Rakkina Gaaʼela Keessatti Waggaa Isa Jalqabaatti Uumamu Keessa Darbuu
Maatii Gammachuu Qabu
Rakkina Gaaʼela Keessatti Waggaa Isa Jalqabaatti Uumamu Keessa Darbuu
Inni akkas jedha: “Aniifi haati manaakoo hamma kana garaagarummaa qabaachuun keenya na ajaaʼibsiiseera! Fakkeenyaaf, ani ganamaan kaʼuun jaalladha, isheenimmoo galgala daftee rafuu hin barbaaddu. Miirrishee jijijjiiramuunsaas bitaa natti taʼa! Inni kaanimmoo, yeroon ani nyaata bilcheessu keessumaammoo akkaataan ani fooxaa qodaa ittiin qoorsaniin harkakoo itti qoorfadhu ilaalchisee baayʼee na ceephaati.”
Isheen akkas jetti: “Abbaan manaakoo baayʼee haasaʼuu hin jaallatu. Ani garuu maatiikoo wajjin baayʼeen haasaʼa ture. Isaanis keessumaa yeroo nyaataatti baayʼee haasaʼu turan. Akkasumas, abbaan manaakoo yommuu nyaata bilcheessu, miʼa dhiqeefi harkasaa qoorsuuf fooxuma tokkotti fayyadama! Kun baayʼee na aarsa! Dhiironni wanti tokko dafee kan isaaniif hin galle maaliifi? Namoonni gaaʼellisaanii akka milkaaʼu kan godhan akkamitti?”
GAAʼELA kan godhattan dhiheenyatti yoo taʼe, rakkinni akkasii isin mudateeraa? Hiriyaa gaaʼelaa keessanirratti hirʼinaafi balleessaa yeroo wal qorachaa turtanitti hin argine amma akka tasaa argaa jirtuu? Walitti buʼiinsa ‘rakkina warri fuudhaniifi heeruman guyyaa guyyaatti isaan argatuun’ uumamu hirʼisuu kan dandeessan akkamitti?—1 Qorontos 7:28.
Tokkoffaa, waadaa gaaʼelaa waan walii galtaniif qofa, isiniifi hiriyaan gaaʼelaa keessan takkumaan hayyoota gaaʼelaa akka taatan hin eeginaa. Yeroo qeentee turtanitti namootaa wajjin walii galuu dandeessu turtan taʼa; dandeettiin kunimmoo yeroo gaaʼelaaf wal qorachuu jalqabdanitti fooyyaʼee taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, gaaʼelli dandeettiiwwan sana karaa adda taʼeen kan qoru taʼuusaarrayyuu, dandeettii haaraa qabaachuu kan isin gaafatu taʼuu hin oolu. Dogoggora ni hojjettuu? Kun waan hin oolledha. Dandeettiiwwan isin barbaachisan qabaachuu ni dandeessuu? Qabaachuu akka dandeessan homaa hin shakkisiisu!
Dandeettii kamiyyuu fooyyessuuf karaan hunda caalaa gaarii taʼe, qaama dhimma sanarratti hayyuu taʼe mariisisuufi gorsa inni kennu hojiirra oolchuudha. Hayyuun gaaʼelaa inni hunda caalu Yihowaadha. Kana malees, fuudhuuf ykn heerumuuf keessa keenyatti fedhii akka qabaannu godhee kan nu uume Isadha. (Uumama 2:22-24) Dubbiisaa kan taʼe Macaafni Qulqulluun, gaaʼelli keessan waggaa isa jalqabaa qofatti utuu hin taʼin sana boodas akka itti fufuuf, rakkoowwan gaaʼela keessatti isin mudatan moʼuufi dandeettiiwwan barbaachisaa taʼan qabaachuuf akkamitti isin gargaaruu akka dandaʼu hubadhaa.
