Mootummicharratti Amantii Cimaa Qabaadhaa
“Amantiin waan abdatan ‘Dhuguma in taʼa’ jedhanii fudhachuu dha.”—IBR. 11:1.
1, 2. Mootummichi kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu galmaan akka gaʼu amanannaa qabnu kan nuu cimsu maalidha? Maaliif? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)
DHUGAA BAATOTA YIHOWAA waan taaneef, rakkoowwan keenya hundaaf furmaata kan taʼu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe hinaaffaadhaan ni lallabna. Kana malees, abdii Mootummichi nuu kennerraa jajjabina guddaa arganna. Haataʼu malee, Mootummichi dhugumaan kan bulchu taʼuusaafi kaayyoosaa kan galmaan gaʼu taʼuusaarratti amantiin qabnu hammam cimaadha? Mootummicharratti amantii cimaa qabaachuuf buʼuura kan nuu taʼu maalidha?—Ibr. 11:1.
2 Mootummaan Masiihichaa, qophii Waaqayyo Inni Hundumaa Dandaʼu kaayyoo uumamasaatiif qabu galmaan gaʼuuf godhedha. Mootummichi, buʼuura cimaarratti, jechuunis mirga guutuu Yihowaan bulchuuf qaburratti kan hundaaʼedha. Mootiin Mootummaa kanaa eenyu? Mootii kanaa wajjin kan bulchan eenyufaʼi? Bulchiinsasaanii jalatti eenyuufi maalfaatu bula? Yihowaan kutaalee Mootummichaa barbaachisoo taʼan kana kakuutti fayyadamuudhaan seeraan hundeesseera. Kakuuwwan kun waliigaltee seera qabeessa Yihowaan ykn Yesus Kiristos galanidha. Kakuuwwan kanarratti xiinxaluun keenya, akkaataa Waaqayyo kaayyoosaa galmaan itti gaʼurratti hubannaa keenya kan Efesoon 2:12 dubbisi.
dabalu taʼuusaarrayyuu, qophiin kun hammam amansiisaa akka taʼe nu hubachiisa.—3. Mataduree kanaafi isa ittaanurratti waaʼee maalii qorra?
3 Macaafni Qulqulluun kakuuwwan Mootummaa Masiihichaa Kiristos Yesusiin bulfamuu wajjin wal qabatan jaʼa ni ibsa. Kakuuwwan kunis, (1) kakuu Abrahaamii wajjin galame, (2) kakuu Seerichaa, (3) kakuu Daawwitii wajjin galame, (4) kakuu luba akka Malkiisedeq argamsiisuuf galame, (5) kakuu haaraa, akkasumas (6) kakuu Mootummichaati. Kakuuwwan kun Mootummichaa wajjin kan walqabataniifi kaayyoon Waaqayyo lafaafi ilmaan namootaatiif qabu akka raawwatamu kan godhan akkamitti akka taʼe haa ilaallu.—Chaartii, “ Waaqayyo Kaayyoosaa Galmaan Kan Gaʼu Akkamitti?” jedhu ilaali.
WAADAA AKKAATAA KAAYYOON WAAQAYYOO ITTI RAAWWATAMU IBSU
4. Akka Seera Uumamaarratti ibsametti, Yihowaan namoota ilaalchisee labsiiwwan akkamii labse?
4 Yihowaan lafa bareedduu kana jireenya namootaatiif mijooftuu erga godhee booda, namoota ilaalchisee labsiiwwan sadii labse. Isaanis, (1) Waaqayyo ilmaan namootaa akka bifasaatti akka uumu, (2) Namoonni addunyaa mara Jannata akka godhaniifi lafa ilmaansaanii qajeeloo taʼaniin akka guutan, akkasumas (3) Namoonni ija mukaa hamaafi gaarii ittiin beekanirraa akka hin nyaanne dhowwamuusaaniiti. (Uma. 1:26, 28; 2:16, 17) Kana caalaa wanti barbaachisu kan biraan hin jiru ture. Erga namni uumamee booda, kaayyoon Waaqayyoo akka raawwatamuuf wanti barbaachisu labsiiwwan lamaan hafan hojiirra oolchuu qofa ture. Erga akkas taʼee, kakuun kan barbaachise maaliifiree?
