Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Nama Balbala Isaa Utuu hin Banin Nu Haasofsiisuuf Dhugaa Baʼuu

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Nama Balbala Isaa Utuu hin Banin Nu Haasofsiisuuf Dhugaa Baʼuu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? Namoonni hedduun yakka waan sodaataniif, nama hin beekneef balbala banuu ni sodaatu; taʼus manneen tokko tokko balbala isaanii irratti leensii (meeshaa keessaa gara alaatti ittiin ilaalan) qabu. Tarii nama nuti hin arginee fi inni nu argaa jirutti yeroo misiraachicha himnu sodaan nutti dhagaʼama taʼa. Yaadachiisawwan armaan gadii nama balbala isaa utuu hin banin nu haasofsiisuuf dhugaa baʼuuf nu gargaaru.

KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Ilaalcha gaarii qabaadhu. Namoonni balbala isaanii utuu hin banin nu haasofsiisan hedduun nuu wajjin mariʼachuuf fedhii qabu

  • Namni dallaa sana keessa jiru akkuma balbalatti dhihaatteen si arguu fi sagalee kee dhagaʼuu akka dandaʼu hin dagatin

  • Namni sun yommuu siif owwaatu akkuma isa ilaalaa haasofsiistutti isa haasofsiisi. Seeqi, akkasumas ibsa qaamaatti fayyadami. Wantuma utuu balbala siif bane dubbachuuf yaadde dubbadhu. Kaameeraan yoo jiraate fuula kee baayʼee itti hin dhiheessin. Abbaan manichaa yoo siif owwaachuu baate homaa utuu hin dubbatin deemi

  • Erga maree keessan xumurtanii boodas abbaan manichaa akka si ilaaluu fi wanta dubbattu akka dhagaʼu hin dagatin