DANDEETTII 1. WALIIN MARIʼACHUU BARADHAA
* inni abbaa manaa taʼeefi Jaappaan keessa jiraatu, al tokko tokko murtoon inni godhe haadha manaasaas kan ilaallatu akka taʼe dagata. Akkas jedha: “Afeerriiwwan nuu dhihaatan utuun haadha manaakoo hin mariisisinan fudhadha ture. Booddee, beellama sanarratti argamuuf isheedhaaf kan hin mijoofne akka turen hubadha.” Abbaan manaa Awustiraaliyaa keessa jiraatu Alan, “Waan tokko tokko ilaalchisee haadha manaakoo mariisisuun dhiirummaa akka hin taane natti dhagaʼama ture” jedheera. Akkaataan guddinaasaa rakkina itti fideera. Haalli Daayaan ishee Biritaaniyaa keessa jiraattuus kanaan wal fakkaata ture. Akkas jetti: “Warrakoo gorsa nan gaafadhan ture. Kanaafuu, jalqabarratti yeroon murtoo godhu abbaa manaakoo utuu hin taʼin isaanan gaafadha ture.”
Rakkoon akkamii uumamuu dandaʼa? Keejii,Furmaannisaa maalidha? Yihowaan hiriyoota gaaʼelaa akka “foon tokko” taʼanitti akka ilaalu yaadadhaa. (Maatewos 19:3-6) Isa duratti, walitti dhufeenyi ilmaan namootaa gidduu jiru kamiyyuu isa abbaa manaafi haadha manaa gidduu jirurra hin caalu! Walitti dhufeenyi kun cimaa taʼee akka itti fufu gochuuf, akka gaariitti waliin haasaʼuun baayʼee barbaachisaadha.
Abbaan manaafi haati manaa, akkaataa Yihowaan Abrahaamii wajjin itti haasaʼe qoruudhaan waan baayʼee barachuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, marii Uumama 18:17-33rratti galmeeffame dubbisaa. Waaqayyo karaawwan sadiin Abrahaamiin kabajuusaa hubadhaa. (1) Yihowaan wanta gochuuf yaade ibseeraaf. (2) Abrahaam ilaalchasaa ennaa ibsuuf isa dhaggeeffateera. (3) Yihowaan, wanta Abrahaam gaafate gochuuf hamma dandaʼame tarkaanfiisaarratti jijjiirama gochuuf qophaaʼaa ture. Yeroo hiriyaa gaaʼelaa keessanii wajjin mariʼattan, fakkeenya kana hordofuu kan dandeessan akkamitti?
AKKAS GOCHUUF YAALI: Dhimmawwan hiriyaa gaaʼelaa keessan tuqanirratti ennaa mariʼattan, (1) dhimma sanaaf furmaanni akkamii utuu kennamee akka isin gammachiisu ibsaa; taʼus yaada keessan yommuu ibsitan akka filannootti malee, akka murtoo xumuraatti hin dubbatinaa; (2) hiriyaan gaaʼelaa keessan yaadasaa akka ibsu gaafadhaa; hiriyaan gaaʼelaa keessan ilaalcha adda taʼe qabaachuuf mirga akka qabus amanaa fudhadhaa; akkasumas (3) yeroo dandaʼamu hundumaatti filannaa hiriyaa gaaʼelaa keessanii fudhachuudhaan, ‘garraamummaan keessan nama hundumaa biratti akka beekamu godhaa.ʼ—Filiphisiiyus 4:5.
DANDEETTII 2. MALA QABEEYYII TAʼUU BARADHAA
Rakkoon akkamii uumamuu dandaʼa? Haala maatii ykn aadaa keessaniin kan kaʼe, yaada keessan cimsitanii tariimmoo akkuma isinii dhufetti dubbachuun amala isinitti taʼeera taʼa. Fakkeenyaaf, Liyaam inni biyya Awurooppaa keessa jiraatu akkas jedheera: “Bakkan ani irraa dhufetti namoonni mala qabeeyyii miti. Haati manaakoo yaadakoo akkuma naa
dhufetti dubbachuunkoo yeroo baayʼee ishee aarsa. Arraba laafaadhaan dubbachuu barachuu na barbaachisa ture.”Furmaannisaa maalidha? Hiriyaan gaaʼelaa keessan karaa isin bartaniin akka itti dubbatamu akka barbaadu isinitti hin dhagaʼamin. (Filiphisiiyus 2:3, 4) Gorsi Phaawulos ergamaan misiyoonii tokkoof kenne, namoota reefuu wal fuudhanis ni gargaara. “Hojjetaan gooftichaa . . . gaarummaa argisiisuun . . . isaaf in taʼa malee, nama qoccoluun isaaf hin taʼu” jedhee barreesseera. Afaan Giriikii isa jalqabaatiin jechi “gaarummaa” jedhu, hiika “mala qabaachuu” jedhus qaba. (2 Ximotewos 2:24; miiljalee NW) Mala jechuun, haala tokkorratti of eeggannoo gochuun barbaachisaa taʼuusaa hubachuu dandaʼuufi utuu warra kaan hin aarsin dhimma sana gaarummaadhaan qabuu jechuudha.
