Waxabajjii 17-23
FAARFANNAA 51-53
Faarfannaa 89 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)
1. Dogoggora Cimaa Akka hin Raawwanneef Tarkaanfiiwwan Fudhachuu Dandeessu
(Daq. 10)
Namni hundi wanta gadhee raawwachuuf waan qoramuuf garmalee ofitti hin amanamin (Fr 51:5; 2Qo 11:3)
Barsiifata hafuuraa gaarii dhaabbataa taʼe qabaadhu (Fr 51:6; w19.01 15 key. 4-5)
Yaadaa fi fedhii qulqulluu hin taane mormi (Fr 51:10-12; w15 6/15 14 key. 5-6)
2. Dubbii Waaqayyoo Gadi Fageenyaan Qoruu
(Daq. 10)
-
Fr 52:2-4—Caqasoonni kun waaʼee gocha Doʼeeg maal ibsu? (it-1-E 644)
-
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?
3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Daq. 4) Fr 51:1-19 (th qoʼannaa 12)
4. Marii Jalqabuu
(Daq. 2) LALLABA ADDABAABAAYII. (lmd barumsa 7 qabxii 3)
5. Marii Jalqabuu
(Daq. 2) MANAA GARA MANAA. (lmd barumsa 4 qabxii 4)
6. Hordofii Gargaari
(Daq. 3) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Nama sana waaʼee maqaa Waaqayyoo barsiisi. (lmd barumsa 9 qabxii 5)
7. Barattoota Gochuu
Faarfannaa 115
8. Dogoggora Kee Sirreessuuf Tarkaanfii Fudhadhu
(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.
Hundi keenyayyuu, hammamiyyuu yoo of eegganne dogoggora raawwachuun keenya hin oolu. (1Yo 1:8) Yeroo kanatti, qaaniin ykn rakkinni narra gaʼa jennee sodaachuun gargaarsaa fi dhiifamaaf gara Yihowaatti deebiʼuu irraa akka nu dhorku heyyamuu hin qabnu. (1Yo 1:9) Yeroo hundumaa, tarkaanfiin jalqabaa dogoggora keenya sirreessuuf nu gargaaru Yihowaatti kadhannaa dhiheessuudha.
Faarfannaa 51:1, 2, 17 dubbisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:
-
Wanti Daawit dubbate, dogoggora cimaa yommuu raawwannutti Yihowaatti kadhannaa dhiheessuuf kan nu kakaasu akkamitti?
VIIDIYOO Jireenya Dargaggummaa Koo—Dogoggorawwan Koo Sirreessuu Kanan Dandaʼu Akkamitti? jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:
-
Wantoonni Taaliyaa fi Jooseen dogoggora akka raawwatan isaan taasisan tokko tokko maalfaʼi?
-
Dogoggora isaanii sirreessuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhatan?
-
Akkas gochuun isaanii kan isaan fayyade akkamitti?
9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii
(Daq. 30) bt boq. 11 key. 5-10 fi saanduqa ful. 101 irra jiru