Kaayyoo Yihowaa Keessatti Dubartoonni Gahee Akkamii Qabu?
‘Dubartoonni warri misraachoo himan sun macca guddaadha.’—Far. 68:11.
1, 2. (a) Waaqayyo Addaamiif kennaawwan akkamii kenne? (b) Waaqayyo Addaamiif haadha manaa kan kenne maaliifi? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)
YIHOWAAN lafa kana kaayyoodhaan, jechuunis “akka irra jiraataniif” uume. (Isa. 45:18) Nama jalqabaa kan taʼe Addaam mudaa kan hin qabne ture; Waaqayyo bakka jireenyaa bareedaa, jechuunis iddoo dhaabaa Eeden kenneefii ture. Addaam bakka mukoonni babbareedoon, lagoonni yaaʼaniifi bineensonni burraaqan keessa jiran kana keessa yeroo jiraatu akkam gammadaa ture laata! Haataʼu malee, wanta baayʼee barbaachisaa taʼe tokko hin qabu ture. Yihowaan, “Namichi kophaa isaa taʼuun gaarii miti; kan akka isaatii kan isa gargaartu, ani isaaf nan tolcha” jechuudhaan wanti kun maal akka taʼe ibseera. Achiis Waaqayyo Addaam irriba cimaa akka rafu gochuudhaan, lafee cinaachaa isa keessaa fudhee “lafee cinaachaa . . . sana irraa dubartii tolche.” Addaam yeroo dammaqu akkam gammade laata! Akkas jedheera: “Amma reefuu taʼe; isheen kun lafeen ishee lafee koo keessaa, foon ishees foon koo irraa fuudhame; isheen kun namattii waan argamteef, ‘Namee’ jedhamtee haa waamamtu!”—Uma. 2:18-23.
2 Dubartiin kun Addaamiif gargaartuu mudaa hin qabne waan taateef, kennaan kun adda ture. Akkasumas mucaa godhachuuf dandeettii addaa qabdi turte. Kanaafuu, “Namichi Addaam jedhames haati manaa Uma. 3:20) Waaqayyo hiriyoota gaaʼelaa jalqaba turan sanaaf kennaa nama dinqisiisu kenne! Ijoollee mudaa hin qabne godhachuuf dandeettii qabu turan. Haala kanaan, yeroo booda lafti jannata kan taatu siʼa taʼu, namoota mudaa hin qabneefi lubbu qabeeyyii kaan bulchaniin ni guutamti turte.—Uma. 1:27, 28.
isaa haadha warra jiraatan hundumaa waan taateef, maqaa ishee ‘Hewwaan’ jedhee moggaase; (innis “Jiraattuu” jechuu dha).” (3. (a) Addaamiifi Hewwaan eebba Waaqayyoo argachuuf maal gochuu qabu turan? Isaan garuu maal godhan? (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?
3 Addaamiifi Hewwaan eebba isaaniif qophaaʼe kana argachuu yoo barbaadan, Yihowaadhaaf ajajamuufi bulchaa taʼuusaa amananii fudhachuu qabu turan. (Uma. 2:15-17) Kaayyoon Waaqayyo isaaniif qabu kan raawwatamu, yoo isaan akkas godhan qofadha. Kan nama gaddisiisu garuu, dhiibbaa “bofni bara durii” jechuunis, Seexanni isaanirraan gaʼeen Waaqayyorratti cubbuu hojjetaniiru. (Mul. 12:9; Uma. 3:1-6) Ajajamuu diduunsaanii dubartootarratti dhiibbaa kan geessise akkamitti? Dubartoonni amanamoon bara durii turan maal raawwataniiru? Dubartoonni Kiristiyaana taʼaniifi yeroo harʼaa jiran “macca guddaa” kan jedhaman maaliifi?—Far. 68:11.
AJAJAMUU DIDUUN MAAL GEESSISE?
4. Cubbuu hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa hojjetaniif kan itti gaafatame eenyu?
4 Addaam maaliif akka hin ajajamne yeroo gaafatametti, “Dubartittii ishee ati naa wajjin akka jiraattuuf naaf laattetu ija mukichaa naaf kenne, anis nan nyaadhe” jechuudhaan sababa quubsaa hin taane dhiheesseera. (Uma. 3:12) Addaam cubbuu hojjeteef itti gaafatamummaa fudhachuu diduusaarrayyuu, dubartii Waaqayyo isaa kenneefi Waaqa isa jaalalaan kakaʼee ishee isaaf kenne komachuuf yaaleera. Cubbuu kan hojjete Addaamiifi Hewwaan taʼus, cubbuu hojjetameef kan itti gaafatame Addaam ture. Phaawulos Ergamaan, ‘Cubbuun karaa nama tokkoo [Addaam] biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu gale’ jechuudhaan kan barreesse kanaafi.—Rom. 5:12.
