Daaniʼel 4:1-37

  • Nebukadnezaar Mootichi waaʼee mootummaa Waaqaa hubate (1-3)

  • Abjuu mootichi muka tokko ilaalchisee arge (4-18)

    • Muka kufe sana irratti barri torba ni darba (16)

    • Waaqni Bulchaa ilmaan namootaa ti (17)

  • Daaniʼel abjuu sana ni hiike (19-27)

  • Raawwii isaa isa jalqabaa mooticha irratti argate (28-36)

    • Mootichi bara torbaaf maraate (32, 33)

  • Mootichi Waaqa samiitiif ulfina kenne (37)

4  Nebukadnezaar Mooticha irraa uummata, sabootaa fi namoota qooqa garaa garaa dubbatan warra guutummaa lafaa irra jiraatan hundumaatiif: Nagaan isiniif haa baayʼatu!  Mallattoo fi dinqii Waaqni Hundaa Olii anaaf raawwate yommuun isinitti himu gammachuutu natti dhagaʼama.  Mallattoon isaa guddaa, dinqiin isaas jabaa dha! Mootummaan isaa mootummaa bara baraa ti, bulchiinsi isaas dhalootaa hamma dhalootaatti itti fufa.+  “Ani Nebukadnezaar, mana koo keessa yaaddoo malee jiraachaan ture; mana mootummaa koo keessattis wanti hundi naaf milkaaʼee ture.  Ani abjuu na sodaachise tokko nan arge. Utuun siree koo irra ciisee jiruu fakkiiwwanii fi mulʼatawwan gara sammuu kootti dhufanii turan na sodaachisan.+  Kanaafuu, dhufanii hiika abjuu sanaa akka natti himaniif namoota ogeeyyii Baabilon keessa jiran hundumaa na duratti akka dhiheessan ajaja nan kenne.+  “Yeroo kanatti luboonni falfala raawwatan, namoonni hooda dubbatan, Kaladoonnii* fi namoonni urjii lakkaaʼan+ ni dhufan. Yommuun abjuu koo isaanitti himu isaan hiika isaa natti himuu hin dandeenye.+  Dhuma irrattis Daaniʼel inni maqaa waaqa+ koo Belteshaazaariin waamamuu+ fi hafuurri waaqolii qulqulluu isa keessa jiru ni dhufe;+ anis abjuu koo isatti nan hime:  “‘Ajajaa luboota falfala raawwatanii kan taate yaa Belteshaazaar,+ ani hafuurri waaqolii qulqulluu si keessa akka jiruu+ fi iccitiin sitti ulfaatu akka hin jirre akka gaariitti nan beeka.+ Kanaafuu, mulʼatawwan ani abjuu kootiin argee fi hiika isaanii natti himi. 10  “‘Utuun siree koo irra jiruu mulʼatawwan gara sammuu kootti dhufanii turaniin walakkaa lafaatti muka tokko nan arge;+ innis baayʼee dheeraa ture.+ 11  Mukichi guddatee cimaa taʼe, fiixeen isaa samii bira gaʼe; andaara lafaa hundumaattis ni mulʼata ture. 12  Baalli isaa kan bareeduu fi firiin isaa hedduu ture; nyaanni isa irraa argamus hundumaaf kan taʼu ture. Bineensonni bosonaa gaaddisa isaa jala ni boqotu, simbirroonni samii dameewwan isaa irra ni jiraatu, uumamawwan* hundis isa irraa ni sooratu turan. 13  “‘Siree koo irra ciisee mulʼatawwan gara sammuu kootti dhufan utuman ilaalaa jiruu eegduu qulqulluun tokko samii irraa yommuu gad buʼu nan arge.+ 14  Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhe: “Mukicha muraa,+ dameewwan isaa kukkutaa, baala isaa irraa harcaasaa, firiiwwan isaas bittinneessaa! Bineensonni jala isaatii, simbirroonnis dameewwan isaa irraa haa baqatan. 