Ermiyaas 45:1-5

  • Dhaamsa Yihowaan Baarukitti dhaame (1-5)

45  Yehoyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii taʼee waggaa arfaffaatti,+ yommuu Baaruk+ ilmi Neriyaa dubbii Ermiyaas afaaniin itti hime kana kitaaba irratti barreessetti+ dubbiin Ermiyaas isatti dubbate isa kana:  “Yaa Baaruk, Yihowaan Waaqni Israaʼel waaʼee kee akkana jedha:  ‘Ati, “Yihowaan rakkina koo irratti gadda waan dabaleef, anaaf wayyoo! Aaduu koo irraa kan kaʼe dadhabeera; bakka boqonnaas hin arganne” jetteetta.’  “Akkana isaan jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, ani guutummaa biyyattii keessatti wantan ijaare nan diiga, wantan dhaabes nan buqqisa.+  Ati garuu ofii keetiif wantoota guguddaa barbaadaa* jirta. Wantoota akkanaa barbaaduu kee dhiisi.”’ “‘Sababiin isaas, ani foon* hundumaa irratti badiisa nan fida,+ bakka dhaqxu hundumaattis lubbuu kee akka boojuutti siif nan kenna’* jedha Yihowaan.”+

Miiljaleewwan

Ykn., “eeggachaa.”
Ykn., “namoota.”
Ykn., “lubbuu kee wajjin akka miliqxu nan godha.”