5, 6. (a) Seexanni kaayyoo Waaqayyoo gufachiisuuf kan yaale akkamitti? (b) Yihowaan mormii Seexanni Eeden keessatti kaaseef deebii kan kenne akkamitti?
5 Seexanni hammeenyaan kakaʼee kaayyoo Waaqayyoo gufachiisuuf waan yaadeef mormii kakaase. Hewwaan ija mukaa hamaafi gaarii ittiin beekanirraa akka nyaattu kakaasuudhaan, namni Waaqayyoof ajajamuunsaa barbaachisaa akka hin taane dubbate. (Uma. 3:1-5; Mul. 12:9) Kana gochuudhaan Seexanni, mirga Waaqayyo uumamasaa bulchuuf qabu morme. Boodas Seexanni, tajaajiltoonni amanamoon Waaqayyoon kan waaqeffatan ofittummaadhaan kakaʼanii akka taʼe dubbate.—Iyo. 1:9-11; 2:4, 5.
6 Yihowaan mormii Seexanni Eeden keessatti kaaseef deebii akkamii kenna laata? Warra morman sana balleessuun, mormiinsaanii akka dhaabatu akka godhu beekamaadha. Haataʼu malee, tarkaanfiin akkasii kaayyoon Waaqayyo lafa kana sanyii Addaamiifi Hewwaan ajajamoo taʼaniin guutuuf qabu utuu hin raawwatamin akka hafu godha ture. Uumaan keenya inni ogummaa qabu, mormitoota sana yeruma sana achumatti balleessuu mannaa, wanti inni dubbate hundi akka raawwatamu mirkaneessuuf, raajii hiika guddaa qabuun, jechuunis waadaa Eeden keessatti galameen deebii kenneera.—Uumama 3:15 dubbisi.
7. Waadaan Eeden keessatti galame, waaʼee bofichaafi sanyiisaa maal nuu mirkaneessa?
7 Yihowaan waadaa Eeden keessatti galametti fayyadamee, bofichaafi sanyiisaa, jechuunis Seexanaafi warra mirga Yihowaan bulchuuf qabu mormuudhaan Seexana duukaa buʼanirratti murteesseera. Waaqni inni dhugaan, sanyiin dubartii ishee samii Seexana akka balleessu aangoo isaaf kenneera. Kanaafuu, waadaan Eeden keessatti galame qaamni dhaaba Eeden keessatti mormii kakaaseefi rakkinni gochisaa kun geessise akka badu qofa utuu hin taʼin, tarkaanfiin kun karaa eenyuu akka fudhatamus ifa godheera.
8. Waaʼee eenyummaa dubartittiifi sanyiishee maal jechuu dandeenya?
8 Sanyiin dubartittii eenyudha? Sanyiin Ibr. 2:14) Kanaaf, dubartiin sanyicha deessus ijaan kan hin argamne taʼuu qabdi. Sanyiin bofichaa baayʼachaa kan deeme taʼus, Yihowaan Eeden keessatti waadaa erga galee gara waggaa 4,000 boodallee eenyummaan sanyichaafi dubartittii dhokatee ture. Waggoota kana keessatti, Yihowaan eenyummaa sanyichaa ifa gochuufi sanyichi karaa Waaqayyo rakkina Seexanni ilmaan namootaarratti fide ittiin balleessu taʼuusaa tajaajiltootasaatiif mirkaneessuuf kakuuwwan hedduu galeera.
