Walitti Bu’insawwan Uumaman Hiikuu
Maatii Gammachuu Qabu
Walitti Bu’insawwan Uumaman Hiikuu
Inni akkas jedha: “Erga Saaraa * wajjin wal fuune, mana warrakoo keessa jiraanna turre. Gaaf tokko, kaadhimni obboleessakoo konkolaataadhaan gara manaatti akkan ishee geessu na kadhatte. Anis ishee gargaaruu waanan barbaadeef mucaakoo isa xinnaa fuudheen adeeme. Yeroon gara manaatti deebi’u garuu, Saaraan baay’ee aartee turte. Kanaan kan ka’es al falmuu kan jalqabne si’a ta’u maatiikoo duratti dubartii jala fiiguu jaallatta jettee na arrabsite. Anis garmalee waanan aareef, wanta caalaatti ishee aarsu dubbachuun jalqabe.”
Isheenimmoo akkas jetti: “Mucaan keenya dhukkubsateera, rakkinni qarshiis nu mudateera. Kanaaf, yeroo Farnaandoon kaadhima obboleessasaafi mucaa keenyaa wajjin konkolaataa kaafate yommuu adeemu sababiiwwan akkan aaruu na taasisan baay’ee turan. Yeroo inni gara manaatti deebi’e hammam akka inni na aarse akka beekuun barbaade. Falmii guddaa keessa kan galle si’a ta’u, wal arrabsuutti kaane. Booddee garuu qaanii guddaatu natti dhaga’ame.”
HAATI MANAAFI abbaan manaa wal falmuunsaanii akka wal hin jaallanne kan argisiisudhaa? Lakki. Farnaandoofi Saaraan, warri armaan olitti ibsaman baay’ee wal jaallatu. Yeroo tokko tokko gaa’elawwan gaariidha jedhaman keessattillee walitti bu’insi uumamuu danda’a.
Walitti bu’insi kan uumamu maaliifi? Wantoonni kun gaa’ela keessan akka isin jalaa hin diigneef maal gochuu dandeessu? Qophii gaa’elaa kan hundeesse Waaqayyo waan ta’eef, gama kanaan Macaafni Qulqulluun maal akka jedhu qoruun barbaachisaadha.—Uumama 2:21, 22; 2 Ximotewos 3:16, 17.
Sababii Rakkoowwan Itti Uumaman Hubachuu
Haati manaafi abbaan manaa hedduun wal jaallachuufi gaarummaadhaan wal kunuunsuu barbaadu. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun: “Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir’ateera” jechuudhaan dhugaasaa ibsa. (Roomaa 3:23) Kanaaf, yeroo walitti bu’insi uumamu, miira ofii to’achuun rakkisaa ta’uu danda’a. Falmiin yoo ka’e, warri tokko tokko amalawwan gadhee kan akka iyyuufi arrabsoorraa of qusachuun baay’ee isaanitti ulfaachuu danda’a. (Roomaa 7:21; Efesoon 4:31) Wantoonni dhiphinaaf sababii ta’an garabiraan maalfa’i?
Haati manaafi abbaan manaa yeroo baay’ee miirasaanii karaa garagaraa ibsu. Mechikoon akkas jetti: “Jalqaba akka wal fuuneen, lamaan keenyayyuu dhimmawwan irratti mari’annurratti ilaalcha baay’ee addadda ta’e qabaachuu keenya hubadheen ture. Ani wanta raawwatame qofa utuu hin ta’in maaliif akkasumas akkamitti akka raawwatame dubbachuun barbaada. Abbaan manaakoo garuu wanta raawwatame qofaarratti xiyyeeffata ture.”
