Baʼuu 13:1-22
13 Ammas Yihowaan akkana jedhee Museetti dubbate:
2 “Israaʼelota gidduudhaa dhiira angafa taʼe* hundumaa anaaf qulqulleessi.* Nama keessaas taʼe horii keessaa dhiirri jalqaba dhalatu kan koo ti.”+
3 Achiis Museen sabichaan akkana jedhe: “Yihowaan harka jabaadhaan asii waan isin baaseef,+ isin guyyaa biyya Gibxiitii, mana garbummaa jalaa itti baatan kana yaadadhaa.+ Kanaafuu, wanti raacitii qabu kam iyyuu nyaatamuu hin qabu.
4 Isin achii baatanii kan deemtan jiʼa Abiib* keessa guyyaa kanatti ture.+
5 Yihowaan gara biyya Kanaʼaanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Hiiwotaa fi Yebuusotaa+ isa abbootii keetiif kennuuf kakatetti,+ jechuunis gara biyya aannanii fi damma maddisiistutti+ yommuu si galchu, jiʼa kanatti ayyaana kana kabajuu qabda.
6 Guyyaa torbaaf maxinoo ni nyaatta;+ guyyaa torbaffaattis ayyaanni Yihowaa ni kabajama.
7 Guyyaa torbaaf maxinoon ni nyaatama;+ wanti raacitii qabu tokko illee si biratti hin argamin;+ bukoon raacitii qabu guutummaa naannoo* kee keessatti si biratti hin argamin.
8 Guyyaa sanattis, ‘Kana kanan godhu, yommuu ani biyya Gibxiitii baʼetti wanta Yihowaan naaf godheen kan kaʼe dha’ jedhiitii ilma keetti himi.+
9 Yihowaan harka jabaadhaan biyya Gibxii keessaa waan si baaseef, seerri Yihowaa afaan kee keessa akka taʼuuf, kun harka kee irratti akka mallattoo ni taʼa; adda kee irrattis* akka yaadannoo ni taʼa.+
10 Waggaa waggaadhaan yeroo isaaf murteeffametti dambii kana eegi.+
11 “Yihowaan biyya Kanaʼaanotaa isa sii kennuuf sii fi abbootii keetiif kakatetti+ yommuu si galchu,
12 dhiira angafa taʼe* hundumaa, akkasumas horii qabdu keessaa kormaa jalqaba dhalate hundumaa Yihowaadhaaf adda baasi. Dhiironni kun kan Yihowaa ti.+
13 Harree jalqaba dhalate hundumaa hoolaadhaan furi; yoo furuu baatte garuu morma isaa cabsi. Ilmaan kee keessaa isa angafa taʼe hundumaa furi.+
14 “Tarii yeroo booda ilmi kee, ‘Kun hiika maalii qaba?’ jedhee yoo si gaafate, ati immoo akkana jettee isatti himta: ‘Yihowaan harka jabaadhaan biyya Gibxii keessaa, mana garbummaa jalaa nu baase.+
15 Faraʼoon didaa taʼuudhaan nu gadhiisuu yommuu didetti,+ Yihowaan ilmaan angafaa namootaa irraa jalqabee hamma horii jalqaba dhalateetti, angafa biyya Gibxii keessa ture hundumaa ni ajjeese.+ Ani dhiirota angafa taʼan* hundumaa Yihowaadhaaf aarsaa kanan godhuu fi ilmaan koo keessaa warra angafa taʼan hundumaa kanan furu kanaafi.’
16 Yihowaan harka isaa isa jabaadhaan biyya Gibxii keessaa waan nu baaseef, ayyaanni kun harka kee irrattii fi adda kee irratti* akka mallattoo ni taʼa.”+
17 Faraʼoon yeroo sabicha gadhiisetti, achiin dhihoo taʼus, Waaqayyo karaa gara biyya Filisxeemotaa geessuun isaan hin geggeessine. Waaqayyo akkana kan godhe, “Sabichi yommuu waraanni isaan mudatu yaada isaanii jijjiiranii gara biyya Gibxiitti deebiʼuu dandaʼu” jedhee waan yaadeef ture.
18 Kanaafuu, Waaqayyo sabichi karaa lafa onaa isa naannoo Galaana Diimaatti argamu sanaa irra naannaʼee akka deemu godhe.+ Haa taʼu malee, Israaʼelonni biyya Gibxii keessaa kan baʼan akka loltoonni waraanaaf tarree galanii baʼanitti ture.
19 Yoseef, “Waaqayyo dhugumaan xiyyeeffannaa isaa gara keessanitti ni deebisa; isinis lafee koo asii fuudhaatii baʼaa” jedhee ilmaan Israaʼel cimsee kaksiisee waan tureef, Museen lafee Yoseefis fuudhee baʼe.+
20 Isaanis Suukoot keessaa baʼanii Eetaam isa qarqara lafa onaatti argamu buufatan.
21 Yihowaanis isaan guyyaa fi halkan deemuu akka dandaʼanitti,+ karicha irratti isaan geggeessuuf guyyaa utubaa duumessaatiin,+ halkan immoo ifa isaaniif kennuuf utubaa ibiddaatiin isaan dura deema ture.
22 Guyyaa guyyaa utubaan duumessaa sun, halkan halkan immoo utubaan ibiddaa sun sabicha duraa hin deemu ture.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “adda baasi.”
^ Kal., “angafa tokkoon tokkoon gadameessaa saaqu.”
^ Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
^ Kal., “daangaawwan.”
^ Kal., “ija kee lamaan gidduu.”
^ Kal., “isa gadameessa saaqu.”
^ Kal., “isa gadameessa saaqu.”
^ Kal., “ija kee lamaan gidduu.”