Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GAAFFII 17

Kitaabni Qulqulluun Maatii Kee Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?

ABBOOTII MANAA/ABBOOTII

“Haaluma wal fakkaatuun, abbootiin manaa akkuma qaama isaaniitti haadhotii manaa isaanii haa jaallatan. Namni haadha manaa isaa jaallatu of jaallata; namni qaama ofii jibbu tokko illee hin jiru; kanaa mannaa, ni soora, akkasumas ni kunuunsa; . . . tokkoon tokkoon keessan akkuma of jaallatanitti haadha manaa keessan jaalladhaa.”

Efesoon 5:​28, 29, 33

“Isin abbootiin, ijoollee keessan hin aarsinaa; kanaa mannaa, adabaa fi gorsa Yihowaatiin isaan guddisaa.”

Efesoon 6:4

HAADHOTII MANAA

“Haati manaa abbaa manaa ishiitiif ulfina guddaa haa kennitu.”

Efesoon 5:​33

“Isin haadhotiin manaa, Gooftaa duratti fudhatama waan qabuuf, abbootii manaa keessaniif bitamaa.”

Qolosaayis 3:​18

IJOOLLEE

“Yaa ijoolle, kun qajeelaa waan taʼeef, fedhii Gooftaa wajjin haala wal simuun warra keessaniif ajajamaa. Ajajni jalqabaa, ‘Abbaa kee fi haadha tee kabaji’ jedhu eebba akkana jedhu qabateera: ‘Kunis gaarii akka siif taʼuu fi umuriin kee lafa irratti akka dheeratuufi.’”

Efesoon 6:​1-3

“Isin ijoolleen, waan hundumaatiin warra keessaniif ajajamaa; kun Gooftaa kan gammachiisu dha.”

Qolosaayis 3:​20