1 Qorontos 3:1-23

3  Kanaaf yaa obbolootaa, isin Kiristoosii wajjin haala wal qabateen daaʼimman waan taataniif, ani akka nama fooniitti malee akka nama hafuuraatti isinitti dubbachuu hin dandeenye.  Isin waan hin jabaanneef, ani aannan malee nyaata jabaa isin hin soorre. Ammuma iyyuu taanaan isin hin jabaanne;  sababiin isaas isin amma iyyuu nama foonii ti. Hinaaffaa fi lolli gidduu keessan waan jiruuf, isin akka namoota addunyaatti deddeebiʼuu keessan mitii?  Inni tokko “Ani kan Phaawulosi,” inni tokko immoo “Ani kan Apholosi” yommuu jedhu, isin akkuma namoota kaanii taʼuu keessan mitii?  Egaa Apholos eenyu? Phaawulos hoo eenyu? Isaan tajaajiltoota hojii Gooftaan isaaniif kenne hojjetanii fi isinis karaa isaanii amantoota taatani dha.  Ani nan dhaabe, Apholos bishaan obaase, kan guddise garuu Waaqayyo dha;  kanaaf, ulfina argachuu kan qabu Waaqayyo isa guddisu malee, isa dhaabus taʼe isa bishaan obaasu miti.  Inni dhaabus taʼe inni bishaan obaasu tokko dha;* taʼus, namni hundi akkuma hojii isaatti badhaasa isaa ni fudhata.  Sababiin isaas nuti warra Waaqayyoo wajjin hojjennu dha. Isin maasii Waaqayyoo isa misoomaa jiru dha; akkasumas isin gamoo Waaqayyoo ti. 10  Ani gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa anaaf kennameen akka nama dandeettii ijaarsaa qabuutti* buʼuura kaaʼeera; namni kan biraan garuu isa irratti ni ijaara. Haa taʼu malee, namni hundi akkamitti akka isa irratti ijaaru of eeggannoodhaan haa yaadu. 11  Sababiin isaas buʼuura isa kaaʼame, jechuunis Yesuus Kiristoosiin alatti namni kam iyyuu buʼuura kan biraa kaaʼuu hin dandaʼu. 12  Ammas namni kam iyyuu buʼuura sana irratti warqiidhaan, meetiidhaan, dhagaa gatii guddaa qabuun, mukaan, citaadhaan yookiin hoffaadhaan yoo ijaare, 13  guyyichi qormaataa sun hojicha waan mulʼisuuf maalummaan hojii nama hundumaa ni mulʼata; sababiin isaas hojichi ibiddaan mulʼata, ibiddichis namni hundi ijaarsa akkamii akka ijaare qoree mulʼisa. 14  Ijaarsi namni kam iyyuu buʼuura sana irratti ijaare yoo isaaf hafe inni badhaasa argata; 15  hojiin nama kamii iyyuu yoo gubate garuu kasaaraan irra gaʼa; taʼus inni ofii isaatii ni oola; garuu akka nama ibidda keessa darbee ooluu taʼa. 16  Isin mataan keessan mana qulqullummaa Waaqayyoo akka taatanii fi hafuurri Waaqayyoo akka isin keessa jiraatu hin beektanii? 17  Namni kam iyyuu mana qulqullummaa Waaqayyoo yoo diige, Waaqayyo isa ni diiga; sababiin isaas manni qulqullummaa Waaqayyoo qulqulluu dha, manni qulqullummaa sunis isini. 18  Namni kam iyyuu of hin gowwoomsin: Isin gidduudhaa namni sirna* kana keessatti ogeessa akka taʼe yaadu, inni ogeessa taʼuu akka dandaʼuuf gowwaa haa taʼu. 19  Sababiin isaas, “Inni ogeeyyii haxxummaa mataa isaaniitiin isaan qabata” jedhamee waan barreeffameef, ogummaan addunyaa kanaa Waaqayyo biratti gowwummaa dha. 20  Akkasumas, “Yihowaan yaadni namoota ogeeyyii taʼanii gatii akka hin qabne beeka.” 21  Kanaaf namni kam iyyuu namootaan of hin jajin; sababiin isaas wanti hundi kan keessani; 22  Phaawulos yookiin Apholos yookiin Keefaan* yookiin addunyaan yookiin jireenyi yookiin duuti yookiin wantoonni amma jiran yookiin wantoonni dhufuuf jiran, wantoonni hundi kanuma keessani; 23  isin immoo kan Kiristoosi; Kiristoos immoo kan Waaqayyoo ti.

Miiljaleewwan

Ykn. “kaayyoo tokko qabu.”
Ykn. “hojii geggeessaa ogeessa taʼeetti.”
Ykn. “bara.” Jibsoo ilaali.
Pheexiros jedhamees ni waamama.