Ermiyaas 50:1-46
50 Dubbiin Yihowaan Baabilon+ ishii biyya Kaladootaa taate ilaalchisee karaa Ermiyaas raajichaa dubbate isa kana:
2 “Saboota gidduutti kana labsaa, beeksisaas.
Mallattoo* dhaabaa, kana beeksisaa.
Wanta tokko iyyuu hin dhoksinaa!
Akkana jedhaa: ‘Baabilon qabamteetti.+
Beel qaaneffameera.+
Merodaak sodaateera.
Fakkiiwwan ishii qaaneffamaniiru.
Waaqoliin tolfamoon ishii warri balfamoo* taʼan sodaataniiru.’
3 Sababiin isaas, sabni tokko kaaba irraa ishiitti dhufeera.+
Inni biyya ishii bakka sodaachisaa ni godha;Eenyu iyyuu ishii keessa hin jiraatu.
Namnis taʼe horiin achi keessaa baqateera;Isaan achii deemaniiru.”
4 Yihowaan akkana jedha: “Guyyaa sanattii fi yeroo sanatti namoonni Israaʼelii fi namoonni Yihudaa waliin ni dhufu.+ Yommuu deemanis ni booʼu;+ waliin taʼanii Waaqa isaanii Yihowaa ni barbaaddatu.+
5 Isaan daandii gara Xiyoonitti geessu ni gaafatu; fuula isaanii kallattii sanatti deebisanii,+ ‘Kottaa, kakuu bara baraa isa hin irraanfatamneen Yihowaatti haa maxxannu’ jedhu.+
6 Sabni koo tuuta hoolota badanii taʼeera.+ Tiksitoonni isaanii karaa irraa akka isaan goran godhaniiru.+ Isaan gara gaarotaatti isaan oofanii gaaraa fi tabba irra akka jooran godhaniiru. Isaanis iddoo boqonnaa isaanii irraanfataniiru.
7 Warri isaan argatan hundi isaan ni nyaatan;+ diinonni isaaniis, ‘Isaan Yihowaa irratti, iddoo boqonnaa isa qajeelaa irrattii fi Yihowaa isa abdii abbootii isaanii taʼe irratti cubbuu waan hojjetaniif, nuti itti hin gaafatamnu’ jedhan.”
8 “Baabilon gidduudhaa baqadhaa,Biyya Kaladootaa keessaa baʼaa,+Akkuma horiiwwan bushaayee dura buʼanii deemanii taʼaa.
9 Sababiin isaas, kunoo ani biyya kaabaa irraa yaaʼii saboota guddaa tokko kaaseeBaabilon irratti nan fida.+
Isaan waraanaaf tarree galanii ishiitti ni dhufu;Ishiinis achiin ni qabamti.
Xiyyawwan isaanii akkuma xiyya loltuu ti,Ijoollee malee isaan hambisu;+Isaan buʼaa malee hin deebiʼan.
10 Biyyi Kaladootaa ni boojiʼamti.+
Warri ishii irraa boojuu fudhatan hundis akka gaariitti ni quufu”+ jedha Yihowaan.
11 “Sababiin isaas, isin yommuu dhaala koo saamtanitti,+Gammaddaniittu,+ ililchitaniittus.
Isin akkuma goromsa marga keessa jirtuutti lafa dhidhiittaniittu,Akkuma fardeen kormaattis himimsitaniittu.
12 Haati keessan qaanofteetti.+
Ishiin isin deesse gadditeetti.
Kunoo, ishiin saboota gidduudhaa hundumaa irraa gad,Lafa onaa bishaan hin qabnee fi gammoojjii taateetti.+
13 Dheekkamsa Yihowaatiin kan kaʼe, bakka namni keessa jiraatu hin taatu;+Ishiin guutummaatti ni onti.+
Namni Baabilon bira darbu kam iyyuu sodaadhaan ishii ilaala,Dhaʼicha ishii irra gaʼe hundumaatiin kan kaʼes ni siiqsa.+
14 Isin warri iddaa dabsitan* hundi,Waraanaaf tarree galaatii kallattii hundumaatiin Baabilonitti kottaa.
Ishiin cubbuu kan hojjette Yihowaa irratti waan taʼeef,+Xiyya ishiitti darbadhaa, homaas hin hambisinaa.+
15 Kallattii hundumaatiin iyya waraanaa ishii irratti dhageessisaa.
Ishiin harka kenniteetti.
Yihowaan haaloo waan baʼeef,+Utubaawwan ishii kufaniiru, dallaawwan ishiis diigamaniiru.+
Haaloo ishii irratti baʼaa.
