Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 13

FAARFANNAA 4 “Yihowaan Tiksee Koo Ti”

Harki Yihowaa Gabaabaa Miti

Harki Yihowaa Gabaabaa Miti

“Harki Yihowaa gabaabaa dhaa?”LAK. 11:23.

YAADA IJOO

Mata dureen kun Yihowaan yeroo hundumaa wanta nu barbaachisu akka nuuf guutu amanannaa qabnu nuuf cimsa.

1. Museen Israaʼelota Gibxiidhaa yeroo baasetti Yihowaatti akka amanamu kan argisiise akkamitti?

 NAMOOTA amantii Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman keessaa tokko Museedha; Museen nama amantii cimaa qabudha. (Ibr. 3:2-5; 11:23-25) Yeroo Israaʼelota Gibxii keessaa baasetti amantii akka qabu argisiiseera. Faraʼoonii fi loltootasaa hin sodaanne. Yihowaatti amanamuudhaan Israaʼelota galaana diimaa keessa, boodammoo lafa onaa keessa geggeesseera. (Ibr. 11:27-29) Israaʼelonni hedduun dandeettii Yihowaan isaan kunuunsuuf qaburratti amanannaa dhabanii kan turan taʼus, Museen garuu amanannaa Waaqasaarratti qabu hin dhabne. Museen amantii argisiisuusaatti hin qaanofne; sababiinsaas, Waaqayyo lafa onaa goggogaa taʼe keessatti dinqiidhaan sabichaaf nyaataa fi bishaan kenneera. aBau. 15:22-25; Far. 78:23-25.

2. Waaqayyo Museedhaan, “Harki Yihowaa gabaabaa dhaa?” kan jedhe maaliifi? (Lakkoofsa 11:21-23)

2 Museen amantii cimaa kan qabu taʼus, Israaʼelota Gibxiidhaa erga baasee gara waggaa tokkoo booda Yihowaan akkuma dubbatetti sabichaaf foon kennuu kan dandaʼu taʼuusaa shakkee ture. Museen Yihowaan lafa onaa keessatti foon namoota miliyoonaan lakkaaʼaman quubsu qopheessuu dandaʼa jedhee amanuun isatti ulfaatee ture. Yeroo kanatti Yihowaan, “Harki Yihowaa gabaabaa dhaa?” isaan jedhe. (Lakkoofsa 11:21-23 dubbisi.) Yaanni ‘harka Yihowaa’ jedhu hafuura qulqulluu ykn humna Waaqayyoo isa hojiirra jiru argisiisa. Yihowaan akkuma waan Museedhaan, ‘Wantan jedhe raawwachuu waanan hin dandeenye sitti fakkaataa?’ jedheeti.

3. Wanti Musee fi Israaʼelota mudate xiyyeeffannaa keenya kan harkisu maaliifi?

3 Yihowaan siifis taʼe maatii keetiif wanta isin barbaachisu kan guutu taʼuusaa shakkitee beektaa? Mee seenaa Musee fi Israaʼelotaa warra Waaqayyo wanta isaan barbaachisu kan isaaniif guutu taʼuusaa shakkanii turanii haa ilaallu. Achiis caqasoota harki Yihowaa matumaa gabaabaa akka hin taane amantii qabnu nuuf cimsan ilaalla.

MUSEE FI ISRAAʼELOTARRAA BARADHAA

4. Israaʼelonni hedduun Yihowaan wanta isaan barbaachisu kan isaaniif guutu taʼuusaa shakkuu kan jalqaban maaliifi?

4 Mee seenaasaa balʼinaan haa ilaallu. Sabni Israaʼelis taʼe ‘uummanni walitti makamee’ fi Israaʼelota hin taane hedduun Gibxiidhaa baʼanii gara Biyyattii Abdachiifamtetti deemaa yeroo turanitti yeroo muraasaaf lafa onaa keessa imalaniiru. (Bau. 12:38; Kes. 8:15) Uummanni walitti makame sun mannaa nyaachuu ni nuffe, Israaʼelonni hedduunis akkumasaanii nuffanii turan; isaan wajjin taʼuudhaanis gungumaniiru. (Lak. 11:4-6) Kanaafuu, foonii fi nyaatawwan Gibxii keessatti nyaachaa turan hawwuu jalqaban. Museenis sabichi dhiibbaa waan isarratti godheef, wanta isaan barbaachisu isaaniif dhiheessuun akka isarra jiru isatti dhagaʼameera.—Lak. 11:13, 14.