15  Gufuu isaa garuu akkuma hiddi isaa lafa keessa jirutti sibiilaa fi sibiila diimaadhaan hidhaatii marga dirree irra jiru gidduutti dhiisaa. Inni fixeensa samiitiin haa jiidhu; gaʼeen isaas bineensota bosonaa wajjin biqiltoota lafaa gidduu jiraachuu haa taʼu.+ 16  Sammuun* isaa kan namootaa irraa jijjiiramee sammuun* bineensaa isaaf haa kennamu; barri torbas+ isa irratti haa darbu.+ 17  Kana eegdotatu labse,+ murtii* isaas qulqullootatu beeksise; kunis Inni Hundaa Olii mootummaa ilmaan namootaa irratti Bulchaa akka taʼee+ fi isas nama barbaadee kamiif iyyuu akka kennu, akkasumas nama namoota hundumaatii gad taʼe isa irratti akka muudu namoonni lubbuudhaan jiran hundi akka beekaniifi.” 18  “‘Abjuun ani Nebukadnezaar Mootichi arge isa kana; egaa, yaa Belteshaazaar, namoonni ogeeyyiin bulchiinsa koo keessa jiran hundi hiika isaa natti himuu waan hin dandeenyeef, ati hiika isaa natti himi.+ Ati garuu hafuurri waaqolii qulqulluu si keessa waan jiruuf hiikuu ni dandeessa.’ 19  “Yeroo sanatti Daani’el inni Belteshaazaar+ jedhamu yeroo muraasaaf ni naʼe, yaadni isaas isa sodaachisuu jalqabe. “Mootichis, ‘Yaa Belteshaazaar, abjuun koo fi hiikni isaa si hin sodaachisin’ jedhe. “Belteshaazaar akkana jedhee deebise: ‘Yaa gooftaa koo, abjuun kun namoota si jibban irratti, hiikni isaas diinota kee irratti haa raawwatamu. 20  “‘Mukti ati argite, inni baayʼee guddatee cimaa taʼe, fiixeen isaa samii bira gaʼee fi guutummaa lafaa irratti mulʼatu,+ 21  inni baala bareedaa, firii hedduu fi nyaata hundumaaf taʼu qabu, bineensonni bosonaa isa jala jiraatanii fi simbirroonni samii dameewwan isaa irra buufatan sun+ 22  siʼi yaa mootii; sababiin isaas, ati baayʼee guddattee cimaa taateetta, guddinni kee dabalee samii bira gaʼeera,+ bulchiinsi kees hamma andaara lafaatti babalʼateera.+ 23  “‘Mootichis eegduu qulqulluun+ tokko samii irraa yommuu gad buʼu ni arge; innis akkana jedhe: “Mukicha muraatii balleessaa; gufuu isaa garuu akkuma hiddi isaa lafa keessa jirutti sibiilaa fi sibiila diimaadhaan hidhaatii marga dirree irra jiru gidduutti dhiisaa. Fixeensi samii isa haa jiisu; hamma barri torba isa irratti darbuttis gaʼeen isaa bineensota bosonaa wajjin jiraachuu haa taʼu.”+ 24  Yaa mootii, hiikni isaa kana dha; kun labsii Inni Hundaa Olii si gooftaa koo mooticha irra akka gaʼu dabarse dha. 25  Ati namoota gidduudhaa ni ariʼamta; bineensota bosonaa wajjinis ni jiraatta; akkuma qotiyyootti akka nyaattuuf margi siif ni kennama; fixeensi samii si jiisa;+ Inni Hundaa Olii mootummaa ilmaan namootaa irratti Bulchaa taʼuu isaa fi nama barbaade kamiif iyyuu akka isa kennu hamma beektutti+ barri torba+ si irratti ni darba.