Yihowaan Tuuta Uummataa Guddaa Eenyu Illee Lakkaaʼuu hin Dandeenye ni Eebbisa
Yihowaan tuuta uummata guddaa kan eebbisu maaliifi?
-
‘Teessoo Yihowaa dura dhaabatanii’ Ol Aantummaa Yihowaa guutummaatti deggeraa waan jiraniifi dha
-
“Uffata a’adii” uffataniiru; kun immoo amantii aarsaa Kiristoos irratti qabaniin Yihowaa duratti qulqulluu fi qajeelota taʼuu isaanii argisiisa
-
Utuu wal irraa hin kutinii fi hinaaffaadhaan Yihowaa waaqeffachuudhaan ‘halkanii fi guyyaa tajaajila qulqulluu’ waan isaaf dhiheessaniifi dha
Miseensa tuuta uummataa guddaa taʼuuf maal gochuun qaba?