Rakkinni Mechikoo haaraa miti. Gaa’ela baay’ee keessatti hiriyaan inni tokko wanta hundumaa tokko tokkoon dubbachuu kan barbaadu si’a ta’u, inni kaan garuu falmii waan jibbuuf waa’ee sanaa dubbachuu hin fedhu. Al tokko tokko, inni tokko waa’ee dhimma sanaa baay’ee dubbachuu kan barbaadu si’a ta’u, inni kaan garuu dhimmicharratti mari’achuurraa of qusachuuf yaalii godha. Gaa’elakee keessatti haalli akkasii uumamaa akka jiru qalbeeffatteettaa? Yeroo hundaa lamaan keessan keessaa inni tokko bal’inaan mari’achuu kan barbaadu
yommuu ta’u, inni kaanimmoo dhimma kanarratti mari’achuurraa of qusataa?Sababii garabiraanimmoo, akkaataa guddinaa maatiisaanii hiriyoonni gaa’elaa karaa itti mari’atanirratti dhibbaa isaanirratti fiduu danda’a. Jastiin inni erga fuudhee waggaa shan ta’e akkas jedha: “Ani maatii callisaa keessatti kanan guddadhe si’a ta’u, waan natti dhaga’amu ifatti dubbachuun na rakkisa. Kunimmoo haadha manaakoo baay’ee aarsa. Isheen maatii yaadasaanii rakkoo tokko malee ibsan keessatti waan guddatteef, wanta isheetti dhaga’ame naa ibsuun ishee hin rakkisu ture.”
Rakkoowwan Hiikuuf Carraaqqii Gochuu Kan Qabnu Maaliif?
Namoonni waa’ee gaa’elaa qoratan, hiriyoonni gaa’elaa gammachuu qabaachuusaanii kan argisiisu jaalala waliif qabachuusaanii walitti himuusaanii akka hin taane hubataniiru. Gama saalqunnamtiin wal ta’uunsaaniifi qarshii ga’aa qabaachuunsaaniis wantoota baay’ee barbaachisaa jedhaman keessatti kan lakkaa’aman miti. Kanaa mannaa, haati manaafi abbaan manaa yeroo walitti bu’insi uumamu haala itti hiikanirratti kan hundaa’edha.
Kana malees Yesus, hiriyoonni gaa’elaa yeroo wal fuudhan walitti kan isaan qabsiise nama utuu hin ta’in Waaqayyo akka ta’e dubbateera. (Maatewos 19:4-6) Kanaaf, gaa’elli gaariin Waaqayyoof ulfina fida. Karaa biraammoo, abbaan manaa haadha manaasaatiif jaalalaa kan hin qabneefi kan isheedhaaf hin yaanne taanaan, Yihowaan kadhannaasaa hin dhaga’u. (1 Phexros 3:7) Haati manaas abbaa manaasheetiif ulfina hin kennitu taanaan, Yihowaa isa abbaa manaa mataa maatii akka ta’u godheef ulfina hin kennitu jechuudha.—1 Qorontos 11:3.
Wantoota Gammachuu Argamsiisan —Wanta Hiriyaa Gaa’elaa Ofii Miidhu Dubbachuurraa Of Qusachuu
Tooftaan itti haasoftus ta’e akkaataan guddinaakee maaliyyuu yoo ta’e, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuudhaan wantoota nama miidhan dubbachuurraa of qusachuu; akkasumas walitti bu’insa uumames akka gaariitti hiikuu qabda. Akkas jedhii of gaafadhu:
▪ ‘Karaa nama miidhuun deebii kennuurraa ofin qusadhaa?’ Fakkeenyi namni ogeessi tokko dubbate, ‘Funyaan jabeessanii qabuun nama dhiigsa; dheekkamsa sosochoosuunis morkii kaasa’ jedha. (Fakkeenya 30:33, hiika bara 1899) Maal jechuusaati? Mee fakkeenya kana ilaalaa. Bajata maatii wajjin haala wal qabateen addaddummaa yaadaa (fakkeenyaaf “baasii keenya hir’isuu qabna” jedhu) jijjiiramee isa kaan ceepha’uudhaan (“akkasumaan horii dhangalaasta” jechuudhaan) wal ceepha’uu jalqabdu ta’a. Hiriyaan gaa’elaakee waa’ee amalakee dubbachuudhaan ‘funyaankee jabeessitee yoo qabde’ atis akkasuma ‘funyaanshee jabeessitee qabuu’ yaadda ta’a. Haata’u malee, ijaa ba’uun walitti bu’insi sun caalaatti akka guddatu gochuu malee faayidaa hin qabu.
