Gumiin Kiristiyaanaa Inni Haaraan Qorumsi Isa Mudate
Dubartoonni reefuu cuuphaman, Afaan Giriikii dubbatanii fi abbootiin manaa irraa duʼan, hanga yaadan caalaa Yerusaalem keessa kan turan siʼa taʼu, loogiin kan isaan irratti raawwatame bakka kanatti ture. Dubartoonni kun jalʼinni haqaa kun akka isaan gufachiisu heyyamanii turan moo hamma Yihowaan haala isaa sirreessutti obsaan eegan?
Isxifaanos dhagaadhaan erga reebamee fi Kiristiyaanonni Yerusaalem keessa turan Yihudaa fi Samaariyaa keessa erga faffacaʼanii booda Kiristiyaanonni tajaajila isaanii qabbaneessanii turanii?
Gargaarsa Yihowaatiin gumiin Kiristiyaanaa inni haaraan rakkina isa irra gaʼe dandamateera, akkasumas guddina argisiiseera.—HoE 6:7; 8:4.
AKKANA JEDHAA OF GAAFADHAA, ‘Qorumsawwan na irra gaʼan akkamittan dandamachaa jira?’