5-6. Uummanni walitti makame sun Israaʼelota hedduurratti dhiibbaa kan geessise taʼuunsaa maal nu barsiisa?

5 Uummanni walitti makame sun dinqisiifannaa dhabuunsaa Israaʼelotarrattis dhiibbaa godhee akka ture haalasaarraa hubachuu dandeenya. Warri kaan kan hin galateeffanne taʼuunsaanii nurrattis dhiibbaa gochuu fi qophii Yihowaan nuuf godhetti akka hin gammanne nu taasisuu dandaʼa. Wanta kanaan dura qabnu kan hawwinu ykn wanta warri kaan qabanitti kan hinaafnu yoo taʼe haalli akkasii nu mudachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, haalli keessa jirru maaliyyuu yoo taʼe wanta qabnutti kan gammannu taanaan gammachuun keenya caalaatti dabala.

6 Israaʼelonni Waaqayyo biyyasaanii isa haaraa keessatti wantoota hedduu akka isaaniif kennu waadaa galuusaa yaadachuu qabu turan. Waadaan kun kan raawwatamu yeroo lafa onaa keessa imalaa turanitti utuu hin taʼin Biyyattii Abdachiifamte keessattidha. Haaluma wal fakkaatuun, wantoota sirna kana keessatti dhabnerratti xiyyeeffachuu mannaa, wantoota Yihowaan addunyaa haaraa keessatti nuu kennuuf waadaa galerratti xiinxaluun keenya gaariidha. Caqasoota amanannaa Yihowaarratti qabnu nuuf cimsanirrattis xiinxaluu dandeenya.

7. Harki Yihowaa gabaabaa akka hin taane mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

7 Haa taʼu malee, ‘Waaqayyo Museedhaan, “Harki Yihowaa gabaabaa dhaa?” kan jedhe maaliifi?’ jettee yaadda taʼa. Yihowaan Musee gaaffii kana kan gaafate harkisaa baayʼee jabaa taʼuusaa qofa utuu hin taʼin, bakka kamiyyuu gaʼuu kan dandaʼu taʼuusaas akka hubatu isa gargaaruu barbaadee taʼuu dandaʼa. Waaqayyo Israaʼelonni lafa onaa gidduu kan jiran taʼus foon hedduu isaaniif kennuu ni dandaʼa. “Harka jabaa fi irree diriirfameen” humnasaa argisiiseera. (Far. 136:11, 12) Kanaafuu, yommuu rakkinni nu mudatu harki Yihowaa dhuunfaatti nu bira akka gaʼu shakkuu hin qabnu.—Far. 138:6, 7.

8. Dogoggora uummanni lafa onaa keessa ture raawwate raawwachuurraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

8 Yihowaan utuma baayʼee hin turin foon isaaniif ni kenne; sabichi dimbiriqqee hedduu argate. Israaʼelonni garuu dinqii kanaaf Waaqayyoon hin galateeffanne. Kanaa mannaa, baayʼeensaanii sassattoota taʼan. Halkanii fi guyyaa dimbiriqqee hedduu walitti qabatan. Yihowaanis namoota “fedhii ofittummaa argisiisan” sanatti waan aareef isaan adabe. (Lak. 11:31-34) Seenaa kanarraa wanti barannu jira. Sassataan akka hin moʼamne of eeggachuu qabna. Sooressas taane hiyyeessa michummaa Yihowaa fi Yesuus wajjin qabnu cimsachuudhaan ‘samii keessatti qabeenya kuufachuu’ qabna. (Mat. 6:19, 20; Luq. 16:9) Akkas yoo goone, Yihowaan wanta nu barbaachisu akka nuuf guutu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