Barreessaa Macaafa Qulqulluu kan ta’e Yaaqoob, “Ibiddi hammam xinnaatu illee caakkaa hammam guddatu iyyuu in guba. Arrabni ibidda” jechuudhaan akeekkachiiseera. (Yaaqoob 3:5, 6) Hiriyoonni gaa’elaa arrabasaanii hin to’atan taanaan, walitti bu’insi xinnoon guddachaa adeemuudhaan walitti bu’iinsa to’atamuu hin dandeenye uumu. Haati manaafi abbaan manaa miirasaanii to’achuu dadhabuudhaan irra deddeebi’ee falmiin gidduusaaniitti kan uumamu taanaan jaalallisaanii guddachuu hin danda’u.
Ijaa ba’uu mannaa, fakkeenya Yesus isa “yommuu arrabsame deebisee hin arrabsine” jedhame hordofuu dandeessaa? (1 Phexros 2:23) Karaa falmii dhaabuun itti danda’amu keessaa inni duraa ilaalcha hiriyaa gaa’elaakee sirrii ta’uu akka danda’u amantee fudhachuufi walitti bu’iinsi akka itti caalu gochuukeetiif dhiifama gaafachuudha.
KANA YAALI: Yeroo ittaanutti walitti bu’iinsi yoo uumame akkas jedhii of gaafadhu: ‘Wanta hiriyaan gaa’elaakoo yaaddessee sirrii akka ta’e amanee yoon fudhadhe rakkoo maalii qaba? Rakkina kanarratti ga’eenkoo maal ture? Balleessaa kootiif dhiifama akkan hin gaafanne wanti dhowwu maalidha?’
▪ ‘Ilaalchaafi miira hiriyaa gaa’elaakootiif bakka guddaan kennaa?’ Dubbiin Waaqayyoo, “Hundumti keessan hafuuraan, dhageettii yaada garaatiinis tokkummaa qabaadhaa!” jechuudhaan abbooma. (1 Phexros 3:8) Sababiiwwan gorsa kana hojiirra akka hin oolchineef gufuu sitti ta’an lama haa ilaallu. Tokkoffaa ilaalcha ykn miira hiriyaa gaa’elaakee waan hin hubanneef ta’uu danda’a. Fakkeenyaaf, wanti tokko si caalaatti hiriyaan gaa’elaakee kan yaaddessu yoo ta’e, “Waanuma nama hin dhiphisnetu si dhiphisa!” jechuunii barbaadda ta’a. Fedhiinkee hiriyaan gaa’elaakee rakkinichaaf ilaalcha sirrii akka qabaatu yaaddee ta’a. Haata’u malee, dubbiin akkasii baay’ee nama hin jajjabeessu. Haadhotiin manaas ta’an abbootiin manaa, namni isaan jaallatan akka isaan hubatu beekuu barbaadu.
Garmalee kooruunis namni tokko miira hiriyaa gaa’elaasaatiif xiyyeeffannaa akka hin kennine gochuu danda’a. Namni kooru mataasaa ol ol gochuu yaaluudhaan warra kaan tuffata. Kanas wanta namoota salphisu dubbachuudhaan ykn warra kaanii wajjin wal bira qabuudhaan ta’uu danda’a. Mee Fariisotaafi barsiistota seeraa bara Yesus turan akka fakkeenyaatti ilaali. Namni tokko Fariisotuma akkasaaniillee taanaan, yaada nama akkasaanii of tuultuu ta’erraa adda ta’e yoo dubbate, dubbii nama salphisuun isa ceepha’u. (Yohannis 7:45-52) Yesus garuu isaanirraa adda ture. Yeroo namoonni rakkinasaanii isatti himatan haalasaanii hubachuudhaan oo’a isaanitti argisiisa ture.—Maatewos 20:29-34; Maarqos 5:25-34.