kun mataa bofichaa waan buruqsuuf, jechuunis Seexana isa uumama hafuuraa taʼe waan ‘balleessuuf,’ qaama hafuuraa ijaan hin argamne taʼuu qaba. (KAKUU EENYUMMAA SANYICHAA IFA GODHU
9. Kakuun Abrahaamii wajjin galame maalidha? Hojiirra ooluu kan jalqabehoo yoomi?
9 Seexanarratti erga murtoo dabarsee gara waggaa kuma lamaa booda, Yihowaan magaalaa Ur ishee Mesophotaamiyaa keessa jirtuu baʼee gara biyya Kanaʼaan akka dhaqu Abrahaamiin ajaje. (HoE. 7:2, 3) Akkas isaan jedhee ture: “Biyya kee keessaa, lammii kee keessaa, maatii abbaa kee keessaas baʼiitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi! Ani saba guddaa sin godha, sin eebbisa, maqaa kee nan guddisa, eebbas in taata. Warra si eebbisan nan eebbisa, warra si salphisan nan abaara, qomoon biyya lafaa irraa hundinuu sababii keetiif in eebbifamu.” (Uma. 12:1-3) Kun kakuu Abrahaamii wajjin galame, jechuunis kakuu Yihowaan Abrahaamii wajjin gale ilaalchisee yaada barreeffame isa jalqabaati. Yihowaan kakuu kana Abrahaamii wajjin kan gale yoom akka taʼe sirriitti hin beekamu. Haataʼu malee, Dh.K.D. bara 1943tti, Abrahaam umrii waggaa 75tti Kaaraanii baʼee laga Efraaxiis yeroo ceʼetti hojiirra ooluu jalqabeera.
10. (a) Abrahaam abdiiwwan Waaqayyo kennerratti amantii cimaa akka qabu kan argisiise akkamitti? (b) Yihowaan waaʼee sanyii dubartittii suuta suutaan maal ifa godhe?
10 Yihowaan waadaa isaaf gale irra Uma. 13:15-17; 17:1-8, 16) Abrahaam ilmasaa tokkicha aarsaa gochuuf fedhii akka qabu argisiisuudhaan abdiiwwan Waaqayyo kennerratti amantii cimaa akka qabu yeroo argisiisetti, Yihowaan abdii homtinuu hambisuu hin dandeenye kennuudhaan kakuusaa cimseera. (Uumama 22:15-18; Ibroota 11:17, 18 dubbisi.) Kakuun Abrahaamii wajjin galame hojiirra ooluu erga jalqabee booda, Yihowaan suutuma suutaan sanyii dubartittii ilaalchisee ibsa barbaachisaa taʼe kenneera. Sanyichi karaa Abrahaam kan dhufu, namoota hedduu of keessatti kan qabate, hojii mootii kan hojjetu, diinota hunda kan balleessuufi namoota baayʼeedhaaf eebba kan argamsiisu taʼa.
deddeebiʼee Abrahaamitti kan hime siʼa taʼu, yeroo kana hundumaatti ibsa dabalataa kennaafii ture. (11, 12. Caaffanni Qulqullaaʼoon, kakuun Abrahaamii wajjin galame karaa hafuuraas raawwiisaa akka argatu kan argisiisan akkamitti? Kunoo nuuf hiika maalii qaba?
11 Sanyiiwwan Abrahaam Biyyattii Abdachiifamte yeroo dhaalanitti kakuun Abrahaamii wajjin galame kallattiidhaan kan raawwatame taʼus, akka Caaffanni Qulqullaaʼoon argisiisanitti yaadni kakicha keessatti ibsame karaa hafuuraas raawwiisaa ni argata. (Gal. 4:22-25) Phaawulos ergamaan akka ibsetti, kutaan sanyii Abrahaam inni jalqabaa ykn inni guddaan Kiristos siʼa taʼu, kutaan inni lammaffaan ykn inni dabalataammoo Kiristiyaanota dibamoo 144,000 taʼanidha. (Gal. 3:16, 29; Mul. 5:9, 10; 14:1, 4) Dubartiin sanyicha argamsiistu ‘Yerusaalem ishee waaqa keessaa,’ jechuunis kutaa jaarmiyaa Waaqayyoo isa samii, uumamawwan hafuuraa amanamoo taʼan of keessatti qabate akka taate beekamaadha. (Gal. 4:26, 31) Kakuu Abrahaamii wajjin galamerratti akkuma ibsame, sanyiin dubartittii ilmaan namootaatiif eebba argamsiisa.
