Mulʼachuu Isa Hamaa Sanaa
Phaawulos caqasoota kanneen irratti waaʼee maalii ibseera?
-
“Dhowwaa” (lakk. 6)—Ergamoota taʼuu dandaʼa
-
‘Mulʼachuu’ (lakk. 6)—Ergamoonni erga duʼanii booda Kiristiyaanonni gantoota taʼan fakkeessaa amantii fi barumsawwan sobaa isaanii babalʼisuu jalqaban
-
‘Iccitii jalʼinaa’ (lakk. 7)—Bara Phaawulos jiraatetti “inni hamaan” eenyu akka taʼe namoonni hin hubanne
-
‘Isa hamaa’ (lakk. 8)—Yeroo harʼaa akka gareetti geggeessitoota amantii Saba Kiristiyaanaa argisiisa
-
‘Gooftaan Yesuus yeroo argamuu isaatiin mulʼatutti [isa hamaa sana] ni dhabamsiisa’ (lakk. 8)—Yesuus ‘isa hamaa’ sana dabalatee sirna Seexanaa irratti murtii Yihowaa raawwachuudhaan samii irratti Mootii taʼuu isaa ifa godha
Caqasoonni kun hinaaffaa fi miira ariitiitiin akka lallabdu kan si jajjabeessan akkamitti?