Lafa onaa keessatti namoonni baayʼeen amala akkamii argisiisan? Nutoo kanarraa maal baranna? (Keeyyata 8 ilaali)


9. Gargaarsa Waaqayyo nuuf godhu ilaalchisee waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

9 Yihowaan yeroo harʼaatti harkasaa diriirsee sabasaa ni gargaara. Kana jechuun garuu rakkinni maallaqaa nu hin mudatu ykn hin beelofnu jechuu miti. b Taʼus, Yihowaan matumaa nu hin dhiisu. Qorumsa garaagaraa keessatti nu deggera. Yihowaan wanta nu barbaachisu akka nuuf kennu akka isatti amanamu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Mee haalawwan lama haa ilaallu: (1) yeroo rakkinni maallaqaa nu mudatu, akkasumas (2) wanta gara fuulduraatti nu barbaachisu ilaalchisee yeroo karoorfannu.

YEROO RAKKINNI MAALLAQAA NU MUDATU

10. Rakkinni maallaqaa akkamii nu mudachuu dandaʼa?

10 Dhumni sirna kanaa caalaatti dhihaachaa yeroo deemu rakkinni diinagdee caalaatti hammaachaa akka deemu ni eegna. Jeequmsi siyaasaa, waraanni, balaan uumamaa ykn weerarri dhibee haaraan qaalaʼiinsa jireenyaa geessisuu ykn hojii, qabeenyaa fi mana keenya nu dhabsiisuu dandaʼa. Tarii bakkuma jirrutti hojii haaraa barbaaddachuun ykn maatii keenya fuunee gara bakka biraa deemuun nu barbaachisuu dandaʼa. Murtoo Yihowaatti akka amanamnu argisiisu gochuuf maaltu nu gargaara?

11. Rakkina maallaqaa dandamachuuf maaltu si gargaara? (Luqaas 12:29-31)

11 Tarkaanfii gaariin jalqabarratti fudhachuu qabdu wanta si yaaddessu Yihowaatti himuudha. (Fak. 16:3) Ogummaa murtoo gaarii gochuuf si dandeessisu akka siif kennuu fi haala keessa jirtu ilaalchisee ‘akka malee dhiphachuu dhiisuuf’ akka si gargaaru kadhadhu. (Luqaas 12:29-31 dubbisi.) Wantoota buʼuuraatti gammaddee jiraachuuf akka si gargaaru cimsii isa kadhadhu. (1 Xim. 6:7, 8) Yaada rakkina maallaqaa milkaaʼinaan dandamachuuf si gargaaru argachuuf barreeffamoota keenyarratti qorannaa godhi. Namoonni hedduun yaadawwan jw.org irratti baʼanii fi rakkina maallaqaa dandamachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ibsanirraa faayidaa guddaa argataniiru.

