Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI | GAMMACHUU TAJAAJILA IRRATTI ARGATTAN GUDDIFADHAA

Miira Namootaa Hubadhaa

Miira Namootaa Hubadhaa

Namni dandeettii miira namaa hubachuu qabu namni tokko maal akka yaadu, maaltu akka isatti dhagaʼamu, wantoota akkamiitiif iddoo guddaa akka kennuu fi wantoonni isa barbaachisan maalfaa akka taʼan ni hubata. Namoonni miira isaanii yeroo isaaniif hubannu kana salphaatti hubatu; warra kaan gargaaruuf garaadhaa barbaaduun keenya miira isaanii hubachuuf nu dandeessisa. Tajaajila irratti miira namootaa akka hubannu yommuu argisiisnu akkuma Yihowaa namoota akka jaallannuu fi akka isaaniif yaannu argisiisna; kun immoo Yihowaatti akka dhihaatan isaan kakaasa.—Flp 2:4.

Miira namootaa hubachuun mala barsiisuuf itti fayyadamnu qofa miti; akkaataa itti dhaggeeffannuun, akkaataa itti dubbannuun, ilaalcha keenyaan, ibsa qaamaa fi miira fuula keenya irraa mulʼatuun miira namootaa akka hubannu argisiisuu dandeenya. Akkasumas xiyyeeffannaa guutuu isaaniif kennuudhaan akka isaaniif yaannu argisiisuu dandeenya. Fedhii, amantii fi haala nama sanaatiif xiyyeeffannaa ni kennina. Wanta isa fayyadu kan isatti himnuu fi gargaarsa kan isaaf goonu taʼus jijjiirama akka godhu dhiibbaa irratti hin goonu. Namoonni gargaarsa isaaniif goonu fudhatanii deebii gaarii yeroo kennan gammachuun tajaajila irratti argannu ni dabala.

VIIDIYOO GAMMACHUU BARATTOOTA GOCHUUN ARGAMSIISU ARGADHAA—DANDEETTII KEESSAN FOOYYEFFADHAA—MIIRA NAMOOTAA HUBACHUUDHAAN JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Maartaan yeroo Saaraan barfattee dhuftetti miira ishii akka ishiidhaaf hubattu kan argisiiste akkamitti?

  • Maartaan yeroo Saaraan baayʼee dhiphachuu ishiitiin kan kaʼe qoʼachuu akka hin dandeenye dubbattetti miira ishii akka ishiidhaaf hubattu kan argisiiste akkamitti?

  • Namoonni miira isaanii yeroo isaaniif hubannu Yihowaatti dhihaatu

    Maartaan yeroo Saaraan qindoomina akka hin qabne dubbattetti miira ishii akka ishiidhaaf hubattu kan argisiiste akkamitti?