Wantuma ishiin raawwatte ishii irratti raawwadhaa.+
16 Isa midhaan facaasu,Isa yeroo makaraatti haamtuu qabatus Baabilon keessaa balleessaa.+
Goraadee gara jabeessa taʼeen kan kaʼe, tokkoon tokkoon isaanii gara saba isaaniitti deebiʼu,Tokkoon tokkoon isaaniis gara biyya isaaniitti baqatu.+
17 “Sabni Israaʼel hoolota bittinnaaʼani dha.+ Leenconni isaan bittinneessaniiru.+ Jalqaba mootiin Asoor isaan ni nyaate;+ achiis Nebukadnezaar* mootiin Baabilon lafee isaanii ni caccabse.+
18 Kanaafuu, Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Kunoo, wantuman mootii Asoor irratti raawwadhe,+ mootii Baabilonii fi biyya isaa irrattis nan raawwadha.
19 Israaʼeliin gara iddoo dheedichaa isaatti nan deebisa;+ innis Qarmeelos irra, Baashaan+ irra, gaarota Efreemii+ fi gaarota Giiliyaad+ irra ni dheeda, ni quufas.’”
20 Yihowaan akkana jedha: “Guyyaa sanattii fi yeroo sanatti,Warra akka jiraatan ani isaaniif heyyame sanaaf dhiifama waanan godhuuf,Yakki Israaʼel ni barbaadama,Garuu homtuu hin argamu,Cubbuun Yihudaas hin argamu.”+
21 “Biyya Meraataayimittii fi jiraattota Pheeqoditti+ ol baʼi.
Isaan haa ajjeefaman, guutummaattis haa balleeffaman”* jedha Yihowaan.
“Wantan si ajaje hundumaa raawwadhu.
22 Biyyattii keessatti sagaleen waraanaa,Sagaleen badiisa guddaas ni dhagaʼama.
23 Burruusni guutummaa lafaa kan kutamee fi kan cabe akkamitti!+
Baabilon saboota gidduutti wanta sodaachisaa kan taate akkamitti!+
24 Yaa Baabilon, ani kiyyoo siif kaaʼeera, atis qabamteetta,Ati kana hin hubanne.
Ati kan mormite Yihowaa waan taʼeef,Ni argamte, ni qabamtes.+
25 Yihowaan mana kuusaa isaa baneera,Meeshaawwan waraanaa dheekkamsa isaas gad ni baasa.+
Sababiin isaas, Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan RaayyaaBiyya Kaladootaa keessatti hojii tokko qaba.
26 Iddoowwan fagoo irraa ishii irratti kottaa.+
Gootaraawwan ishii banaa.+
Akkuma tuullaa midhaaniitti ishii tuulaa.
Guutummaatti ishii balleessaa.+
Ishiin nama ishiidhaaf hafu tokko illee hin qabaatin.
27 Jiboota ishii hundumaa fixaa;+Isaan qalamuuf gad haa buʼan.
Guyyaan isaanii,Yeroon itti qorataman waan dhihaateef, isaaniif wayyoo!
28 Waaqni keenya Yihowaan haaloo baʼuu isaa,Inni mana qulqullummaa isaatiif haaloo baʼuu isaa+ Xiyoon keessatti labsuuf,Sagaleen namoota baqachaa jiranii,Sagaleen namoota biyya Baabilon keessaa miliqaa jiraniis ni dhagaʼama.
29 Warra xiyya darbatan,Warra iddaa dabsan* hundumaas Baabilon irratti waamaa.+
Naannoo ishii hundumaatti marsaa; eenyu iyyuu akka miliqu hin godhinaa.
Akka gocha ishiitti ishiidhaaf deebisaa.+
Wantuma ishiin raawwatte ishii irratti raawwadhaa.+
Sababiin isaas, ishiin Yihowaa irratti,Isa Qulqulluu kan Israaʼel irratti gocha of tuulummaa raawwatteetti.+
30 Kanaafuu, dargaggoonni ishii addabaabayiiwwan ishii irratti ni kukkufu,+Loltoonni ishii hundis guyyaa sanatti ni dhumu”* jedha Yihowaan.
31 Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Yaa ishii didduu taate nana,+ kunoo, ani si irratti kaʼeera,+Sababiin isaas, guyyaan kee, yeroon ati itti adabamtu ni dhufa.
32 Yaa ishii didduu taate nana, ati ni gufatta, akkasumas ni kufta,Namni ol si kaasus hin jiru.+
Magaalota keetti ibidda nan qabsiisa,Innis wanta naannoo keetti argamu hundumaa ni nyaata.”
