AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Halalummaa Irraa Fagaachuudhaan Fakkeenya Yoseef Hordofaa
Halalummaa akka raawwannu yoo qorumsi nu irra gaʼe, Yoseef fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Haati manaa gooftaa isaa yeroo isa sossobuuf yaalte hundatti inni ishii dideera. (Uma 39:7-10) Kanaa mannaa, “ani attamittan hammina guddaa akkasii hojjedha? Cubbuudhaanis attamittan Waaqayyoon yakka ree?” jechuudhaan ilaalcha Yihowaan gaaʼelaaf qabu, jechuunis ilaalcha hiriyoonni gaaʼelaa waliif amanamoo taʼuu qabu jedhu akka qabu argisiiseera. Yeroo haalli isaa hammaatu immoo, takka dhaabbatee irratti yaaduudhaan dubartiin sun murtoo isaa akka laaffistu gochuu mannaa fiigee baqateera.—Uma 39:12; 1Qo 6:18.
VIIDIYOO HALALUMMAA IRRAA FAGAADHAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Wanta akkamiitu Jiiniin mudatee ture?
-
Jiin yommuu Miikyoongi herrega irratti akka ishii gargaaru isa gaafatteetti gaaffiiwwan hubannoo akka qabu argisiisan akkamii of gaafateera?
-
Jiin, Miikyoongi akka ishii gargaaru isa gaafachuun ishii dhiibbaa kan isa irratti godhe akkamitti?
-
Jiin gargaarsa kan argate akkamitti?
-
Jiin halalummaa irraa fagaachuuf tarkaanfii akkamii fudhateera?
-
Viidiyoo kana irraa barumsa akkamii argattan?