12 Kakuun Abrahaamii wajjin galame Mootummaan samii deggersa seeraa akka qabaatu kan godhe siʼa taʼu, Mootichiifi warri isaa wajjin bulchan Mootummaa kana akka dhaalan karaa baneera. (Ibr. 6:13-18) Kakuun kun yeroo hammamiitiif hojiirra oola? Uumamni 17:7, kakuun kun “kakuu bara baraa” akka taʼe dubbata. Hanga Mootummaan Masiihichaa diinota Waaqayyoo balleessuttiifi namoota lafarratti argaman hundaaf eebba argamsiisutti hojiirra ooluusaa itti fufa. (1 Qor. 15:23-26) Namoonni yeroo sanatti lafarra jiraatan barabaraaf faayidaa argatu. Kakuun Waaqayyo Abrahaamii wajjin gale, Yihowaan kaayyoo ilmaan namootaa qajeeloo taʼan ‘lafa akka guutan’ qabu galmaan gaʼuuf akka murteesse kan argisiisudha.—Uma. 1:28.
KAKUU MOOTUMMICHI KAN BARABARAA TAʼUUSAA MIRKANEESSU
13, 14. Kakuun Daawitii wajjin galame, bulchiinsa Masiihichaa ilaalchisee maal nuu mirkaneessa?
13 Waadaan Eeden keessatti galameefi kakuun Abrahaamii wajjin galame, bulchiinsi Yihowaa yeroo hundumaa ulaagaalee qajeelinaa inni baaserratti kan hundaaʼe akka taʼe nu barsiisu. Kanaaf, Mootummaan Masiihichaa inni hundeesses ulaagaalee qajeelinaa kanarratti kan hundaaʼedha. (Far. 89:14) Mootummaan Masiihichaa jalʼina raawwatee badiisni itti murteeffamuu dandaʼaa? Kakuun kan biraan, kun matumaa taʼuu akka hin dandeenye mirkaneessa.
14 Kakuu Daawitii wajjin galamerratti, Yihowaan Daawit isa mootii Israaʼel durii taʼeef waadaa akkamii akka gale haa ilaallu. (2 Saamuʼel 7:12, 16 dubbisi.) Yihowaan Daawitii wajjin kakuu kana kan gale yeroo Daawit Yerusaalem keessatti bulchaa turetti siʼa taʼu, Masiihichi karaa sanyiisaa akka dhufu waadaa isaaf gale. (Luq. 1:30-33) Kanaafuu, Yihowaan karaa sanyichi itti dhufu caalaatti ifa kan godhe siʼa taʼu, dhaaltuun Daawit teessoo Mootummaa Masiihichaarra taaʼuuf ‘abbaa mirgaa’ (NW) akka taʼu dubbate. (His. 21:25-27) Mootummaan Daawit karaa Yesusiin “bara baraan jabaatee in dhaabata.” Dhugaadha, sanyiin Daawit “bara baraan in jiraata, teessoon isaas hamma biiftuun . . . jirtutti in tura.” (Far. 89:34-37) Eeyyee, bulchiinsi Masiihichaa yoomiyyuu jalʼina hin raawwatu, akkasumas wanti inni raawwatu barabaraaf kan itti fufudha!
KAKUU LUBA ARGAMSIISU
15-17. Kakuu luba akka Malkiisedeq argamsiisuuf galamerratti akka ibsametti, sanyichi tajaajila dabalataa akkamii kenna? Maaliif?
