Hagayya 31–Fulbaana 6
BA’UU 21-22
Faarfannaa 141 fi Kadhannaa
Yaada Seensaa (Daq. 1)
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
“Ilaalcha Yihowaan Lubbuudhaaf Qabu Qabaadhaa”: (Daq. 10)
Bau 21:20—Yihowaan ajjeechaa ni balaaleffata (it-1-E 271)
Bau 21:22, 23—Yihowaan lubbuu daaʼima hin dhalanneetiif illee iddoo guddaa kenna (lvs 95-96 key. 16)
Bau 21:28, 29—Yihowaan nu irras taʼe namoota kaan irra miidhaan akka hin geenye akka of eeggannu barbaada (w10 4/15 29 key. 4)
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 10)
Bau 21:5, 6—Akka caqasa kanaatti, Yihowaadhaaf of murteessuun keenya kan nu fayyadu akkamitti? (w10 1/15 4 key. 4-5)
Bau 21:14—Ergaan caqasa kanaa maali dha? (it-1-E 1143)
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa Yihowaa, tajaajila dirree ykn qabxii kan biraa ilaalchisee barumsa akkamii argatte?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isaa gad) Bau 21:1-21 (th qoʼannaa 5)
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
Dhugaa Baʼuu: (Daq. 3 ykn isaa gad) Maree fakkeenya taʼuun jalqabi. Achiis nama sana walgaʼii irratti affeeri. (th qoʼannaa 2)
Deddeebii Gaaffii: (Daq. 4 ykn isaa gad) Maree fakkeenya taʼuun jalqabi. Viidiyoo Galma Mootummaa Keenya Keessatti Maaltu Raawwatama? jedhamu erga beeksistee booda irratti mariʼadhaa. (th qoʼannaa 20)
Haasaa: (Daq. 5 ykn isaa gad) w09-AM 4/1 31—Mata Duree: Yihowaan Abbaa Ijoollee Abbaa hin Qabnee Ti. (th qoʼannaa 19)
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Akkuma Waaqayyoo Lubbuudhaaf Iddoo Guddaa Kennaa: (Daq. 10) Mareedhaan kan dhihaatu. Viidiyicha taphachiisi. Achiis gaaffiiwwan armaan gadii dhaggeeffattoota gaafadhu: Yeroo dubartiin takka ulfooftutti haalli rakkisaan akkamii uumamuu dandaʼa? Baʼuun 21:22, 23 ulfa baasuu ilaalchisee yaada akkamii qabateera? Murtoo Yihowaa gammachiisu gochuuf amantiinii fi ija jabinni kan nu barbaachisu maaliifi? Abdiin duʼaa kaʼuu kan nu jajjabeessu akkamitti?
Of Murteessuun kan Nu Fayyadu Akkamitti?: (Daq. 5) Haasaa Masaraa Eegumsaa Amajjii 15, 2010, fuula 4, keeyyata 4-7 irratti hundaaʼuudhaan dhihaatu. Namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼatan akka of murteessanii fi cuuphaman isaan jajjabeessi.
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30) jy boq. 118 fi 119
Yaada Xumuraa (Daq. 3 ykn isaa gad)
Faarfannaa 25 fi Kadhannaa