Hisqiʼel 47:1-23
47 Achiis inni gara balbala mana qulqullummaatti+ na deebise; anis achitti gubanii balbala mana qulqullummaa jalaa bishaan gara bahaatti yommuu yaaʼu nan arge;+ fuuldurri mana qulqullummaa sanaa gara bahaatti kan garagale ture. Bishaanichi kallattii mirgaa mana qulqullummaa jalaa baʼee iddoo aarsaa irraa kallattii kibbaatiin gad yaaʼa ture.
2 Sana booda inni karaa karra isa kaabaatiin+ gara alaatti gad na baasee naannessee gara karra isa alaa isa gara bahaatti garagalee jirutti+ na geesse; anis gara mirgaatiin bishaan suuta yaaʼu nan arge.
3 Namichi sun wadaroo safaraa harkatti qabatee+ gara bahaatti gad baʼuudhaan dhundhuma* 1,000 ni safare; achiis bishaanicha keessa akkan darbu godhe; bishaanichis gulubii* bira gaʼa ture.
4 Sana booda ammas dhundhuma 1,000 safaree bishaanicha keessa akkan darbu godhe; bishaanichis jilba bira gaʼa ture.
Ammas dhundhuma 1,000 safaree bishaanicha keessa akkan darbu godhe; bishaanichis mudhii bira gaʼa ture.
5 Ammas inni dhundhuma 1,000 ni safare; innis laga ani miilaan ceʼuu hin dandeenye ture; sababiin isaas, bishaanichi baayʼee gad fagoo taʼuu isaatiin kan kaʼe, laga namni tokko yoo daake malee miilaan keessa ceʼuu hin dandeenye taʼee ture.
6 Innis, “Yaa ilma namaa, kana argiteettaa?” naan jedhe.
Achiis miilaan deemee gara qarqara lagichaatti akkan deebiʼu godhe.
7 Yommuun deebiʼus qarqara lagichaa biratti garanaa fi garasiin mukeetii baayʼee hedduu taʼan nan arge.+
8 Innis akkana naan jedhe: “Bishaan kun gara naannoo bahaatti yaaʼa; achiis Arabaa*+ keessa gad buʼuudhaan gara galaanichaatti seena. Yommuu gara galaanichaatti seenus+ bishaan achi keessa jiru ni fayya.
9 Bakka bishaanonni sun* itti yaaʼan hundumaatti uumamawwan jiraatoon* hedduun jiraachuu ni dandaʼu. Bishaan kun gara achiitti waan yaaʼuuf, qurxummiin baayʼinaan ni argama. Bishaanichi ni fayyifama; iddoo lagichi itti yaaʼu hundumaa keessa wanti jiru hundis lubbuudhaan ni jiraata.
10 “Een Gedii+ irraa jalqabee hamma Een Eglaayimitti namoonni qurxummii kiyyeessan isa bira ni dhaabbatu; bakki saaphana qurxummii afanii itti gogsan achi jira. Akaakuuwwan qurxummii hedduun akka qurxummii Galaana Guddaa*+ taʼanis achitti ni argamu.
11 “Iddoowwan caffee fi dhaqdhaqii taʼanis achitti ni argamu; isaan hin fayyifaman. Isaan iddoo soogiddaa taʼanii hafu.+
12 “Akaakuuwwan mukeetii nyaataaf taʼanii hundi qarqara laga sanaatti garanaa fi garasiin ni biqilu. Baalli isaanii hin coolligu, firii kennuus hin dhiisan. Bishaan iddoo qulqulluu sana keessaa waan isaaniif yaaʼuuf,+ isaan jiʼa jiʼaan firii haaraa ni godhatu. Firiin isaanii nyaataaf, baalli isaanii immoo qorichaaf ni tajaajila.”+
13 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Naannoon isin akka dhaalaatti gosoota Israaʼel 12niif ramaddan isa kana; Yoseef immoo gaʼee lama ni argata.+
14 Isin isa ni dhaaltu; qooda wal qixa taʼes ni argattu.* Ani lafa kana abbootii keessaniif akkan kennu kakadheen ture;+ kunoo, amma immoo akka dhaalaatti isiniif ramadameera.*
15 “Kallattii kaabaatiin daangaan biyyattii isa kana: Galaana Guddaa irraa kaʼee daandii Hetloonitti+ geessu irra darbee gara Zedaaditti,+
16 Hamaatitti,+ Beerotaatittii+ fi Sibraayim ishii naannoo Damaasqoo fi naannoo Hamaat gidduutti argamtuutti, achiis gara Hazeer Hatikoon ishii daangaa Hawuraan+ irratti argamtuutti qajeela.
17 Akka kanaan daangaan kun galaanicha irraa kaʼee, kallattii kaabaa daangaa Damaasqoo fi daangaa Hamaat+ bira darbuudhaan gara Hazaar Enoonitti+ qajeela. Kun daangaa isa kaabaa ti.
18 “Kallattiin inni bahaa immoo Hawuraanii fi Damaasqoo gidduu, akkasumas Yordaanos isa Giiliyaadii+ fi biyya Israaʼel gidduutti argamu bira darba. Isin daangaa sana irraa jalqabee hamma galaana isa bahaatti* safaraa. Kun daangaa isa bahaa ti.
19 “Daangaan inni kibbaa* Taamaar irraa kaʼee gara bishaanota Maribaat Qaadeshitti,+ achiis gara Laga Gogaa* fi gara Galaana Guddaatti+ qajeela. Kun daangaa isa kibbaa ti.*
20 “Kallattii dhihaatiin Galaanni Guddaan kan jiru yeroo taʼu, innis daangaa sana irraa kaʼee hamma iddoo Lebo Hamaat*+ fuullee jiruutti qajeela. Kun daangaa isa dhihaa ti.”
21 “Biyya kana ofiif, jechuunis gosoota Israaʼel 12niif hiradhaa.
22 Biyya kana ofiif, akkasumas namoota biyya ormaa isinii wajjin jiraatanii fi yeroo isin gidduu jirachaa turanitti ijoollee godhataniif hiraa; isaan isin biratti akkuma lammii Israaʼelitti ilaalamu. Isaan isinii wajjin gosoota Israaʼel gidduutti dhaala argatu.
23 Nama biyya ormaatiif naannoo gosa inni gidduu jiraachaa jiru keessatti dhaala isaaf kennaa” jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.
Miiljaleewwan
^ Kun dhundhuma dheeraa argisiisa. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
^ Ykn., “koronyoo.”
^ Ykn., “gammoojjii sana.”
^ Kal., “lageen lamaan.”
^ Ykn., “lubbuuwwan.”
^ Jechuunis, Meditiraaniyaa.
^ Kal., “tokkoon tokkoon keessanis akka obboleessa keessaniitti isa ni dhaaltu.”
^ Kal., “baʼeera.”
^ Jechuunis, Galaana Duʼaa.
^ Kal., “Kallattiin kibbaa kallattii kibbaatiin jiru.”
^ Jechuunis, Laga Gogaa Gibxii.
^ Kal., “kallattii kibbaa kallattii kibbaatiin jiru dha.”
^ Ykn., “karra Hamaat.”