33 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:
“Sabni Israaʼelii fi sabni Yihudaa cunqurfamaniiru,Warri boojuudhaan isaan fudhatan hundis isaan qabataniiru.+
Isaan gadhiisuus didaniiru.+
34 Haa taʼu malee, inni isaan furu jabaa dha.+
Maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti.+
Biyyattiidhaaf boqonnaa kennuuf,+Jiraattota Baabilon irrattis jeequmsa fiduuf,+Inni dhugumaan dhimma seeraa isaanii irratti isaaniif ni falma.”+
35 Yihowaan akkana jedha: “Kaladoota irratti,Jiraattota Baabilon irratti, bulchitoota ishii fi namoota ishii warra ogeeyyii taʼan irratti goraadeen luqqifameera.+
36 Warra dubbii gatii hin qabne dubbatan* irratti goraadeen luqqifameera; isaanis gocha gowwummaa ni raawwatu.
Loltoota ishii irratti goraadeen luqqifameera; isaanis ni sodaatu.+
37 Fardeen isaanii fi gaariiwwan fardaa waraanaa isaanii irratti,Uummata walitti makamee fi ishii gidduutti argamu hundumaa irratti goraadeen luqqifameera,Isaanis akkuma dubartootaa ni taʼu.+
Qabeenya ishii irratti goraadeen luqqifameera, innis ni saamama.+
38 Bishaanota ishii irratti badiisni dhufeera, isaanis ni gogu.+
Sababiin isaas, ishiin biyya fakkiiwwan bocamanii ti,+Mulʼata isaanii isa sodaachisaa taʼeen kan kaʼes isaan gocha maraatummaa ni raawwatu.
39 Kanaafuu, uumamawwan gammoojjii bineensota caraananii wajjin ni jiraatu,Guchiiwwanis ishii keessa ni jiraatu.+
Ishiin kana booda matumaa bakka namni keessa jiraatu hin taatu,Dhaloota hundumaa keessattis bakka jireenyaa hin taatu.”+
40 Yihowaan akkana jedha: “Akkuma yeroo Waaqayyo Sodoomii fi Gomoraa,+ akkasumas magaalota ollaa isaanii turan garagalchetti+ taʼe, eenyu iyyuu achi hin jiraatu, namni tokko illees achi hin buufatu.+
41 Kunoo, sabni tokko kaaba irraa ni dhufa;Sabni guddaanii fi mootonni guguddoonis,+Andaara lafaa irraa ni kaʼu.+
42 Isaan iddaa fi eebootti ni fayyadamu.+
Isaan gara jabeeyyii dha; gara laafinas hin argisiisan.+
Yommuu fardeen isaaniitiin gulufanitti,Sagaleen isaanii akkuma galaana huursuu ti.+
Yaa intala Baabilon, isaan waraanaaf tarree galanii akkuma nama tokkootti sitti dhufu.+
43 Mootiin Baabilon waaʼee isaanii oduu dhagaʼeera,+Harki isaas laafeera.+
Dhiphinni isa qabata,Akkuma dubartii ciniinsuu irra jirtuus ni dhiphata.
44 “Kunoo, qaamni tokko akka leenca tusii gobbuu Yordaanos bira jiru keessaa baʼuutti iddoo dheedichaa amansiisaa taʼe kanatti ni dhufa; ani garuu yeruma sana ishii irraa akka baqatan nan godha. Isa filatame sanas ishii irratti nan muuda.+ Kan akka kootii eenyu? Kan na mormu hoo eenyu? Tikseen na dura dhaabbachuu dandaʼu isa kami?+
45 Kanaafuu, yaa namootaa, murtoo Yihowaan Baabilon irratti dabarsee+ fi wanta inni biyya Kaladootaa irratti fiduu yaade dhagaʼaa.
Ilmooleen bushaayee sanaa harkifamanii fudhatamuun isaanii hin oolu.
Inni isaaniin kan kaʼe iddoo jireenyaa isaanii ona ni godha.+
46 Sagalee yommuu Baabilon qabamtu dhagaʼamuun kan kaʼe lafti ni kirkirti,Saboota gidduuttis iyyi ni dhagaʼama.”+
Miiljaleewwan
^ Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.
^ Ykn., “Jirma mallattoo.”
^ Kal., “irra dhaabbattan.”
^ Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.
^ Ykn., “guutummaatti isaan balleessi.”
^ Kal., “irra dhaabbatan.”
^ Kal., “cal jechisiifamu.”
^ Ykn., “raajota sobaa.”