AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Amantiin Abdii Yihowaan Kenne Irratti Qabdu Hangam Cimaa Dha?
Iyaasuu fi Solomoon abdii Yihowaan kenne keessaa tokko illee utuu hin raawwatamin akka hin hafne mirkanaaʼoo turan. (Iya 23:14; 1Mot 8:56) Dhugaawwan amansiisaa taʼan kun lamaan, amantii keenya caalaatti nuuf jabeessu.—2Qo 13:1; Tit 1:2.
Yihowaan, waadaa bara Iyaasuutti gale kan raawwate akkamitti? Viidiyoo ‘Abdii Waaqayyo Kenne Keessaa Tokkollee Lafa Buʼee Hin Hafne’ jedhamu maatii kee wajjin ilaali. Achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa: (1) Amantii Rahaab hojiidhaan argisiiste hordofuu kan dandeessu akkamitti? (Ibr 11:31; Yaq 2:24-26) (2) Haala Akaan irraa hubachuu akka dandaʼamutti, taʼe jedhanii ajajamuu diduun balaa akkamii qaba? (3) Giibeʼononni loltoota beekamoo taʼanii utuu jiranii, Iyaasuu gowwoomsuudhaan Israaʼelootaa wajjin nagaa kan buusan maaliifi? (4) Mootonni Amoorotaa shanan Israaʼel irratti yommuu lola banan wanti Yihowaan dubbatte dhugaa taʼuun isaa kan mirkaneeffame akkamitti? (Iya 10:5-14) (5) Mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaatiif dursa yoo kennite Yihowaan kan si gargaaru akkamitti?—Mat 6:33.
Wantoota Yihowaan raawwate, raawwachuuf jiruu fi gara fuulduraatti raawwatu irratti xiinxaluun keenya, amantii abdii inni nuuf kenne irratti qabnu caalaatti nuuf guddisa.—Rom 8:31, 32.