AKKAS GOCHUUF YAALI: Yommuu hiriyaa gaaʼelaa keessanitti aartanii jirtanitti, hiriyaa gaaʼelaa keessanii wajjin utuu hin taʼin michuu gaarii tokkoo wajjin ykn nama qacaree isin hojjechiisuu wajjin haasaʼaa akka jirtan godhaa yaadaa. Yeroo kanattis akkaataan sagalee itti dubbattaniifi jechi filattan sanumaa? Kanaaf, michuu ykn nama isin hojjechiisu caalaa hiriyaa gaaʼelaa keessan karaa ulfina qabuufi malaan haasofsiisuu kan qabdan maaliif akka taʼe yaadaa.—Qolosaayis 4:6.
DANDEETTII 3. GAʼEEWWAN KEESSAN WARRA HAARAA WAJJIN WALSIMUU BARADHAA
Rakkoon akkamii uumamuu dandaʼa? Yeroo jalqabaatti abbaan manaa aangoo mataa maatii taʼuudhaan qabutti fayyadamuu itti wallaaluu dandaʼa; ykn haati manaa malaan yaada kennuu hin barre taʼa. Fakkeenyaaf, abbaan manaa Xaaliyaanii jiraatuufi Antooniyoo jedhamu akkas jedha: “Abbaankoo murtoo dhimmawwan maatii ilaalchisee godhurratti matumaa haadhakoo mariisisee hin beeku. Kanaafuu, jalqabarratti maatiikoo akka mootiittan bulcha ture.” Haati manaa Kaanaadaa keessa jiraattuufi Deebii jedhamutu tokkommoo: “Abbaan manaakoo caalaatti qulqulluufi sabrii kan qabu akka taʼun dhibbaa isarratti godha ture. Akkas gochuunkoo garuu caalaatti didaa isa godhe malee homaa hin fayyadne.”
Abbaan manaa yoo maal godhe wayya? Abbootiin manaa tokko tokko, yaada Macaafni Qulqulluun haati manaa bitamuu akka qabdu dubbatuufi mucaan tokko warrasaatiif ajajamuu akka qabu dubbatu ijuma tokkoon ilaalu. (Qolosaayis 3:20; 1 Phexros 3:1) Haataʼu malee, Macaafni Qulqulluun abbaan manaa ‘haadha manaasaatti maxxanuu akka qabuufi lachanuu foon tokko akka taʼan’ dubbata; waaʼee warraafi mucaasaanii garuu akkas hin jedhu. (Maatewos 19:5) Yihowaan, haati manaa gargaartuu ykn hiriyaa abbaa manaashee akka taate dubbata. (Uumama 2:18) Macaafni Qulqulluun matumaa mucaan gargaartuu ykn hiriyaa warrasaa akka taʼe dubbatee hin beeku. Abbaan manaa tokko haadha manaasaa akka mucaa xinnootti yoo ilaale, qophii gaaʼelaatiif ulfina kennaa kan jiru sitti fakkaataa?
Sirumayyuu, Dubbiin Waaqayyoo haadha manaakee akka Yesus gumii Kiristiyaanaa qabutti akka ishee qabdu si gorsa. (1) Haati manaakee daftee akkasumas mudaa tokko malee sii bitamuushee akka ibsitu yoo irraa eeguu baatteefi (2) yeroo rakkinni jiruttillee akka qaama keetti yoo ishee jaallatte, mataashee akka taatetti si ilaaluun akka isheetti salphatu gochuu dandeessa.—Efesoon 5:25-29.
