaa garuu jeequmsa dhoksee qabata.+
12 Jibbi falmii kakaasa,Jaalalli garuu balleessaa hundumaa ni haguuga.+
13 Ogummaan afaan nama hubataa irra jira,+Uleen garuu dugda nama hubannaa* hin qabneef taʼa.+
14 Ogeeyyiin beekumsa ni kuufatu,+Afaan nama hamaa garuu badiisa waama.+
15 Qabeenyi sooressaa isaaf magaalaa dallaa dhagaa qabdu dha.
Badiisni hiyyeessotaa garuu hiyyummaa isaanii ti.+
16 Hojiin nama qajeelaa gara jireenyaatti geessa;Oomishni nama hamaa garuu gara cubbuutti geessa.+
17 Namni adaba fudhatu daandii gara jireenyaatti geessu dha,*Namni sirreeffama tuffatu garuu warra kaan karaa irraa jalʼisa.
18 Namni jibba isaa dhoksu soba dubbata,+Namni oduu* hamaa babalʼisus gowwaa dha.
19 Dubbiin yoo baayʼate, dogoggora hambisuun hin dandaʼamu,+Namni arraba isaa toʼatu hundi garuu of eeggataa dha.+
20 Arrabni nama qajeelaa akkuma meetii hunda caalaa baʼeessa taʼee ti,+Garaan nama hamaa garuu gatii hin qabu.
21 Afaan nama qajeelaa namoota hedduu ni soora,*+Gowwoonni garuu hubannaa dhabuu isaaniitiin kan kaʼe ni duʼu.+
22 Eebbi Yihowaa sooressa nama godha,+Innis isaa wajjin rakkina* tokko illee hin dabalu.
23 Nama gowwaadhaaf gocha qaanessaa irratti hirmaachuun akkuma taphaa ti,Ogummaan garuu kan nama hubannaa qabuu ti.+
24 Namni hamaan wanti inni sodaate isa irra gaʼa;Namoonni qajeeloon garuu hawwiin isaanii isaaniif guutama.+
25 Bubbeen yommuu darbu, namni hamaan hin jiraatu,+Namni qajeelaan garuu bara baraaf buʼuura dha.+
26 Akkuma wanti dhangaggaaʼaan ilkaan, aarris ija dheekkamsiisu,Dhibaaʼaanis nama isa ergate* ni dheekkamsiisa.
27 Yihowaa sodaachuun umurii dheeressa,+Umuriin hamootaa garuu ni gabaabbata.+
28 Wanti qajeelonni eeggatan* gammachuu argamsiisa,+Abdiin hamootaa garuu ni bada.+
29 Daandiin Yihowaa nama balleessaa hin qabneef dahoo dha,+Warra hammina hojjetaniif garuu badiisa dha.+
30 Namni qajeelaan matumaa akka kufu hin godhamu,+Namoonni hamoon garuu lafa irra jiraachuu isaanii itti hin fufan.+
31 Afaan nama qajeelaa ogummaa ni baasa,*Arrabni jalʼaan garuu ni cita.
32 Arrabni nama qajeelaa wanta nama gammachiisu beeka,Afaan hamootaa garuu jalʼaa dha.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “lubbuun nama qajeelaa.”
^ Ykn., “Maqaan.”
^ Kal., “ajaja.”
^ Kal., “qalbii.”
^ Ykn tarii, “geessu irra jira.”
^ Ykn., “jette jettee.”
^ Ykn., “ni qajeelcha.”
^ Ykn., “gadda.”
^ Ykn., “mindeeffate.”
^ Ykn., “abdatan.”
^ Ykn., “firii ogummaa ni godhata.”