Faarfannaa 36:1-12
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit isa tajaajilaa Yihowaa taʼe sanaa.
36 Balleessaan garaa nama hamaa isa gad fagoo keessatti ni dubbata;Waaqayyoon sodaachuunis ija isaa dura hin jiru.+
2 Inni hamma dogoggora isaa hubachuu fi jibbuu dadhabutti,Akka malee of jaja.+
3 Dubbiin afaan isaa kan nama miidhuu fi kan nama gowwoomsu dha;Wanta gaarii taʼe gochuuf hubannaa hin qabu.
4 Siree isaa irratti illee wanta nama miidhu yaada.
Daandii gaarii hin taane irra dhaabbata;Wanta hamaa taʼe irraa hin fagaatu.
5 Yaa Yihowaa, jaalalli kee inni amanamaan hamma samiitti,+Amanamummaan kees hamma duumessootaatti ni gaʼa.
6 Qajeelummaan kee akka gaarota guguddoo* ti;+Murtiiwwan kees akka bishaan balʼaa fi gad fagoo taʼee ti.+
Yaa Yihowaa, namaa fi bineensa situ jiraachisa.*+
7 Yaa Waaqayyo, jaalalli kee inni amanamaan hammam ulfina qabeessa dha!+
Ilmaan namootaa gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu galu.+
8 Isaan badhaadhina* mana keetii irraa dhuganii ni quufu,+Atis laga gammachuu kee irraa akka dhugan ni goota.+
9 Ati madda jireenyaa ti;+Ifa keetiin ifa arguu dandeenya.+
10 Warra si beekanitti jaalala kee isa amanamaa,+Warra garaan isaanii qajeelaa taʼettis qajeelummaa argisiisuu kee itti fufi.+
11 Miilli warra of tuulanii akka na irra ejjetu,Harki namoota hamoos akka na ariʼu hin godhin.
12 Kunoo, warri balleessaa raawwatan kukkufaniiru;Isaan rukutamanii kufaniiru, ol kaʼuus hin dandaʼan.+