Haati manaa yoo maal goote wayya? Amma abbaan manaakee mataa Waaqayyoon muudame taʼuusaa amanii fudhadhu. (1 Qorontos 11:3) Abbaa manaa keetiif yoo ulfina kennite Waaqayyoof ulfina kennita. Matummaasaa yoo fudhachuu didde garuu, ilaalcha abbaa manaa keetiif qabdu qofa utuu hin taʼin, ilaalcha Waaqayyoofi ulaagaawwansaatiif qabdus mulʼisaa jirta jechuudha.—Qolosaayis 3:18.
Dhimmawwan rakkisaa taʼanirratti ennaa mariʼattan, amala abbaa manaa keerratti utuu hin taʼin rakkinicharratti xiyyeeffachuu baradhu. Fakkeenyaaf, Asteer Mootittiin, abbaan manaashee Ahashweros Mootichi jalʼina raawwatame tokko akka sirreessu barbaaddee turte. Yeroo kanatti isa ceephaʼuu mannaa, malaan yaadashee ibsiteetti. Abbaan manaashees yaadashee kan fudhate taʼuusaarrayyuu, booda waan sirrii taʼe godheera. (Asteer 7:1-4; 8:3-8) (1) Abbaan manaakee gaʼeesaa isa haaraa mataa maatii taʼuudhaan raawwatuu wajjin akka gaariitti hamma wal barutti yoo yeroo isaa kenniteefi (2) ennaa dogoggora hojjetuttillee yoo isa kabajje, caalaatti garaadhaa si jaallachuu dandaʼa.—Efesoon 5:33.
AKKAS GOCHUUF YAALI: Karaawwan hiriyaan gaaʼelaa keessan jijjiirama gochuu itti qabu yaadannoo qabachuu mannaa, karaawwan isin jijjiirama gochuu itti qabdan galmeeffadhaa. Abbootii manaatiif: Akkaataa aangoo matummaa keessanitti itti fayyadamtan ykn itti fayyadamuu dhiistaniin haadha manaa keessan kan aarsitan yoo taʼe, akkamitti fooyyaʼiinsa gochuu akka dandeessan isaan gaafadhaatii, yaada isinii kenname barreeffadhaa. Haadhotii manaatiif: Abbaan manaa keessan akka hin kabajamne yoo isatti dhagaʼame, akkamitti jijjiirama gochuu akka dandeessan gaafadhaatii, yaada isinii kenname barreeffadhaa.
Wanta Humnaa Ol Taʼe Isaanirraa Hin Eeginaa
Gaaʼela keessatti walitti dhufeenya gammachiisaafi sirrii taʼe qabaachuu barachuun, biskileetii oofuu barachuu wajjin wal fakkaata. Hamma biskileetii sirriitti oofuu dandeessanitti, kufuu akka dandeessan beektu. Haaluma wal fakkaatuun, gaaʼela keessatti hanga muuxannoo argattanitti dogoggorawwan nama qaanessan tokko tokko raawwachuu akka dandeessan beekuu qabdu.
Qoosuu baradhaa. Wanta hiriyaa gaaʼelaa keessan yaaddessuuf xiyyeeffannaa kennaa; dogoggora isin raawwattaniif garuu ofitti kolfuu baradhaa. Erga gaaʼela godhattanii booda waggaa isa jalqabaatti, hiriyaa gaaʼelaa keessan gammachiisuuf carraa barbaadaa. (Keessa Deebii 24:5) Hunda caalaammoo, walitti dhufeenyi keessan Dubbii Waaqayyoorratti akka hundaaʼu godhaa. Kana yoo gootan, gaaʼelli keessan waggaadhaa gara waggaatti cimaa deema.
[Miiljaleewwan]
^ key. 9 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.
AKKAS JEDHII OF GAAFADHU . . .
▪ Hiriyaa gaaʼelaakoo naman hunda caalaa iccitii itti himadhu godheen ilaalamoo, warra kaan mariisisuun filadha?
▪ Saʼaatii 24an darbanitti, hiriyaa gaaʼelaakoo akkan jaalladhuufi akkan kabaju argisiisuuf wantan godhe addaan baasee caqasuu nan dandaʼaa?
[Saanduqa/Fakkii fuula 23rra jiru]
Macaafni Qulqulluun Gaaʼela Keenya Nuu Oolcheera
Tooruufi Akiikoon, yeroo wal fuudhan baayʼee wal jaallatu turan. Jiʼa saddeet qofa erga waliin jiraatanii booda garuu, hiriyoonni gaaʼelaa biyya Jaappaan kun wal hiikuuf murteessan. Wanta isaan mudate nutti himu.
