Faarfannaa 125:1-5

  • Yihowaan saba isaa ni eega

    • “Akkuma gaaronni Yerusaalemitti marsan” (2)

    • “Israaʼel irratti nagaan haa taʼu” (5)

Faarfannaa Ol Baʼuu. 125  Warri Yihowaatti amanaman,+Akkuma Gaara Xiyoon isa raafamuu hin dandeenyee fiBara baraaf jabaatee dhaabbatuu ti.+   Akkuma gaaronni Yerusaalemitti marsan,+Ammaa jalqabee bara baraafYihowaan saba isaatti ni marsa.+   Qajeelonni wanta sirrii hin taane gochuutti akka hin garagalleef,*+Uleen mootii hamminaa lafa qajeelotaaf ramadame keessatti hin hafu.+   Yaa Yihowaa, warra gaarii taʼaniif,Warra garaa qajeelaa qabaniif+ wanta gaarii godhi.+   Yihowaan warra daandii isaanii isa micciiramaatti deebiʼanNamoota yakka raawwatanii wajjin ni balleessa.+ Israaʼel irratti nagaan haa taʼu.

Miiljaleewwan

Ykn., “harka isaanii akka hin garagalchineef.”