Yohaannis 21:1-25
21 Kana booda Yesuus Galaana Xibiryaados biratti ammas barattoota isaatti of mulʼise. Kan of mulʼises karaa kanaan ture;
2 Simoon Pheexiros, Toomaas (inni Didimoos jedhamu), Naatnaaʼel inni Qaanaa Galiilaadhaa dhufe, ilmaan Zabdewosii fi barattoonni isaa kan biraan lama walii wajjin turan.
3 Simoon Pheexirosis, “Ani qurxummii qabuun dhaqa” isaaniin jedhe. Isaanis, “Nutis sii wajjin dhaqna” jedhaniin. Achii baʼaniis bidiruu yaabbatan; haa taʼu malee, halkan sana qurxummii tokko illee hin qabne.
4 Gara barii jala garuu Yesuus qarqara galaanichaa dhaabatee ture; barattoonni garuu inni Yesuus taʼuu isaa hin hubanne.
5 Achiis Yesuus, “Ijoolle, wanta nyaatamu* qabduu?” isaaniin jedhe. Isaanis, “Hin qabnu!” jedhanii deebisan.
6 Innis, “Kiyyoo keessan karaa mirga bidirichaatiin darbadhaa, qurxummii ni argattu” isaaniin jedhe. Isaanis kiyyoo isaanii darbatan; yeroo kanatti qurxummii hedduu waan qabaniif, kiyyoo sana harkisuu dadhaban.
7 Barataan inni Yesuus jaallatu sunis Pheexirosiin, “Gooftaadhaam!” jedhe. Simoon Pheexirosis inni Gooftaa taʼuu isaa yommuu dhagaʼu, qullaa isaa* waan tureef uffata isaa uffatee* utaalee galaanicha keessa seene.
8 Barattoonni kaan garuu lafa irraa baayʼee utuu hin fagaatin gara meetira 90 qofa fagaatanii waan turaniif, bidiruu xinnoo irra taaʼanii kiyyoo qurxummiidhaan guutame sana harkisaa dhufan.
9 Yommuu qarqara galaanichaa gaʼanis, barbadaa cilee qurxummiin irra taaʼee fi daabboo argan.
10 Yesuusis, “Qurxummii amma qabdan keessaa muraasa as fidaa” isaaniin jedhe.
11 Kanaaf, Simoon Pheexiros bidiruu yaabbatee kiyyoo qurxummii guguddaa 153n guutame sana gara qarqara galaanichaatti harkise. Qurxummiin sun baayʼee taʼus, kiyyoon sun hin tarsaane.
12 Yesuusis, “Kottaa, ciree keessan nyaadhaa” isaaniin jedhe. Inni Gooftaa taʼuu isaa waan beekaniif, barattoota keessaa tokko illee, “Ati eenyu?” jedhee isa gaafachuuf ija hin jabaanne.
13 Innis dhufee daabboo sana fuudhee isaaniif kenne, qurxummii sanas akkasuma godhe.
14 Yesuus erga duʼaa kaʼee booda barattootatti yeroo mulʼatu kun siʼa sadaffaa isaa ti.
15 Ciree erga nyaatanii boodas, Yesuus Simoon Pheexirosiin, “Yaa Simoon ilma Yohaannis, isaan kana caalaa na jaallattaa?” jedhe. Innis “Eeyyee yaa Gooftaa, baayʼee akka ani si jaalladhu ati iyyuu beekta” jedhee deebiseef. Yesuusis, “Hoolota koo soori” jedheen.
16 Ammas siʼa lammataatiif, “Yaa Simoon ilma Yohaannis, na jaallattaa?” jedheen. Innis deebisee, “Eeyyee yaa Gooftaa, baayʼee akkan si jaalladhu ati iyyuu beekta” jedheen. Yesuusis, “Ilmoolee hoolaa koo tiksi” jedheen.
17 Ammas siʼa sadaffaadhaaf, “Yaa Simoon ilma Yohaannis, baayʼee na jaallattaa?” jedheen. Pheexiros, Yesuus siʼa sadaffaadhaaf, “Baayʼee na jaallattaa?” jedhee waan isa gaafateef ni gadde. Kanaaf Pheexiros, “Yaa Gooftaa, ati waan hundumaa beekta; akka ani baayʼee si jaalladhus beekta” jedheen. Yesuusis akkana jedheen: “Ilmoolee hoolaa koo soori.
18 Dhuguma dhuguman siin jedha, ati yommuu dargaggeessa turte ofuma keetii uffattee bakka barbaadde dhaqxa turte. Yommuu dulloomtu garuu, harka kee ni diriirsita, namni kan biraan sitti uffisee bakka ati hin barbaadne si geessa.”
19 Inni kana kan dubbate, duʼa akkamiitiin Waaqayyoof ulfina akka fidu argisiisuuf ture. Erga kana dubbatee booda, “Ana duukaa buʼuu kee itti fufi” jedheen.
20 Pheexiros of irra garagalee barataan inni Yesuus jaallatu utuu isaan duukaa buʼuu arge; barataan kun isa irbaata irratti qoma Yesuusitti siqee, “Yaa Gooftaa inni dabarsee si kennu eenyu?” jedhe sana ture.
21 Kanaaf, Pheexiros yommuu isa argu Yesuusiin, “Yaa Gooftaa, namichi kun immoo maal taʼa?” jedhe.
22 Yesuusis, “Hamma ani dhufutti akka inni turu yoon fedhe maaltu si dhibe? Ati na duukaa buʼuu kee itti fufi” jedheen.
23 Kanaaf, oduun barataan kun hin duʼu jedhu obboloota gidduutti odeeffame. Yesuus garuu, “Hamma ani dhufutti akka inni turu yoon fedhe maaltu si dhibe?” jedhe malee, barataan sun hin duʼu hin jenne.
24 Barataan kun isa waaʼee wantoota kanaa dhugaa baʼee fi wantoota kana barreesse dha; nutis wanti inni dhugaa baʼe dhugaa taʼuu isaa beekna.
25 Wantoonni Yesuus hojjete kan biraa hedduunis jiru; hundi isaanii tokko tokkoon utuu barreeffamaniiru taʼee, addunyaan iyyuu bakka kitaabni maramaan isaan irratti barreeffaman kaaʼamu kan qabaatu natti hin fakkaatu.