12. Kiristiyaanni tokko murtoowwan maatiisaa fayyadan gochuuf gaaffilee kamfaa of gaafachuu dandaʼa?

12 Obboloonni tokko tokko hojii maatiisaaniirraa fagaatanii jiraachuu isaan gaafatu hojjechuuf qoramaniiru; baayʼeensaanii garuu yeroo booda kun murtoo gaarii akka hin taane hubataniiru. Hojii haaraa tokko jalqabuu kee dura faayidaa gama maallaqaatiin argatturratti qofa utuu hin taʼin, miidhaa hojichi karaa hafuuraa sirraan geessisuu dandaʼurrattis yaadi. (Luq. 14:28) Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Hiriyaa gaaʼelaa koorraa fagaadhee yoon deeme gaaʼela koorra miidhaan akkamii gaʼuu dandaʼa? Murtoon koo kun hariiroon obbolootaa wajjin qabuu fi tajaajila koorratti dhiibbaa akkamii geessisa?’ Ijoollee qabda taanaanimmoo gaaffii barbaachisaa taʼe kana of gaafachuu qabda: ‘Ijoollee koo wajjin hin jiraadhu taanaan “adabaa fi gorsa Yihowaatiin isaan [guddisuu]” kanan dandaʼu akkamitti?’ (Efe. 6:4) Yaada miseensonni maatii kee ykn michoonni kee qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hin hordofne siif kennaniin utuu hin taʼin ilaalcha Waaqayyootiin geggeeffami. c Tooniin inni lixa Eeshiyaa keessa jiraatu biyya alaatti akka hojjetuuf affeerraan nama qoru irra deddeebiʼee isaaf dhihaateera. Taʼus dhimmicha ilaalchisee erga kadhatee fi haadha manaasaa wajjin irratti mariʼatee booda affeerraa isaaf dhihaate fudhachuu dhiisuu fi baasiisaanii hirʼisuuf murteesse. Tooniin duubatti deebiʼee yaaduudhaan akkana jedheera: “Namoonni hedduun Yihowaa akka beekan gargaaruuf mirga argadheera, ijoolleen keenyas Yihowaa baayʼee jaallatu. Yaada Maatewos 6:33​rra jiru hamma hojiirra oolchinetti Yihowaan kunuunsa akka nuuf godhu hubanneerra.”

WANTA GARA FUULDURAATTI NU BARBAACHISUUF KAROORFACHUU

13. Umuriin keenya dabalaa yeroo deemu wanta nu barbaachisu qabaachuuf amma tarkaanfii akkamii fudhachuu dandeenya?

13 Umuriin keenya yeroo dabalaa deemu haala nu mudaturratti yeroo yaannus amantiin Yihowaarratti qabnu qoramuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun wanta gara fuulduraatti nu barbaachisu guuttachuu akka dandeenyuuf jabaannee akka hojjennu nu jajjabeessa. (Fak. 6:6-11) Yoo dandeenye yeroo gara fuulduraatiif maallaqa kaaʼachuun keenya gaariidha. Maallaqni hamma tokko eegumsa ni argamsiisa. (Lal. 7:12) Taʼus, jireenyi keenya maallaqarratti kan xiyyeeffatu akka hin taane of eeggachuu qabna.

14. Yommuu maallaqa gara fuulduraatti nu barbaachisu ilaalchisee karoora baafannu Ibroota 13:5 tilmaama keessa galchuu kan qabnu maaliifi?

14 Yesuus namni tokko maallaqa kan kuufatu taʼus, “Waaqayyo biratti garuu badhaadhaa” miti taanaan gowwummaa akka isatti taʼu fakkeenyaan ibseera. (Luq. 12:16-21) Namni wanta boru taʼu beeku hin jiru. (Fak. 23:4, 5; Yaq. 4:13-15) Duuka buutota Kiristoos waan taaneef haalli rakkisaan adda taʼe tokko nu mudata. Yesuus barattootasaa taʼuu yoo barbaanne ‘qabeenya keenya hunda dhiisuuf’ qophaaʼoo taʼuun akka nu barbaachisu dubbateera. (Luq. 14:33) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti Yihudaa keessa turan haala kana gammachuudhaan fudhataniiru. (Ibr. 10:34) Bara keenyattis obboloonni dhaabbata siyaasaa kamiyyuu waan hin deggerreef hojiisaanii dhaban hedduun jiru. (Mul. 13:16, 17) Aarsaa akkasii kaffaluuf maaltu isaan gargaare? Waadaa Yihowaan, “Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu” jechuudhaan galerratti amanannaa guutuu qabaachuusaaniiti. (Ibroota 13:5 dubbisi.) Wanta gara fuulduraatti nu barbaachisuuf karoorfachuuf wanta dandeenyu hunda ni goona. Wanti hin eegamne yoo nu mudatemmoo Yihowaatti amanamna.

