BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
Yihowaan Namaaf ni Yaada
Saamuʼel waan Eeliin isa waamaa jiru itti fakkaatee ture (1Sa 3:4-7; w18.09 24 key. 3)
Yihowaan Saamuʼeliin waamaa kan jiru isa akka taʼe ifa godhe (1Sa 3:8, 9)
Yihowaan Saamuʼel isa ijoollee tureef garaadha akka yaadu argisiiseera (1Sa 3:15-18; w18.09 24 key. 4)
AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Ijoolleedhaafis taʼe namoota guguddaadhaaf akkan yaadu karaawwan kamiinan argisiisuu dandaʼa? Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti warra kaaniif akkan yaadu argisiisuu kanan dandaʼu akkamitti?’