AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Hiriyoonni Gaaʼelaa, Gaaʼela Isaanii Cimsuu kan Dandaʼan Akkamitti?
Abrahaamii fi Saaraan hiriyoota gaaʼelaa wal jaallatanii fi wal kabajan waan taʼaniif fakkeenyaa gaarii taʼu. (Uma 12:11-13; 1Ph 3:6) Haa taʼu malee, gaaʼelli isaaniis mudaa kan hin qabne waan hin taaneef jireenya isaanii keessatti rakkoowwan tokko tokko dandamachuun isaan barbaachiseera. Hiriyoonni gaaʼelaa fakkeenya Abrahaamii fi Saaraa qoruudhaan barumsa akkamii argachuu dandaʼu?
Akka gaariitti waliin haasaʼaa. Hiriyaan gaaʼelaa inni tokko aaree ykn abdii kutatee yoo dubbate illee gad of qabuudhaan suuta jedhaatii deebii kennaa. (Uma 16:5, 6) Yeroo waliin dabarsuuf yeroo ramadaa. Jechaanis taʼe gochaan hiriyaa gaaʼelaa keessan akka jaallattan isatti argisiisaa. Hunda caalaa immoo, waliin qoʼachuu, kadhachuu fi waaqeffachuudhaan yeroo hunda Yihowaan gaaʼela keessan keessa akka jiraatu godhaa. (Lal 4:12) Gaaʼelli cimaa taʼe, Yihowaa isa Madda qophii qulqulluu taʼe kanaaf ulfina argamsiisa.
VIIDIYOO HIRIYOONNI GAAʼELAA WALITTI DHUFEENYA ISAANII CIMSUU KAN DANDAʼAN AKKAMITTI? JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Viidiyoo kana irratti, Shaanii fi Kiiyaaraan wal irraa fagaachaa akka turan wantoonni argisiisan tokko tokko isaan kamfaʼi?
-
Gaaʼela keessatti dhugaa jiru ifatti waliin dubbachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
-
Fakkeenyi Abrahaamii fi Saaraa, Shaanii fi Kiiyaaraa kan gargaare akkamitti?
-
Shaanii fi Kiiyaaraan gaaʼela isaanii cimsuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhataniiru?
-
Abbaan manaas taʼe haati manaa gaaʼelli isaanii mudaa kan hin qabne taʼuu qaba jedhanii eeguu kan hin qabne maaliifi?