Yohaannis 13:1-38

13  Yesuus Ayyaana Faasikaa dura, saʼaatiin inni addunyaa kana dhiisee gara Abbaa itti dhaqu gaʼuu isaa waan beekeef, warra addunyaa keessa jiran, warra kan isaa taʼanii fi jaallachaa ture sana hamma dhumaatti isaan jaallate.  Yeroo kanatti irbaata nyaachaa turan; Diyaabilosis, Yihudaa Asqorotuun ilmi Simoon Yesuusiin dabarsee akka kennu yaada isaa itti galchee ture.  Kanaaf, Yesuus Abbaan wanta hunda harka isaatti dabarsee akka kenne, inni Waaqayyo biraa akka dhufee fi gara Waaqayyoos akka dhaqu waan beekeef,  irbaata irraa kaʼee uffata isa irratti uffatu of irraa fuudhee lafa kaaʼe. Fooxaa fudhatees mudhii isaatti marxifate.  Sana booda qodaa dhiqataatti bishaan naqatee, miilla barattoota isaa dhiquu fi fooxaa marxifate sanaan qoorsuu jalqabe.  Yommuu gara Simoon Pheexiros dhufu Pheexiros, “Yaa Gooftaa, miilla koo anaaf dhiquuf jettaa?” jedheen.  Yesuusis deebisee, “Wanta ani gochaa jiru amma hin hubattu; wantoota kana booda garuu ni hubatta” jedheen.  Pheexirosis, “Ati matumaa miilla koo anaaf hin dhiqxu” jedheen. Yesuus garuu deebisee, “Miilla kee yoon sii dhiqe malee, ati ana biraa qooda hin qabaattu” jedheen.  Simoon Pheexirosis, “Yaa Gooftaa, yoos immoo miilla koo qofa utuu hin taʼin, harka koo fi mataa koos anaaf dhiqi” jedheen. 10  Yesuusis, “Namni qaama isaa dhiqate hundi guutummaatti qulqulluu waan taʼeef, miilla isaa dhiqachuu qofatu isa barbaachisa. Isin qulqulluu dha, garuu hunda keessan miti” jedheen. 11  Kana kan jedhe, nama dabarsee isa kennu waan beekuuf ture. “Qulqulluu kan taʼe hunda keessan miti” kan jedhes kanaaf ture. 12  Miilla isaanii dhiqee uffata isaa isa irratti uffatu erga uffatee booda, deebiʼee maaddiitti dhihaatee akkana isaaniin jedhe: “Wanta ani isiniif godhe hubattaniittuu? 13  Isin ‘Barsiisaa’ fi ‘Gooftaa’ jettanii na waamtu; anis akkuma sana waanan taʼeef kana jechuun keessan sirrii dha. 14  Kanaaf, ani Gooftaa fi Barsiisaa taʼee utuun jiruu miilla keessan ergan dhiqee, isinis miilla keessan waliif dhiquu qabdu.* 15  Akkuma ani isiniif godhe, isinis akkanuma akka gootan ani fakkeenya isiniif taʼeera. 16  Dhuguma dhuguman isiniin jedha, garbichi gooftaa isaa irra hin caalu, inni ergames isa isa erge irra hin caalu. 17  Isin wantoota kana yoo beektanii fi yoo hojii irra oolchitan gammadoo dha. 18  Ani waaʼee hunda keessanii dubbachaa hin jiru; ani warran filadhe beeka. Kun kan taʼe garuu, wanti Kitaabni Qulqulluun, ‘Inni anaa wajjin maaddii koo irraa nyaate koomee isaa ana irratti kaase’* jedhee dubbatu akka raawwatamuufi. 19  Yommuu wanti kun raawwatamu ani isa taʼuu koo akka amantaniif, ammaa jalqabee raawwatamuu isaa dura ani isinitti himeera. 20  Dhuguma dhuguman isiniin jedha, isa ani ergu kan simatu hundi anas ni simata, namni anaan simatu hundi immoo isa ana erge Sana simata.” 21  Yesuus wantoota kana erga dubbatee booda, akka malee dhiphatee, “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, isin keessaa tokko dabarsee na kenna” jedhee ifatti dubbate. 22  Barattoonnis inni waaʼee eenyuu dubbachaa akka jiru wallaalanii wal ilaaluu jalqaban. 23  Barattoota keessaa tokko, inni Yesuus jaallatu sun, Yesuusitti siqee* taaʼaa ture. 24  Kanaaf, Simoon Pheexiros barataa sanatti mataa isaatiin mallattoo argisiisee, “Inni waaʼee eenyuu dubbachaa akka jiru nutti himi?” jedheen. 25  Kanaaf, barataan sunis qoma Yesuusitti siqee, “Yaa Gooftaa inni eenyu?” jedheen. 26  Yesuusis, “Inni, isa ani daabboo cabaa cuuphe kana kennuuf sana dha” jedhee deebise. Kanaaf, daabboo sana erga cuuphee booda, fuudhee Yihudaa Asqorotuu, ilma Simooniif kenne. 27  Yihudaan daabboo cabaa sana erga fudhatee booda Seexanni isatti gale. Kanaaf Yesuus, “Wanta gochaa jirtu, dafii godhi” jedheen. 28  Haa taʼu malee, warra maaddiitti dhihaatan keessaa tokko illee inni maaliif akkana akka isaan jedhe hin beekne. 29  Isaan keessaa tokko tokko, Yihudaan saanduqa qarshii waan baatuuf Yesuus, “Wanta ayyaanichaaf nu barbaachisu biti” kan jedheen yookiin inni hiyyeeyyiidhaaf waa akka kennu isatti himaa kan jiru isaanitti fakkaatee ture. 30  Kanaaf, Yihudaan daabboo cabaa sana erga fudhatee booda, yeruma sana gad baʼe. Yeroon isaas halkan ture. 31  Yommuu inni gad baʼus Yesuus akkana jedhe: “Amma Ilmi namaa ulfina argateera; Waaqayyos karaa isaa ulfina argateera. 32  Waaqayyo ulfina isaaf kenna; inni yeruma sana isaaf ulfina ni kenna. 33  Yaa ijoolle, ani yeroo gabaabaadhaaf isinii wajjin jira. Isin na barbaaddu; akkuma ani Yihudootatti, ‘Isin bakka ani dhaqu dhufuu hin dandeessan’ jedhee dubbadhe, amma immoo isinittis nan dubbadha. 34  Akka isin wal jaallattaniif ajaja haaraan isiniif kenna; akkuma ani isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa. 35  Isin yoo jaalala waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.” 36  Simoon Pheexiros, “Yaa Gooftaa eessa dhaqxa?” jedheen. Yesuusis deebisee, “Bakka ani dhaqutti ati amma na duukaa buʼuu hin dandeessu, booda garuu na duukaa buuta” jedhe. 37  Pheexirosis, “Yaa Gooftaa, ani amma maaliifan si duukaa buʼuu hin dandaʼu? Ani siif jedhee lubbuu koo illee dabarsee nan kenna” jedheen. 38  Yesuusis deebisee, “Ati anaaf jettee lubbuu kee dabarsitee ni kennitaa? Dhuguma dhuguman siin jedha, kormaan indaaqqoo utuu hin iyyin ati siʼa sadii na ganta” jedhe.

Miiljaleewwan

Ykn. “dhiquuf dirqamni isin irra jira.”
Ykn. “natti garagale.”
Kal. “bobaa isaa keessa galee.”