AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Faarfannaawwan addaa irraa maal barattu?
Faarfannaawwan addaa baayʼee jaallattan tokko tokko isaan kamfaʼi? Maaliif? Wantoonni viidiyoo sana irratti argitan jireenya keessan wajjin kan wal qabatan akka taʼan isinitti dhagaʼamaa? Faarfannaawwan kun mata duree adda addaa kan qabanii fi akkaataa adda addaatiin kan qopheeffaman waan taʼaniif barumsa nama hundumaaf taʼu qabu. Faarfannaawwan addaa fi muuziqaawwan viidiyoodhaan dhihaatan kun kan qopheeffaman nu bashannansiisuuf qofa miti.
Faarfannaan addaa hundi barumsawwan jireenya keenya keessattii fi tajaajila keenya irratti hojii irra oolchuu dandeenyu nu barsiisu. Faarfannaawwan tokko tokko keessummaa simachuu, tokkummaa, michummaa, ija jabina, jaalalaa fi amantii irratti xiyyeeffatu. Warri kaan immoo gara Yihowaatti deebiʼuu, dhiifama gochuu, guyyaa guyyaan amanamummaa keenya eeggannee jiraachuu fi galma hafuuraa hordofuu wajjin kan wal qabatanii dha. Faarfannaan addaa moobaayilii keenya karaa madaallii isaa eegeen fayyadamuu akka qabnu dubbatu illee jira. Faarfannaawwan addaa irraa barumsa hojii irra ooluu danda’u kan biraa akkamii argattan?
VIIDIYOO FAARFANNAA ADDAA ADDUNYAA HAARAAN BAAYʼEE DHIHAATEERA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Hiriyoonni gaaʼelaa dullooman tokko eebba gara fuulduraatti isaan eeggatu akkamii irratti yaadaa jiru?—Uma 12:3
-
Amantii Yihowaan abdii kenne guutummaatti raawwachuu akka danda’u irratti qabnu cimsachuu kan dandeenyu akkamitti?
-
Dhiheenyatti namoota baayʼee jaallannu wajjin yommuu deebinee wal arginu haala gammachiisaa akkamiitu jiraata?
-
Abdiin Mootummichaa rakkina yeroo ammatti nurra gaʼaa jiru dandamannee akka jiraannu kan nu gargaaru akkamitti?—Rom 8:25