KUUSAA KEENYA KEESSAA
“Yeroo Iddoo Guddaa Qabu”
BARA 1870tti namoonni muraasni Piitisbargi (Alageenii), Pensilvaaniyaa, Yunaayitid Isteetisitti Caaffata Qulqullaaʼoo qoruu jalqaban. Namoonni kun Chaarlis Teez Raasiliin geggeeffamuudhaan waaʼee furii Kiristos kan qoratan siʼa taʼu, utuu baayʼee hin turin gaʼee guddaa furiin kun kaayyoo Yihowaa keessatti qabu hubatan. Furichi namoota yeroo sanatti waaʼee Yesus hin dhageenye illee dabalatee namoonni akka fayyan karaa akka banu yeroo beekan baayʼee gammadan! Dinqisiifannaan furichaaf qaban, waggaa waggaatti duʼa Yesus yaadachuuf isaan kakaaseera.—1 Qor. 11:23-26.
Raasil, Masaraa Eegumsaa Xiyoon isa furichi karaa isa guddaa Waaqayyo jaalala isaa itti argisiise taʼuu isaa ibsu maxxansuu jalqabe. Masaraan Eegumsaa kun, yeroon Ayyaanni Yaadannoo itti kabajamu “yeroo iddoo guddaa qabu” akka taʼe kan ibse siʼa taʼu, dubbistoonni barruu kanaa Piitisbargitti ykn dhuunfaatti iddoo biraatti ayyaanicha akka kabajan jajjabeessee ture. “Namoonni amantiin isaanii tokko taʼe lama ykn sadii” yoo walitti qabaman ykn nama tokko qofa illee yoo taʼe “Gooftaan isaanii wajjin ni taʼa.”
Baayʼinni namoota Ayyaana Yaadannoo kabajuuf gara Piitisbargi dhufanii wagguma waggaadhaan dabalaa dhufe. Afeerriin, “Obboloonni jaalala qabeeyyiin as jiran isin simatu” jedhu dhihaatee ture. Dhuguma immoo, obboloonni achi jiran obbolootaaf fedhiidhaan bakka bultii fi nyaata qopheessaniiru. Bara 1886tti, yeroo Ayyaana Yaadannootti guyyaa murtaaʼeef walgaʼii guddaan godhamee ture. Masaraan Eegumsaa, “Jaalala guddaa Gooftaadhaaf, obboloota isaatiif, akkasumas dhugaadhaaf qabdaniin kakaʼaatii kottaa” jechuudhaan jajjabeessee ture.
Barattoonni Macaafa Qulqulluu Piitisbargi jiraatan, waggoota baayʼeedhaaf namoota furicha irratti amantii qabanii fi Ayyaana Yaadannoo kabajuuf dhaqaniif walgaʼiiwwan gurguddaa qopheessu turan. Baayʼinni obbolootaa guddachaa yeroo deemu, baayʼinni walgaʼiiwwan Ayyaana Yaadannoo addunyaa maratti godhamanii fi lakkoofsi namoota irratti argamaniis dabalaa dhufe. Reey Boop, inni miseensa eekliisiyaa (gumii) Chiikaagoo ture akka jedhetti, namoota dhibbaan lakkaaʼamaniif maxinoo fi waynii Ayyaana Yaadannoo naannessuun saʼaatii dheeraa fudhata ture; maxinoo fi waynii irraa kan hirmaatan hunda isaanii turan jechuun ni dandaʼama.
Wanti foonii fi dhiiga Yesusiif akka fakkeenyaatti itti fayyadaman maal ture? Yesus Irbaata Gooftaa irratti wayniitti akka fayyadame hubatamee kan ture taʼus, Masaraan Eegumsaa yeroo murtaaʼeef namoonni “fooniin dadhaboo” taʼan akka hin qoramneef cuunfaa ija waynii hin danfine ykn zabiiba affeelame akka fayyadaman yaada dhiheessee ture. Namoota ‘waynii danfetti fayyadamuu akka qaban’ itti dhagaʼamuuf immoo wayniin ni dhihaata ture. Yeroo booda garuu, dhiiga Yesusiif fakkeenya taʼee dhihaachuu kan qabu, waynii diimaa makaa hin qabne akka taʼe hubatan.