+ 26  “‘Haa taʼu malee, gufuun mukichaa hidda isaa wajjin akka dhiifamu+ waan dubbatameef, atis bulchaa dhugaan samii keessa akka jiru* erga beektee booda mootummaan kee siif deebiʼa. 27  Kanaafuu, yaa mootii, gorsi koo si biratti fudhatama haa argatu. Wanta sirrii taʼe raawwachuudhaan cubbuu kee irraa deebiʼi; hiyyeessotatti gara laafina argisiisuudhaanis jalʼina kee irraa deebiʼi. Tarii yeroon tasgabbiidhaan itti jiraattu siif dheerata taʼa.’”+ 28  Wanti kun hundi Nebukadnezaar Mooticha irra ni gaʼe. 29  Jiʼoota 12 booda inni baaxii mana mootummaa Baabilon irra asii fi achi deemaa ture. 30  Mootichi, “Kun Baabilon Guddittii ishii mana mootummaa akka taatuuf, akkasumas guddina ulfina kootiif jedhee, anumti humna koo fi jabina kootiin ijaare sana mitii?” jedhe. 31  Mootichi utuma kana dubbachaa jiruu sagaleen akkana jedhu tokko samii irraa ni dhufe: “Yaa Nebukadnezaar Mootii, ergaan kun siif ergame: ‘Mootummaan kee si irraa fudhatameera;+ 32  ati ilmaan namootaa gidduudhaa ni ariʼamta. Bineensota bosonaa wajjin ni jiraatta; akkuma qotiyyootti akka nyaattuuf margi siif ni kennama; Inni Hundaa Olii mootummaa ilmaan namootaa irratti Bulchaa taʼuu isaa fi nama barbaade kamiif iyyuu akka isa kennu hamma beektutti barri torba si irratti ni darba.’”+ 33  Yeruma sana wanti dubbatame sun Nebukadnezaar irratti raawwii isaa argate. Inni ilmaan namootaa gidduudhaa ariʼamee akkuma qotiyyoo marga dheeduu jalqabe; rifeensi isaa akka baallee risaa hamma dheeratutti, qeensi isaas akka qeensa allaattii hamma taʼutti qaamni isaa fixeensa samiitiin ni jiidhe.+ 34  “Yommuu barri sun xumuramutti+ ani Nebukadnezaar gara samiitti ol nan ilaale; hubannaan koos naaf deebiʼe; Isa Hundaa Olii sana nan jajadhe, isa bara baraaf jiraatu sanaaf jajannaa fi ulfina nan kenne; sababiin isaas, bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa ti, mootummaan isaas dhalootaa hamma dhalootaatti itti fufa.+ 35  Jiraattonni lafaa hundi homaatti iyyuu hin lakkaaʼaman; inni raayyaa samii fi jiraattota lafaa gidduutti akkuma fedhii isaatti ni hojjeta. Isa* dhowwuus taʼe, ‘Maal gochuu kee ti?’+ isaan jechuu kan dandaʼu hin jiru.+ 36  “Yeroo sanatti hubannaan koo, ulfinni mootummaa kootii, guddinni koo fi simboon koo naaf deebiʼe.+ Abbootiin taayitaa ol aanoonii fi guguddoonni cimsanii na barbaadan; anis mootummaa kootti nan deebiʼe; guddina isa duraa caalus nan argadhe. 37  “Amma ani Nebukadnezaar, Mootii samii nan jajadha,+ ol nan qaba, ulfinas isaaf nan kenna; sababiin isaas, hojiiwwan isaa hundi dhugaa dha, daandiiwwan isaas qajeeloo dha;+ inni warra of tuulummaadhaan deddeebiʼan ni salphisa.”+

Miiljaleewwan

Jechuunis, namoota hooda dubbachuu fi urjii lakkaaʼuu irratti dandeettii qaban.
Kal., “foon.”
Kal., “Garaan.”
Kal., “garaan.”
Ykn., “gaaffii.”
Kal., “samiiwwan bulchaa akka jiran.”
Ykn., “Harka isaa.”