Faaruu Ermiyaas 4:1-22
א [Aleef]
4 Warqiin calaqqisu, warqiin baʼeessi bifti isaa akkamitti jijjiirame!+
Dhagoonni qulqulluun+ golee* daandii hundumaatti akkamitti bittinnaaʼan!+
ב [Beet]
2 Ilmaan Xiyoon warri gatii guddaa qabanii fi akka warqii qulqulluutti ilaalaman,Akka hubboowwan* supheeWarra harka suphe dhooftuutiin tolfamanii kan taʼan akkamitti!
ג [Giimel]
3 Sardiidonni illee ilmoolee isaanii hoosisuuf mucha isaanii isaanitti qabu,Intalli saba kootii garuu akkuma guchiiwwan lafa onaatti+ gara jabeettii taate.+
ד [Daalet]
4 Daaʼimman harma hodhan dheebuu irraa kan kaʼe arrabni isaanii laagaa isaaniitti maxxane.
Ijoolleen nyaata kadhatu,+ garuu namni isaaniif kennu hin jiru.+
ה [Hii]
5 Warri nyaata gaggaarii nyaachaa turan, beelaʼanii* daandii irra ciciisu.+
Warri uffata gaggaarii* uffatanii guddatan,+ tuullaa daaraa hammataniiru.
ו [Waaw]
6 Adabni* intala saba kootii irra gaʼeAdaba Sodoom ishii cubbuu ishiitiin kan kaʼe harka ishii gargaaru dhabdee yeroo gabaabaa keessatti garagalfamte sanaa caalaa guddaa dha.+
ז [Zaayin]
7 Naazronni+ ishii cabbii caalaa qulqulluu, aannan caalaas adii turan.
Isaan elellaa caalaa diimaa turan; akkuma safiroos* kan cululuqan turan.
ח [Heet]
8 Fuulli isaanii cilaattii* caalaa gurraachaʼeera;Isaan daandii irratti hin hubataman.
Gogaan isaanii lafee isaanii irratti shuntuureera;+ inni akka muka gogee taʼeera.
ט [Teet]
9 Warra beelaan duʼan, warra akka waan waraanamaniitti hanqina nyaataatiin dirree keessatti dhuman irraWarra goraadeedhaan duʼan wayya.+
י [Yood]
10 Dubartoonni gara laafeyyii taʼan harkuma isaaniitiin ijoollee isaanii affeelan.+
Isaan, yeroo caba intala saba kootiitti nyaata gaddaa isaaniif taʼan.+
כ [Kaaf]
11 Yihowaan dheekkamsa isaa ni ibse;Aarii isaa isa bobaʼaas ni dhangalaase.+
Xiyoon keessatti ibidda buʼuurawwan ishii nyaatu ni qabsiise.+
ל [Lamed]
12 Mootonni lafaa fi jiraattonni lafa oomisha kennitu sanaa hundi,Hamajaajiinii fi diinni karrawwan Yerusaalemitti akka seene hin amanne.+
מ [Meem]
13 Kunis kan taʼe, cubbuu raajotaa fi balleessaa luboota ishii+Warra ishii keessatti dhiiga qajeelotaa dhangalaasan sanaatiin kan kaʼe dha.+
נ [Nuun]
14 Isaan jaamanii daandiiwwan irra asii fi achi jooran.+
Dhiigaan waan faalamaniif,+Eenyu iyyuu uffata isaanii tuquu hin dandaʼu.
ס [Saamek]
15 Isaan, “Asii deemaa! Isin xuraaʼoo dha! Asii deemaa! Asii deemaa! Nu hin tuqinaa” jedhanii isaanitti iyyu.
Sababiin isaas, isaan mana dhabanii asii fi achi jooru.
Namoonnis saboota gidduutti akkana jedhu: “Isaan nuu wajjin as jiraachuu* hin dandaʼan.+
פ [Pee]
16 Fuulli Yihowaa isaan bittinneesseera;+Inni kana booda gaarummaa isaanitti hin argisiisu.
Namoonni luboota hin kabajan,+ jaarsoliittis gaarummaa hin argisiisan.”+
ע [Ayiin]
17 Amma iyyuu ijji keenya akkasumaan gargaarsa argachuuf eeggachuutti dadhabeera.+
Gargaarsa argachuuf gara saba nu oolchuu hin dandeenyeetti+ ilaaluu keenya ittuma fufne.
צ [Tsadee]
18 Nuti addabaabayiiwwan keenya irra deemuu akka hin dandeenyetti isaan tarkaanfii keenya hundumaa irratti adamsanii nu qabataniiru.+
Dhumni keenya dhihaateera; dhumni keenya waan gaʼeef, guyyoonni keenya dhumaniiru.
ק [Qoof]
19 Warri nu ariʼan risaa samii keessa barrisu caalaa saffisa qabu.+
Isaan gaarota irratti nu ariʼan; lafa onaa keessattis riphanii nu eeggatan.
ר [Reesh]
20 Hafuurri funyaan keenyaa, inni Yihowaan dibe+Inni waaʼee isaa, “Nuti gaaddisa isaa jalatti saboota gidduu jiraanna” jenne sun boolla isaanii isa guddaa keessatti qabameera.+
ש [Siin]
21 Yaa intala Edoom+ ishii biyya Uuz keessa jiraachaa jirtu nana, gammadi, ililchis.
Haa taʼu malee, xoofoon sun siifis ni kennama,+ atis ni machoofta, qullaa kees ni mulʼista.+
ת [Taaw]
22 Yaa intala Xiyoon, adabni balleessaa keetiin si irra gaʼu xumurameera.
Inni lammata boojiʼee si hin fudhatu.+
Yaa intala Edoom, kanaa mannaa inni xiyyeeffannaa isaa gara keetti ni deebisa.
Inni cubbuu kee ni saaxila.+
Miiljaleewwan
^ Kal., “mataa.”
^ Ykn., “okkoteewwan.”
^ Kal., “onanii.”
^ Kal., “diimaa.”
^ Kal., “Balleessaan.”
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Kal., “gurraachina.”
^ Ykn., “namoota biyya ormaa taʼanii as jiraachuu.”