Filannaa Dhuunfaa

Tajaajila gaarii akka argattu si gargaaruuf kuusyaadannoo (cookies) fi teeknoolojiiwwan walfakkaatanitti fayyadamna. Kuusyaadannoon tokko tokko weebsaayitiin keenya akka hojjetu gochuuf waan barbaachisaniif irratti walii galuun dirqama. Kuusyaadannoowwan dabalataa itti fayyadama kee fooyyessan fudhachuu ykn diduu ni dandeessa. Daataa kana matumaa hin gurgurru ykn daldalaaf itti hin fayyadamnu. Odeeffannoo dabalataatiif Global Policy on Use of Cookies and Similar Technologies dubbisi. Filannaa kee yeroo kamittiyyuu Filannaa Dhuunfaa keessaa sirreessuu ni dandeessa.

Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Murtoowwan Yihowaatti Akka Amanamnu Argisiisan

Murtoowwan Yihowaatti Akka Amanamnu Argisiisan

Guyyaa guyyaadhaan murtoo baayʼee gochuun nu barbaachisa. Namoonni addunyaa yeroo baayʼee miira isaanii irratti hundaaʼanii murteessu ykn wantuma namoonni baayʼeen godhan godhu. (Bau 23:2; Fak 28:26) Faallaa kanaatiin namoonni Yihowaatti amanaman, murtoon isaanii qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti akka hundaaʼu gochuudhaan isa ‘tilmaama keessa galchu.’—Fak 3:5, 6.

Caqasoota armaan gadii hunda irratti, haala caqasichi murtoo gaarii gochuuf itti si gargaaruu dandaʼu tokko barreessi.

VIIDIYOO WARRA AMANTII HIN QABNEE UTUU HIN TAʼIN, FAKKEENYA WARRA AMANAMOO TAʼANII HORDOFAA—FARAʼOONIIN UTUU HIN TAʼIN, MUSEE JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFII ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

Suuraa, viidiyoo “Warra Amantii Hin Qabnee Utuu Hin Taʼin, Fakkeenya Warra Amanamoo Taʼanii Hordofaa—Faraʼooniin Utuu Hin Taʼin, Musee” jedhamu irraa fudhatame. Obboleessi tokko walgaʼii naannoo ramadaman irratti hirmaachuuf utuu manaa baʼaa jiruu iddoo hojiitii bilbilli ariifachiisaan tokko isaaf bilbilame.

Obboleessi keenya murtoo gaarii akka godhu fakkeenyi Kitaaba Qulqulluu tokko kan isa gargaare akkamitti?