15. Warri Kiristiyaanota taʼan ijoolleesaanii ilaalchisee ilaalcha madaalamaa akkamii qabaachuu qabu? (Fakkichas ilaali.)

15 Aadaa tokko tokko keessatti hiriyoonni gaaʼelaa ijoollee kan godhatan adda durummaadhaan yeroo dulloomanitti akka isaan kunuunsan yaaduudhaani. Kitaabni Qulqulluun warri ijoollee isaaniitiif wanta barbaachisu guutuu akka qaban dubbata. (2 Qor. 12:14) Dhugaadha, warri dulloomaa yeroo deeman gargaarsi tokko tokko isaan barbaachisuu dandaʼa. Ijoollee hedduun gargaarsa akkasii gochuun isaan gammachiisa. (1 Xim. 5:4) Warri Kiristiyaana taʼan garuu yommuu ijoollee isaanii guddisanitti wanti gammachuu guddaa isaaniif argamsiisu gara fuulduraatti maallaqaan akka isaan deggeran yaaduu utuu hin taʼin, tajaajiltoota Yihowaa akka taʼan isaan gargaaruudha.—3 Yoh. 4.

Hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼan yommuu yeroo gara fuulduraa ilaalchisee murtoo godhan qajeelfama Kitaaba Qulqulluu ni hordofu (Keeyyata 15 ilaali) d


16. Warri ijoolleensaanii gama maallaqaatiin akka of dandaʼan leenjisuu kan dandaʼan akkamitti? (Efesoon 4:28)

16 Ijoolleen keessan gama maallaqaatiin akka of dandaʼan yeroo leenjistanitti fakkeenya isaaniif taʼuudhaan Yihowaatti akka amanaman isaan barsiisaa. Jabaatanii hojjechuun barbaachisaa akka taʼe xinnummaa isaaniitii kaasaatii isaanitti argisiisaa. (Fak. 29:21; Efesoon 4:28 dubbisi.) Guddachaa yeroo deemanimmoo mana barumsaatti cimanii akka hojjetan isaan gargaaraa. Warri Kiristiyaanota taʼan ijoolleensaanii wanta baratan ogummaadhaan filachuu ilaalchisee murtoo gaarii akka godhan isaan gargaaruuf qorannoo gochuu fi qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchuunsaanii gaariidha. Kunis ijoolleensaanii of dandaʼuu fi tajaajilarratti hirmaannaa guutuu gochuuf isaan gargaara.

17. Waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

17 Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan Yihowaan wanta isaan barbaachisu guutuuf dandeettii fi fedhii akka qabu mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu. Dhuma sirna kanaatti caalaatti dhihaachaa yeroo deemnu amanannaan Yihowaarratti qabnu caalaatti akka qoramu ni eegna. Wanti gara fuulduraatti uumamu maaliyyuu yoo taʼe Yihowaan humna isaatti fayyadamee wanta nu barbaachisu akka nuuf guutu amanannaa qabaachuuf haa kutannu. Harkisaa inni jabaanii fi irreensaa inni diriirfame matumaa gabaabaa akka hin taane mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

FAARFANNAA 150 Fayyina Argachuuf Waaqayyoon Barbaaddadhaa

aGaaffii DubbistootaaMasaraa Eegumsaa Onkoloolessa 2023 irratti baʼe ilaali.

bGaaffii DubbistootaaMasaraa Eegumsaa Fulbaana 15, 2014 irratti baʼe ilaali.

c Mata duree “Eenyu Illee Gooftolii Lama Tajaajiluu Hin Dandaʼu” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 2014 irratti baʼe ilaali.

d IBSA FAKKII: Hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼan intalasaanii ishii abbaa manaa ishii wajjin ijaarsa Galma Walgaʼiirratti hirmaattu waliin haasaʼaa jiru.