Hiriyaan gaa’elaakee wanta isa ykn ishee yaaddessu yommuu sii ibsu ykn ibsitu akkamitti akka deebistu yaadi. Jechoonni, sagaleeniifi faarrikee wanta isa ykn ishee yaaddesse akka hubatteef kan argisiisudhaa? Yookiin miirri hiriyaa gaa’elaakee baay’ee kan nama hin yaaddessine akka fakkaatu gochuuf ykn dubbachuuf ariifattaa?
KANA YAALI: Torban dhufutti hiriyaa gaa’elaakeetti akkamitti akka dubbattu yaadi. Hiriyaan gaa’elaakee yommuu sitti dubbatu ykn dubbattu kan jalaa hin qabne ykn wanta ishee yeellaasisu yoo dubbatte yeruma sana dhiifama gaafadhu.
▪ ‘Yeroo baay’ee ilaalchiifi fedhiin hiriyaa gaa’elaakoo ofittummaarratti kan hundaa’e natti fakkaataa?’ “Iyoob waa malee si Waaqayyoon sodaataa ree? Ati isaa fi mana isaatti wanta inni qabu hundumaattis naannessitee dallaa hin ijaarree ree?” (Iyoob 1:9, 10) Seexanni akkas jechuudhaan amanamummaa Iyoobirratti gaaffii kaaseera.
Of eeggannoo gochuu baannaan hiriyoonni gaa’elaa dogoggora wal fakkaatu raawwachuu danda’u. Fakkeenyaaf, hiriyaan gaa’elaakee wanta gaarii yeroo sii godhu/tu wanta inni/isheen barbaade/ddu ykn wanta dhoksuu barbaade/dde tokko jira jettee yaaddaa? Hiriyaan gaa’elaakee dogoggora yoo raawwate/tte ofittoofi dhimma namaa kan hin qabne gootee ilaaltaa? Balleessaa kanaan dura hojjete/tte yaadachuudhaan dogoggora isa ammaa garaatti qabattaa?
KANA YAALI: Wantoota gaarii hiriyaan gaa’elaakee sii godhe ykn goote, amala gaarii gocha kanaaf isa ykn ishee kakaase barreessi.
Phaawulos, “Jaalalli . . . waan hamaas nama irratti hin lakkaa’u” jechuudhaan barreesseera. (1 Qorontos 13:4, 5) Jaalalli dhugaa cubbamoo akka taaneefi dogoggora akka raawwannu beeka. Ta’us balleessa namarratti hin lakkaa’u. Phaawulos itti fufuudhaanis jaalalli “hundumaa isaa in amana” jedheera. (1 Qorontos 13:7) Namni jaalala akkasii qabu wanta namoonni isatti himan hundumaa amana jechuu utuu hin ta’in, nama kaan amanuuf qophaa’aadha jechuudha. Nama waa shakku miti. Jaalalli Macaafa Qulqulluu keessatti caqasame akkasii kun dhiifama gochuuf qophaa’aa akka ta’eefi yaanni namoota kaanii gaarii akka ta’e akka yaadan godha jechuudha. (Faarfannaa 86:5; Efesoon 4:32) Hiriyoonni gaa’elaa waliisaaniitiif jaalala akkasii yoo qabaatan, gaa’ellisaanii gammachuu kan qabu ta’a.
JEDHII OF GAAFADHU
▪ Dogoggorri hiriyoota gaa’elaa jalqaba mataduree kanarratti ibsaman raawwatan maal ture?
▪ Anoo gaa’elaakoo keessatti dogoggora wal fakkaatu akka hin uumamne gochuu kanan danda’u akkamitti?
▪ Qabxiiwwan mataduree kana keessatti ibsaman keessa caalaatti irratti hojjechuun kan na barbaachisu kamfa’i?
[Miiljalee]
^ key. 3 Maqaawwan kun jijjiiramaniiru.