Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

 MATA DUREE FUULA JALQABAA | WAAQAYYOTTI DHIHAACHUU NI DANDEESSA

Maqaa Waaqayyoo Beektaa? Itti Hoo Ni Fayyadamtaa?

Maqaa Waaqayyoo Beektaa? Itti Hoo Ni Fayyadamtaa?

Michuu baayʼee itti dhihaattus maqaa isaa hin beekne qabdaa? Akka hin qabaanne beekamaa dha. Yaadni dubartiin Bulgaariyaa keessa jiraattuu fi Irinaa jedhamtu, “Maqaa isaa beekuu baannaan Waaqayyotti dhihaachuun hin dandaʼamu” jechuudhaan dubbatte sirrii dha. Kan nama gammachiisu, akkuma mata duree darbe keessatti ibsame Waaqayyo akka isatti dhihaattu barbaada. Kanaaf, “Ani Yihowaa dha. Maqaan koo isa kana” jechuudhaan karaa Macaafa Qulqulluu sitti of beeksiseera.—Isaayaas 42:8, NW.

Waaqayyo, “Ani Yihowaa dha. Maqaan koo isa kana” jechuudhaan karaa Macaafa Qulqulluu sitti of beeksiseera.—Isaayaas 42:8, NW

Maqaa isaa kan beektuu fi kan itti fayyadamtu taʼuuf dhiisuun kee, Yihowaa biratti iddoo waan qabu sitti fakkaataa? Mee yaadi: Maqaan Waaqayyoo inni qubee dubbifamaa Ibrootaa Teetiraagiraamaatan jedhaman afuriin barreeffame, Caaffata Qulqullaaʼoo Afaan Ibrootaa (Kakuu Moofaa) isa jalqabaa keessatti gara siʼa 7,000 argama. Maqaa kam iyyuu caalaa Macaafa Qulqulluu keessatti baayʼinaan kan argamu maqaa kana dha. Kun ragaa Yihowaan maqaa isaatti akka fayyadamnu akka barbaadu argisiisu dha. *

Michummaan kan jalqabu maqaa walii baruudhaani. Maqaa Waaqayyoo beektaa?

Namoonni tokko tokko immoo, Waaqayyo qulqulluu fi waan hunda kan dandaʼu waan taʼeef, maqaa isaatti fayyadamuun isaaf kabaja dhabuu akka taʼetti yaadu taʼa. Dhugaa dha, akkuma maqaa michuu keenyaatti karaa sirrii hin taaneen hin fayyadamne, maqaa Waaqayyoottis karaa sirrii hin taaneen fayyadamuun dogoggora dha. Yihowaan garuu, namoonni isa jaallatan maqaa isaatiif ulfina akka kennanii fi maqaa kana akka beeksisan barbaada. (Faarfannaa 69:30, 31; 96:2, 8) Yesus, “Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu taʼee haa eegamu” jedhanii akka kadhatan duuka buutota isaa akka barsiise yaadadhu. Maqaa isaa beeksisuudhaan, maqaan isaa akka qulqullaaʼu gochuu irratti hirmaachuu ni dandeenya. Akkas gochuun keenya caalaatti isatti nu dhiheessa.—Maatewos 6:9.

Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo ‘warra maqaa isaatiif ulfina kennaniif’ xiyyeeffannaa addaa akka kennu nu hubachiisa. (Miilkiyaas 3:16) Yihowaan nama akkasii ilaalchisee, “Waan inni maqaa koo beekuufis, eegumsaan ol isa nan qaba. Inni ana in waammata, anis deebii nan kennaaf, yeroo rakkinaatti isaa wajjin nan jiraadha” jechuudhaan waadaa seeneera. (Faarfannaa 91:14, 15) Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuu yoo barbaadne, maqaa isaa beekuunii fi itti fayyadamuun barbaachisaa dha.

^ KEY. 4 Maqaan kun Caaffata Qulqullaaʼoo Afaan Ibrootaa isa yeroo baayʼee Kakuu Moofaa jedhamee waamamu keessatti baayʼinaan kan argamu taʼus, hiikkaawwan Macaafa Qulqulluu hedduun maqaa kanatti kan hin fayyadame taʼuun isaanii baayʼee nama gaddisiisa. Kanaa mannaa maqaa isaa kana, maqaawwan ulfinaa kan akka “Gooftaa” ykn “Waaqayyo” jedhaniin bakka buusaniiru. Dhimma kana irratti yaada dabalataa argachuuf Kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼee fi Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu fuula 195-197 ilaali.