15 Kakuun Abrahaamii wajjin galameefi kakuun Daawitii wajjin galame sanyiin dubartittii akka mootiitti akka tajaajilu kan mirkaneessu taʼus, kun qofti saboonni hundi eebba akka argatan gochuuf gaʼaa miti. Eebba kana argachuuf, cubbuusaaniirraa walaba taʼuufi maatii Yihowaa isa uumama cufa keessatti argamutti makamuu qabu. Kana galmaan gaʼuufimmoo, sanyichi akka lubaattis kan tajaajilu taʼuu qaba. Uumaan keenya inni ogummaa qabu, qophii seera qabeessa kan biraatiin, jechuunis kakuu luba akka Malkiisedeq argamsiisuuf galameen kun akka dandaʼamu godheera.
16 Yihowaan Yesusii wajjin dhuunfaatti kakuu galuudhaan kaayyoo lama akka galmaan gaʼu karaa Daawit Mootichaa ifa godheera. Tokkoffaa, Yesus ‘gara mirga Waaqayyoo taaʼuudhaan’ diinotasaa hunda moʼuuf aangoo akka qabaatuufi lammaffaammoo, ‘akkuma lubummaa Malkiisedeqitti, luba bara baraa’ akka taʼuufidha. (Faarfannaa 110:1, 2, 4 dubbisi.) “Akkuma lubummaa Malkiisedeqitti” kan jedhame maaliifi? Sanyiin Abrahaam Biyyattii Abdachiifamte dhaaluusaa yeroo dheeraa dura, mootii Saalem kan taʼe Malkiisedeq, “luba Waaqayyoo isa hundumaa gararraa jiruu ture.” (Ibr. 7:1-3) Malkiisedeq hojii kana akka raawwatuuf kallattiidhaan kan isa muude Yihowaadha. Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessatti mootiis, lubas taʼee akka tajaajile kan ibsame isa qofadha. Kana malees, aangoo kana kan dhaale ykn kan dhaalchise taʼuusaa ilaalchisee wanti galmeeffame waan hin jirreef, ‘luba bara baraa’ jedhamuu dandaʼa.
17 Yesus karaa kakuu Yihowaan dhuunfaatti isaa wajjin gale kanaa, kallattiidhaan luba taʼee kan muudame siʼa taʼu, ‘akkuma lubummaa Malkiisedeqitti barabaraaf luba ni taʼa.’ (Ibr. 5:4-6) Kun, Yihowaan kaayyoosaa isa jalqabaa ilmaan namootaatiif qabu galmaan gaʼuuf jecha Mootummaa Masiihichaatti fayyadamuuf, seeraan akka of dirqisiise kan argisiisudha.
MOOTUMMICHI KAKUUWWAN SEERA QABEESSA TAʼANIRRATTI KAN HUNDAAʼEDHA
18, 19. (a) Kakuuwwan irratti mariʼanne waaʼee Mootummichaa maal ibsu? (b) Mataduree ittaanurratti gaaffii kamirratti mariʼanna?
18 Kakuuwwan hanga ammaatti qorre yeroo ilaallu, Mootummaa Masiihichaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabaniifi Mootummichi walii galteewwan seera qabeessa taʼanirratti kan hundaaʼe akkamitti akka taʼe hubanna. Waadaan Eeden keessatti galame, Yihowaan kaayyoo lafaafi ilmaan namootaatiif qabu sanyii dubartittiitti fayyadamee akka galmaan gaʼu isa godha. Sanyiin kun eenyudha? Tajaajilli sanyiin kun kennuhoo kan akkamiiti? Kakuun Abrahaamii wajjin galame, wantoota kana hundaaf buʼuuradha.
19 Kakuun Daawitii wajjin galame kutaan sanyichaa inni jalqabaa eenyu akka taʼe caalaatti ifa godheera. Akkasumas kakuun kun Yesus barabaraaf lafarratti akka bulchu mirga kenneeraaf. Kakuun luba akka Malkiisedeq argamsiisuuf galame, sanyichi luba taʼee akka tajaajilu buʼuura taʼa. Haataʼu malee, Yesus ilmaan namootaa cubbuurraa walaba kan godhu kophaasaa miti. Moototaafi luboota taʼanii akka tajaajilan kan dibaman kan biraanis jiru. Jarri kun eessaa dhufan? Kun mataduree itti aanurratti ibsama.