Faarfannaa 111:1-10
111 Yaahiin jajadhaa!*+
א [Aleef]
Garee qajeelotaa walitti qabamee fi gumii keessattiב [Beet]Garaa koo guutuudhaan Yihowaa nan jajadha.+
ג [Giimel]
2 Hojiin Yihowaa guddaa dha;+ד [Daalet]Namoonni itti gammadan hundi isa ni qoʼatu.+
ה [Hii]
3 Gochi isaa ulfina qabeessaa fi simbo qabeessa dha,ו [Waaw]Qajeelummaan isaas bara baraaf jabaatee dhaabbata.+
ז [Zaayin]
4 Hojiiwwan isaa warri dinqisiisoo taʼan akka yaadataman godha.+
ח [Heet]
Yihowaan gara laafessaa* fi araara qabeessa dha.+
ט [Teet]
5 Warra isa sodaataniif nyaata ni kenna.+
י [Yood]
Kakuu isaa bara baraaf ni yaadata.+
כ [Kaaf]
6 Dhaala sabootaa isaaniif kennuudhaan,+ל [Laamed]Hojiiwwan isaa warra ciccimoo saba isaatiif ibseera.
מ [Meem]
7 Hojiiwwan harka isaa dhugaa fi haqa dha;+נ [Nuun]Ajajawwan isaa hundi kan amanamani dha.+
ס [Saamek]
8 Isaan ammas taʼe bara baraaf yeroo hundumaa amansiisoo dha;*ע [Ayiin]Dhugaa fi qajeelummaa irrattis kan hundaaʼani dha.+
פ [Pee]
9 Inni saba isaatiif furii kenneera.+
צ [Tsadee]
Kakuun isaa bara baraaf akka turu ajajeera.
ק [Qoof]
Maqaan isaa qulqulluu fi sodaachisaa dha.+
ר [Reesh]
10 Yihowaa sodaachuun jalqaba ogummaa ti.+
ש [Siin]
Warri ajajawwan isaa* eegan hundi hubannaa akka qaban argisiisu.+
ת [Taaw]
Jajamuun isaa bara baraaf jabaatee dhaabbata.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
^ Ykn., “arjaa.”
^ Ykn., “hundee gaarii kan qabani dha.”
^ Kal., “isaan.”