Faarfannaa 35:1-28

  • Kadhannaa diinota irraa ooluuf dhihaate

    • Diinonni ni ariʼamu (5)

    • Namoota hedduu gidduutti Waaqa jajachuu (18)

    • Sababa malee jibbamuu (19)

Faarfannaa Daawit. 35  Yaa Yihowaa, dhimma seeraa koo irratti warra na morman naaf falmi;+Warra naan lolan loli.+   Gaachana kee isa xinnoo* fi gaachana kee isa guddaa fudhadhuutii,+Naaf falmuuf kaʼi.+   Eeboo kee fi qottoo waraanaa kee warra na ariʼatan irratti kaasi.+ “Kan si fayyisu ana dha” naan jedhi.+   Warri lubbuu koo adamsan haa qaanaʼan, haa salphatanis.+ Warri na balleessuuf natti malatan salphatanii duubatti haa deebiʼan.   Isaan akka habaqii bubbee keessaa haa taʼan;Maleekaan Yihowaas isaan haa ariʼu.+   Yommuu maleekaan Yihowaa isaan hordofus,Daandiin isaanii dukkanaa fi mucuca haa taʼu.   Isaan sababii malee na qabuuf dhoksaatti saaphana diriirsaniiru;Sababii malees boolla naaf* qotaniiru.   Akka tasaa balaan isaan irra haa gaʼu;Saaphanni isaan dhoksaatti kaaʼan isaan haa qabu;Isaan achi keessatti kufanii haa badan.+   Ani garuu Yihowaatti nan gammada;Gochawwan fayyinaa isaattis nan gammada. 10  Lafeewwan koo hundi akkana jedhu: “Yaa Yihowaa, kan akka keetii eenyu? Ati nama gargaarsa hin qabne warra isa caalaa ciccimoo taʼan jalaa,+Isa gargaarsa hin qabnee fi isa hiyyeessa taʼes, warra isaan saaman jalaa ni oolchita.”+ 11  Ragoonni hamoo taʼan dhihaatanii,+Wanta ani waaʼee isaa homaa hin beekne na gaafatan. 12  Wanta gaarii ani godheef hamaa naaf deebisan,+Akka gaddi natti* dhagaʼamus ni godhan. 13  Yommuu isaan dhukkubsatanitti garuu, ani uffata gaddaa nan uffadhe,Soomaan of* nan cunqurse;Yeroo kadhannaan koo deebii utuu hin argatin hafettis,* 14  Akka waan michuun koo yookiin obboleessi koo duʼeetti asii fi achi deemaa nan booʼe;Akka namni tokko haadha isaatiif booʼuttis gaddaan mataa koo gad nan qabe. 15  Yommuu ani gufadhetti garuu, isaan gammadanii walitti qabaman;Riphanii na rukutuufis walitti qabaman;Na cicciran, dubbiidhaan na waraanuu isaaniis itti fufan. 16  Warri Waaqa hin sodaanne tuffiidhaan natti qoosu;*Ilkaan isaaniis natti qaratu.+ 17  Yaa Yihowaa, hamma yoomiitti callistee ilaalta?+ Haleellaa isaanii irraa na* oolchi;+Lubbuu koo isa gatii guddaa qabus* leencota saafela jalaa oolchi.+ 18  Anis gumii guddaa keessatti galata siif nan galcha;+Namoota hedduu gidduuttis sin jajadha. 19  Warri sababii malee diinota koo taʼan rakkina na irra gaʼetti akka gammadan hin heyyamin;Warri sababii malee na jibban hamminaan ijaan akka walitti himan hin heyyamin.+ 20  Isaan dubbii nagaa hin dubbatan,Kanaa mannaa, namoota biyyattii warra naga qabeeyyii taʼan irratti haxxummaadhaan mala qopheessu.+ 21  Isaan, “Ishoo! Ishoo! Ijji keenya kana argeera” jechaa,Na himachuuf afaan isaanii balʼisanii banu. 22  Yaa Yihowaa, ati kana argiteetta. Calluma hin jedhin.+ Yaa Yihowaa, na irraa hin fagaatin.+ 23  Naaf falmuuf dammaqi, kaʼis,Yaa Waaqa koo Yihowaa, dhimma seeraa koo irratti naaf falmi. 24  Yaa Waaqa koo Yihowaa, akka qajeelummaa keetti naaf murteessi;+Isaan rakkina na irra gaʼetti akka gammadan hin godhin. 25  Isaan matumaa garaa isaaniitti, “Ishoo! Wanta barbaanne arganneerra”* hin jedhin. Isaan matumaa, “Isa liqimsineerra” hin jedhin.+ 26  Warri rakkina na irra gaʼetti gammadan hundi,Haa qaanaʼan, haa salphatanis. Warri ana irratti ol of qaban qaanii fi salphina haa uffatan. 27  Warri qajeelummaa kootti gammadan garuu haa ililchan;Isaan yeroo hundumaa,“Yihowaan inni nagaa tajaajilaa isaatti gammadu ulfina haa argatu”+ haa jedhan. 28  Achiis arrabni koo qajeelummaa kee irra deddeebiʼee dubbata,*+Guyyaa guutuus si jajata.+

Miiljaleewwan

Gaachana xixinnoo yeroo baayʼee warri xiyya darbatan qabatan.
Ykn., “lubbuu kootiif.”
Ykn., “lubbuu kootti.”
Ykn., “bobaa kootti deebiʼettis.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn tarii, “bixxillee tokkoof jedhanii qoosu.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Kal., “Takkittii tiyya,” lubbuu isaa ykn jireenya isaa argisiisa.
Ykn., “Ishoo! Lubbuu keenya.”
Ykn., “irratti xiinxala.”