1 Qorontos 15:1-58

15  Ammas yaa obboloota ko, waaʼee misiraachoo ani isiniif lallabe, isa isin fudhattanii fi itti cimtanii dhaabattan sanaa isin yaadachiisuu nan barbaada.  Isin misiraachoo ani isiniif lallabe kana cimsitanii yoo qabattan karaa isaa fayyina ni argattu; taʼuu baannaan garuu amantoota taʼuun keessan faayidaa hin qabu jechuu dha.  Ani wanta hunda caaluu fi isan fudhadhe sana isinitti dabarseera; kunis akkuma Kitaabonni Qulqulluun jedhan, Kiristoos cubbuu keenyaaf ni duʼe;  akkasumas ni awwaalame; akkuma Kitaabonni Qulqulluun jedhan guyyaa sadaffaattis duʼaa ni kaafame;  achiis Keefaatti,* sana boodas warra Kudha Lamaanitti mulʼate.  Achiis al tokkotti obboloota 500 caalanitti mulʼate; isaan keessaa tokko tokko duʼaniiru;* hedduun isaanii garuu amma iyyuu nuu wajjin jiru.  Sana booda immoo Yaaqoobitti mulʼate; achiis ergamoota hundatti mulʼate.  Hundumaa booda garuu, ana isa akka nama utuu yeroon isaa hin gaʼin dhalate taʼetti mulʼate.  Ani gumii Waaqayyoo ariʼachaa waanan tureef, nama ergamoota hundumaatii gad taʼee fi ergamaa jedhamee waamamuun anaaf hin malle dha. 10  Haa taʼu malee gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatiin ani wantan amma taʼe kana taʼeera. Gaarummaa guddaan inni natti argisiises, faayidaa kan hin qabne hin turre; taʼus, hunduma isaanii caalaa jabaadhee hojjedheera; kana kan hojjete garuu gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa anaa wajjin jiru malee ana miti. 11  Egaa, anis taʼe isaan karaa kanaan lallabna, isinis kan amantan karuma kanaani. 12  Ammas Kiristoos warra duʼan keessaa akka kaafame ni lallabama erga taʼee, isin keessaa namoonni tokko tokko akkamitti duʼaa kaʼuun warra duʼanii hin jiru jedhu? 13  Duʼaa kaʼuun warra duʼanii hin jiru taanaan, Kiristoos duʼaa hin kaafamne jechuu dha. 14  Kiristoos duʼaa hin kaafamne yoo taʼe immoo lallabni keenya gatii hin qabu; amantiin keessanis gatii hin qabu jechuu dha. 15  Kana malees, warri duʼan duʼaa hin kaafaman yoo taʼe, isa Waaqayyo dhuguma duʼaa hin kaafne duʼaa kaaseera jennee Waaqayyo irratti ragaa baʼaa waan jirruuf nuti namoota Waaqayyoof sobaan ragaa baʼan taaneerra. 16  Sababiin isaas warri duʼan duʼaa hin kaafaman yoo taʼe, Kiristoosis duʼaa hin kaafamne jechuu dha. 17  Kana malees, Kiristoos duʼaa hin kaafamne yoo taʼe, amantiin keessan gatii hin qabu; isin ammas akkuma cubbamoota taatanitti jirtu jechuu dha. 18  Warri Kiristoosii wajjin tokkummaa qabanii fi duʼanis* badaniiru jechuu dha. 19  Nuti Kiristoosiin kan abdanne jireenyuma isa ammaa kanaaf qofa yoo taʼe, nama hundumaa caalaa kan isaaniif gaddamu taana. 20  Amma garuu Kiristoos warra duʼan* keessaa isa* jalqabaa taʼee duʼaa kaafameera. 21  Sababiin isaas akkuma duuti karaa nama tokkoo dhufe, duʼaa kaʼuun warra duʼaniis karaa nama tokkoo dhufa. 22  Akkuma namoonni hundi karaa Addaam duʼan, karaa Kiristoos namoonni hundi ni jiraachifamu. 23  Haa taʼu malee, hundi isaanii dabaree isaaniitiin jireenya argatu: Jalqaba* Kiristoostu duʼaa kaʼe; achiis warra yeroo inni argamutti kan Kiristoos taʼantu jireenya argata. 24  Achiis mootummoota hunda, aangoo hundaa fi humna erga balleessee booda, Mootummicha Waaqa isaa fi Abbaa isaatti dabarsee yommuu kennu xumura taʼa. 25  Sababiin isaas, inni hanga Waaqayyo diinota isaa hunda miilla isaa jala godhutti mootii taʼee bulchuu qaba. 26  Diinni inni dhumaa, jechuunis duuti ni balleeffama. 27  Sababiin isaas Waaqayyo, “wantoonni hundi miilla isaa jalatti akka isaaf bitaman godheera.” ‘Wantoonni hundi isaaf bitamaniiru’ yommuu jedhu garuu, Waaqayyo isa wantoonni hundi akka isaaf bitaman godhe Sana akka hin dabalanne beekamaa dha. 28  Haa taʼu malee, wantoonni hundi erga isaaf bitamanii booda, Waaqayyo hundumaatiif waan hunda akka taʼuuf, yeroo sanatti Ilmi mataan isaa isa wantoonni hundi akka isaaf bitaman godhe Sanaaf ni bitama. 29  Kun taʼuu baannaan, warri duʼuuf jedhanii cuuphaman faayidaa maalii argatu? Warri duʼan matumaa hin kaʼan yoo taʼe, isaan cuuphaa akkasii kan cuuphaman maaliifi? 30  Nuti hoo yeroo* hunda maaliif balaadhaaf saaxilamna? 