Bitootessa 26–Ebla 1
MAATEWOS 25
Faarfannaa 143 fi Kadhannaa
Yaada Seensaa (Daq. 3 ykn isaa gad)
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
“Dammaqaa Eegaa”: (Daq. 10)
Mat 25:1-6—Durboonni abshaalonni shanii fi durboonni gowwoonni shan dhirsa misirroo simachuuf gad baʼan
Mat 25:7-10—Dhirsi misirroo yommuu dhufu durboonni gowwoonni sun hin turre
Mat 25:11, 12—Afeerraa cidhaa sanatti akka seenan kan isaaniif heyyamame durboota abshaalota qofa turan
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 8)
Mat 25:31-33—Fakkeenyi waaʼee hoolotaa fi reʼootaa dubbatu hiika maalii akka qabu ibsi. (w15 3/15 27 key. 7)
Mat 25:40—Obboloota Kiristoosiif michoota akka taane argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (w09 10/15 16 key. 16-18)
Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torban kanaa waaʼee Yihowaa maal si barsiise?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa kan biraa akkamii argatte?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isaa gad) Mat 25:1-23
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
Deddeebii Gaaffii Lammaffaa: (Daq. 3 ykn isaa gad) Maree fakkeenya taʼutti fayyadamuudhaan jalqabi. Namni sun Ayyaana Yaadannoo irratti akka argamu afeeri.
Deddeebii Gaaffii Sadaffaa: (Daq. 3 ykn isaa gad) Caqasa mataa kee filadhu, achiis barreeffama qoʼannaa kenniif.
Haasaa: (Daq. 6 ykn isaa gad) w15 3/15 27 key. 7-10—Mata duree: Fakkeenyi Waaʼee Hoolotaa fi Reʼootaa Dubbatu Barbaachisummaa Hojii Lallabaa kan Addeessu Akkamitti?
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
“Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Barattoonni Keenya Akkamitti Akka Qophaaʼan Leenjisuu”: (Daq. 10) Mareedhaan kan dhihaatu. Achiis, viidiyoo babalʼistuun tokko nama Kitaaba Qulqulluu qoʼachiistu qoʼannaadhaaf akkamitti akka qophooftu yommuu leenjistu argisiisu taphachiisiitii irratti mariʼadhaa. Karaawwan biraa barattoota Kitaaba Qulqulluu isaanii qoʼannaadhaaf qopheessuudhaan buʼa qabeessa taʼee argatan yoo jiraate akka dubbatan dhaggeeffattoota afeeri.
Keessummoota Keenya Simachuu: (Daq. 5) Haasaa mata duree Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii Bitootessa 2016 irratti hundaaʼee dhihaatu. Muuxannoo gaggaarii tibba Ayyaana Yaadannoo 2017tti argame tokko tokko dubbadhu. Ayyaana Yaadannoo Bitootessa 31 kabajamu ilaalchisee, bakka konkolaataa dhaaban, galmicha seenuu fi baʼuu, akkasumas wantoota kana fakkaatan ilaalchisee yaadachiisa barbaachisaa taʼe kenni.
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30) kr “Kutaa 7—Abdiiwwan Mootummichaa—Wanta Hunda Haaraa Gochuu,” boq. 21 key. 1-7
Irra Deebii fi Yaada Gabaabaa Barumsa Torban Itti Aanuu (Daq. 3)
Faarfannaa 146 fi Kadhannaa