Miidhaa Guddaa Sobni Jalqabaa Geessise
Seexanni erga Hewaanitti soba dubbatee eegalee ilmaan namootaa gowwoomsaa jira. (Mul 12:9) Sobawwan Seexanaa armaan gadiitti ibsaman namoonni gara Yihowaatti akka hin dhihaanne kan godhan akkamitti?
-
Waaqni hin jiru
-
Waaqayyo Sillaasee isa iccitii taʼe dha
-
Waaqayyo maqaa hin qabu
-
Waaqayyo bara baraaf ibidda qilillee keessatti nama guba
-
Wanti uumamu hundi fedha Waaqayyoo ti
-
Waaqayyo ilmaan namootaaf hin yaadu
Sobawwan waaʼee Waaqayyoo dubbataman kunneen maaltu akka sitti dhagaʼamu godhu?
Maqaan Waaqayyoo akka qulqullaaʼu gochuu irratti gaʼee kee raawwachuu kan dandeessu akkamitti?