31  Ani guyyaa guyyaadhaan duʼaaf nan saaxilama. Yaa obboloota ko, kunis Gooftaa keenya Kiristoos Yesuusii wajjin haala wal qabateen akkuma gammachuu ani isin irraa argadhu sanaa mirkanaaʼaa dha. 32  Anis akkuma namoota kaanii* Efesoonitti bineensotaa wajjin walʼaansoo wal qabuun koo faayidaa maalii anaaf qaba ree? Warri duʼan hin kaʼan yoo taʼe, “bor waan duunuuf, haa nyaannu, haa dhugnus.” 33  Hin gowwoominaa. Hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa. 34  Namoonni tokko tokko waaʼee Waaqayyoo waan hin beekneef, karaa qajeelaa taʼeen gara yaada keessaniitti deebiʼaa; cubbuu hojjechuus hin amaleeffatinaa. Ani isin qaanessuufan kana dubbadha. 35  Haa taʼu malee, namni tokko, “Warri duʼan akkamitti kaʼu? Yommuu duʼaa kaʼan hoo qaama akkamii qabaatu?” jedha taʼa. 36  Ati yaa gowwaa nana! Wanti ati facaastu jalqaba yoo duʼe malee jiraataa hin taʼu. 37  Kana malees, wanti ati facaastu qamadiis taʼe sanyii gosa kan biraa yoo taʼe firii tokkittii qofa malee qaama isa biqilee guddachuuf jiru sana miti; 38  Waaqayyo garuu akka ofii isaatiif barbaadetti qaama isaaf kenna; sanyiiwwan hundaaf qaama ofii isaanii isaaniif kenna. 39  Foon hundi tokko miti, taʼus, foon namaa gosa tokko dha, foon loonii kan biraa dha, foon simbirrootaa kan biraa dha, foon qurxummii kan biraa dha. 40  Qaamawwan samii jiru, qaamawwan lafaas jiru; haa taʼu malee, ulfinni qaamawwan samii gosa tokko dha; ulfinni qaamawwan lafaa gosa kan biraa dha. 41  Ulfinni aduu gosa tokko dha; ulfinni addeessaa gosa kan biraa dha; ulfinni urjootaa gosa kan biraa dha; ulfinni urjii tokkoo isa tokko irraa adda dha. 42  Duʼaa kaʼuun warra duʼaniis akkuma kana. Tortoruudhaan facaafama, kan hin tortorre taʼee kaafama. 43  Salphinaan facaafama, ulfinaan kaafama. Dadhabinaan facaafama, humnaan kaafama. 44  Qaama fooniitiin facaafama, qaama hafuuraatiin kaafama. Qaamni foonii yoo jiraate, qaamni hafuuraas jira. 45  Kanaaf, “Addaam namni jalqabaa, qaama* jiraataa taʼe” jedhamee barreeffameera. Addaam inni boodaa hafuura isa jireenya kennu taʼe. 46  Haa taʼu malee, qaamni inni jalqabaa isa hafuuraa sana miti, kanaa mannaa isa foonii ti. Qaamni hafuuraa sana booda dhufe. 47  Namni inni jalqabaa lafa irraa dhufe, akkasumas biyyoo irraa hojjetame; namni inni lammaffaan garuu samii irraa dhufe. 48  Akkuma isa biyyoo irraa hojjetame sanaa, warri biyyoo irraa hojjetamanis akkuma kana; akkuma isa samii irraa dhufe sanaa, warri samii irra taʼanis akkuma kana. 49  Akkuma bifa isa biyyoo irraa hojjetame sanaa uffanne, bifa isa samii irraa dhufe sanaas ni uffanna. 50  Haa taʼu malee yaa obbolootaa, ani kana isinitti nan hima: Foonii fi dhiigni Mootummaa Waaqayyoo dhaaluu hin dandaʼu; inni tortorus isa hin tortorre dhaaluu hin dandaʼu. 51  Ani iccitii qulqulluu tokko isinitti nan hima: Hundi keenya duʼaan hin boqonnu;* garuu hundi keenya ni jijjiiramna, 52  malakanni inni dhumaa yeroo afuufamu, battalumaan, hanga liphsuu ijaatti ni jijjiiramna. Sababiin isaas malakanni ni afuufama, warri duʼan kan hin tortorre taʼanii kaʼu, nutis ni jijjiiramna. 53  Inni tortoru kun isa hin tortorre uffachuu qaba, inni duʼu kunis isa hin duune uffachuu qaba. 54  Haa taʼu malee, yommuu inni tortoru kun isa hin tortorre uffatuu fi inni duʼu kun isa hin duune uffatu, yeroo sanatti, “Duuti bara baraaf ni liqimfame” jedhamee inni barreeffame ni raawwatama. 55  “Yaa duʼa nana injifannoon kee meerre ree? Yaa duʼa nana ilkeen kee meerre ree?” 56  Ilkeen duʼa fidu cubbuu dha, humni cubbuus Seericha dha.* 57  Waaqayyo garuu karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos injifannoo waan nuu kenneef galanni isaaf haa gaʼu! 58  Kanaaf, yaa obboloota jaallatamo, Gooftaa wajjin haala wal qabateen, dadhabbiin keessan gatii kan hin qabne akka hin taane beekaatii jabaadhaa dhaabadhaa, hin sochoʼinaa, yeroo hunda hojiin Gooftaa kan isiniif baayʼatu taʼaa.

Miiljaleewwan

Pheexiros jedhamees ni waamama.
Kal. “rafaniiru.”
Kal. “rafanis.”
Kal. “rafan.”
Kal. “firii.”
Kal. “Firii jalqabaa.”
Kal. “saʼaatii.”
Tarii ykn. “akka ilaalcha namootaatti.”
Ykn. “lubbuu.”
Kal. “hin rafnu.”
Ykn. “Seerichi cubbuudhaaf humna kenna.”