Ayyaana Yaadannoo ayyaaneffachuun, xiinxaluuf carraa baneera. Haa taʼu malee, gumiiwwan tokko tokkotti obboloonni baayʼee waan gaddaniif, yeroo sagantichi xumuramu namoonni hundi homaa utuu hin dubbatin deemu turan. Kitaabni bara 1934tti maxxanfamee fi Yihowaa jedhamu, Ayyaanichi, Yesus dhiphatee duʼuu isaatti “gadduudhaan” utuu hin taʼin, bara 1914 kaasee Mootii taʼee bulchaa kan jiru taʼuu isaatti “gammaduudhaan” ayyaaneffatamuu akka qabu ibseera.
‘Macci guddaan’ (Hiika Kiingi Jamsi) ykn ‘tuutni sonaan baayʼeen’ Mulʼata 7:9 irratti ibsame hiikni isaa ifa waan godhameef, bara 1935tti jijjiiramni guddaan Ayyaanota Yaadannoo gara fuulduraatti kabajaman tuqu godhameera. Hanga yeroo sanaatti, tajaajiltoonni Yihowaa tuuta kana Kiristiyaanota of murteessanii fi hinaaffaa xinnoo qaban akka taʼanitti ilaalu turan. Yeroo kanatti garuu, namoonni hedduun kun, waaqeffatoota amanamoo lafa jannata taatu irra jiraachuuf abdii qaban akka taʼan ibsame. Raasil Poogensiin ibsa kana irratti hundaaʼuudhaan sirriitti erga of qoree booda, “Samii irra jiraachuuf abdii akkan qabu Yihowaan hafuura isaatiin naaf hin mirkaneessine” jedheera. Obboleessi keenya Poogensii fi obboloonni amanamoon akkuma isaa itti dhagaʼame maxinoo fi waynii irraa hirmaachuu kan dhiisan taʼus Ayyaanicha irratti argamuu isaanii itti fufaniiru.
“Yeroo iddoo guddaa qabu” kanatti, duulli lallabaa adda taʼe godhamuun isaa, dinqisiifannaa furichaaf qaban akka argisiisan hunda isaaniitiif carraa gaarii baneera. Barreeffamni Buleetiin jedhamuu fi bara 1932tti baʼe, Kiristiyaanonni misiraachicha lallabuu irratti “hojjettoota dhugaa” utuu hin taʼin maxinoo fi waynii irraa kan hirmaatan qofa taʼuudhaan, “qulqulloota Ayyaana Yaadannoo” akka hin taane gorsa kennee ture. Bara 1934tti Buleetiiniin, “Yeroo Ayyaana Yaadannootti namoonni hirmaachuu dandaʼan 1,000 ni argamuu laata?” gaaffii jedhu dhiheessuudhaan obboloonni “gargaartota” akka taʼan afeeree ture. Barreeffamni Informaanti jedhamu dibamtoota ilaalchisee, “Gammachuun isaanii guutuu taʼuu kan dandaʼu, waaʼee Mootummichaa dhugaa baʼuu irratti yoo hirmaatan qofa dha” jedhee ture. Yeroo booda, yaadni kun warra lafa irra jiraachuuf abdii qabaniifis kan hojjetu taʼe. *
Galgalli Ayyaanni Yaadannoo itti kabajamu, saba Yihowaa hundumaaf yeroo adda taʼe dha. Haala rakkisaa taʼe keessatti illee Ayyaana kana ni kabaju. Bara 1930tti, Parli Ingiliishii fi obboleettiin ishee Ooraan Ayyaana Yaadannoo irratti argamuuf gara kiilomeetira 80 miilaan deemanii turan. Misiyooniin Haarooldi Kiingi jedhamu, Chaayinaatti kophaa isaa hidhamee yeroo turetti waaʼee Ayyaana Yaadannoo walaloowwanii fi faarfannaawwan barreessee, akkasumas zabiiba gurraachaa fi ruuzii irraa waynii fi maxinoo qopheessee ture. Kiristiyaanonni ija jabeeyyiin Baha Awurooppaadhaa qabee hamma Ameerikaa Giddu Galeessaatti, akkasumas hamma Afriikaatti argaman, yeroo waraanaattis taʼe bakka hojiin keenya dhowwametti illee duʼa Yesus ayyaaneffataniiru. Eessa iyyuu yoo jiraanne ykn haala akkamii keessa iyyuu yoo taane, yeroo Ayyaana Yaadannoo iddoo guddaa qabutti Yihowaa fi Yesusiif ulfina kennuuf walitti ni qabamna.
^ KEY. 10 Buleetiiniin yeroo booda Informaanti kan jedhame siʼa taʼu, yeroo ammaatti Tajaajila Mootummaa jedhama.