Yihowaan Waadaa Gale Ni Eega
Yihowaan waaqeffannaan mana qulqullummaa Yerusaalemitti raawwatamu iddoo isaatti akka deebiʼu waadaa galee ture. Haa taʼu malee erga boojuu Baabilonii deebiʼanii booda, labsii mootummaa ijaarsa isaanii akka dhaabaman baʼe dabalatee achitti wanti gufuu taʼu hedduun isaan mudatee ture. Hedduun isaanii hojichi utuu hin xumuramin hafa jedhanii sodaatanii turan.
-
Dh.K.D. naannoo 537
Qiiros manni qulqullummaa deebiʼee akka ijaaramu labsii labsisiise
-
Jiʼa torbaffaa
Iddoon aarsaa ni ijaarame; aarsaan ni dhiheeffame
-
Dh.K.D. 536
Buʼuurri ni kaaʼame
-
Dh.K.D. 522
Artashaastaa Mootichi ijaarsicha dhaabsise
-
Dh.K.D. 520
Zakaariyaasii fi Haageen sabichi ijaarsa isaa akka itti fufu jajjabeessan
-
Dh.K.D. 515
Manni Qulqullummaa ni xumurame