Tooruu: “Aniifi haati manaakoo hamman ani yaade akka wal hin simnen hubadhe. Fakkeenyaaf, yeroo televijiinii ilaallu ani ispoortii ilaaluun jaalladha, isheen garuu diraamaa jaallatti. Ani manaa baʼee deemuun jaalladha, isheenimmoo manuma taaʼuu jaallatti.”
Akiikoo: “Tooruun utuu naa wajjin hin mariʼatin wanta maatiinsaa isa gaafatan hunda isaanii godha ture. ‘Anamoo haadha keetu sitti caala?’ jedhee isa gaafadheen ture. Kana malees, Tooruun dhugaa xinnoo qabatee soba dubbachuunsaa baayʼee na naasisa ture. Sobni tokko soba kan biraatti akka isa geessuufi kana dhiisuu baannaan gaaʼelli keenya itti fufuu akka hin dandeenyen isatti hime.”
Tooruu: “Haallisaa waan na dhiphiseef, haadha manaakoo wajjin akkamitti jiraachuu akkan qabu nama hidhata hojiikoo taʼeefi iddoo guddaa qabu tokkon gaafadhe. Innis, ‘Afaankee narraa qabi!’ jedhiin. Yoo diddemmoo, qabii irraa galchi’ naan jedhe. Yeroo tokko, Akiikoo kabaleen, achiimmoo minjaala garagalche. Baayʼee waan wal lolleef manaa baatee deemte. Hoteela Tookiyoo keessa jiru tokkoo deebisee manatti ishee galchuun qaba ture. Dhumarratti, wal hiikuuf murteessine. Gaafas ganama manaa baʼee gara biirookoo yommuun deemuu, isheen miʼashee sassaabbachuu jalqabde.”
Akiikoo: “Shaanxaakoo balbala duratti gadi baasaa utuun jiruu, bilbilli karra keenyaa ni bilbilame. Dubartiin tokko karra dura dhaabatteetti. Dhugaa Baatuu Yihowaa turte. Akka ol seentun ishee afeere.”
Tooruu: “Yeroon birookoo gaʼu, wal hiikuu ilaalchisee yaanni kan biraan gara sammuukootti waan dhufeef, dafeen gara manaatti deebiʼe. Yeroon achi gaʼu, Akiikoon dubartii kanaa wajjin haasaʼaa jirti. Dubartittiin, “Wanti lamaan keessan gochuun isin barbaachisu tokko jira. Macaafa Qulqulluu qayyabachuu ni barbaadduu?’ naan jette. ‘Eeyyee, wanta gaaʼela keenya diigamuurraa oolchu kamiyyuu gochuuf qophaaʼaadha!’ jedheen deebiseef.”
Akiikoo: “Dubartittiin Macaafa Qulqulluu akka qayyabannu qophii nuu goote. Qophii gaaʼelaa ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu ennaa dubbisnu, haalli keenya jijjiiramuu jalqabe. Macaafni Qulqulluun, ‘Kanaafis dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in taʼu’ jedha.”—Uumama 2:24.
Tooruu: “Ergaansaa yeruma sana naa gale. Warra kootiin, ‘Ammaa kaasee, murtoo gochuukoo dura haadha manaakoo wajjinan mariʼadha’ jedheen isaanitti hime. Dhugaatii alkoolii garmalee dhuguukoos nan dhiise. Waaqayyo soba akka jibbuu yommuun baradhu, waan dhugaa taʼe qofa dubbachuuf yaalii gochuun jalqabe.”
Akiikoo: “Anis jijjiirama godheera. Fakkeenyaaf, sanaan dura Tooruu hin kabajun ture. Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuusaa yommuun argu garuu, isa deggeruun jalqabe. (Efesoon 5:22-24) Amma gaaʼelli keenya gammachiisaa erga taʼee waggoonni 28 darbaniiru. Caalaatti wal beekuufi gorsa gaarii Macaafa Qulqulluu keessatti argamu hojiirra oolchuudhaan, rakkoowwan keenya moʼuu dandeenyeerra.”