5. Waaqayyo namoonni yeroo murtaaʼeef ofiisaaniitiin akka of bulchan heyyamuusaatiin maaltu mirkanaaʼe?
5 Hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa, bulchiinsi Yihowaa nu hin barbaachisu jedhanii akka yaadan godhamanii turan. Kunimmoo gaaffii olaantummaa barbaachisaa taʼeefi ‘bulchuudhaaf mirga kan qabu eenyu?’ jedhu kaaseera. Waaqayyo gaaffii kanaaf hanga dhumaatti deebii kennuuf jecha, yeroo murtaaʼeef namoonni ofiisaaniitiin akka of bulchan heyyame. Namoonni ofiisaaniitiin of bulchuu akka hin dandeenye muuxannoosaaniirraa akka mirkaneeffatan beeka ture. Bulchiinsi akkasii jaarraawwan darbaniif ilmaan namootaa rakkina hedduu keessa galcheera. Jaarraa darbe keessatti qofa dhiirota, dubartootaafi ijoollee balleessaa hin qabne dabalatee, namoonni 100,000,000 taʼan waraanaan duʼaniiru. Kun, “namni . . . karaa jireenya isaatiis ofii isaatiin geggeeffachuu akka hin dandeenye” mirkaneessa. (Er. 10:23) Haala kana waan hubanneef, Yihowaan Bulchaa keenya akka taʼetti amannee fudhanneerra.—Fakkeenya 3:5, 6 dubbisi.
6. Biyyoota hedduutti dubartootarra miidhaa akkamiitu gaʼa?
6 Addunyaa toʼannaa Seexanaa jala jiru kana keessatti, dhiirotaafi dubartoota hedduurratti dabni raawwatameera. (Lal. 8:9; 1 Yoh. 5:19) Hammeenya suukanneessaa raawwatame keessaa tokko tokko dubartootarratti kan raawwatamedha. Dubartoota addunyaa maratti argaman keessaa parsantii 30 kan taʼan abbootii manaasaaniitiin akka reebaman dubbataniiru. Hawaasa tokko tokko keessatti dhiironni yeroo guddatan hiddi maatii akka itti fufu ni godhu, akkasumas warrasaaniifi akaakoliisaanii dullooman ni gargaaru jedhamee waan yaadamuuf bakka guddaatu isaaniif kennama. Biyyoota tokko tokkotti ijoolleen durbaa kan hin barbaadamne akka taʼanitti waan ilaalamaniif, ijoollee dhiiraa caalaa isaantu baayʼinaan garaadhaa baafama.
7. Waaqayyo dhiirotaafi dubartoota haala akkamiitiin uume?
7 Miidhaan dubartootarratti raawwatamu Waaqayyoon hin gammachiisu. Waaqayyo dubartoota karaa sirrii taʼeefi kabajaan qaba. Yihowaan, Hewwaaniin mudaa kan hin qabne godhee, Uma. 1:31) Eeyyee, wanti Yihowaan hojjete ‘hundumtuu’ “baayʼee gaarii” ture. Dhiirotas taʼe dubartoota haala gaariitiin uume!
akkasumas garba akka taatu utuu hin taʼiin Addaamiif gargaartuu gaarii akka taatu godhee ishee uumuunsaa, kabaja inni dubartootaaf qabu kan argisiisudha. Dhuma guyyaa uumamaa jaʼaffaatti Waaqayyo “waanuma hojjete hundumaa in ilaale; kunoo, innis baayʼee gaarii ture.” (DUBARTOOTA YIHOWAA DURATTI FUDHATAMA ARGATAN
8. (a) Amalli namootaa akka walii galaatti maal akka fakkaatu ibsi. (b) Seenaa ilmaan namootaa keessatti Waaqayyo namoota akkamiitti jaalala argisiiseera?
8 Addaamiifi Hewwaan ajajamuu erga didanii kaasee, keessumaa jaarraa darbe keessatti amalli dhiirotaafi dubartoota baayʼee, yeroo kamirrayyuu caalaa hammaachaa dhufeera. Macaafni Qulqulluun, “guyyoota gara dhumaatti” hammeenyi akka baayʼatu dursee dubbateera. Hammeenyi namootaa garmalee baayʼachuunsaa yeroon kun dhuguma ‘yeroo sodaachisaa’ taʼuusaa argisiisa. (2 Xim. 3:1-5) Haataʼu malee, ‘Waaqayyo gooftaan’ seenaa ilmaan namootaa keessatti dhiirotaafi dubartoota isatti amanaman, seerasaatiif ajajamaniifi bulchiinsasaa amananii fudhachuudhaan isaaf bitamanitti jaalala argisiisaa tureera.—Faarfannaa 71:5 dubbisi.
9. Bishaan Badiisaarraa kan oolan namoota meeqa? Kan oolanoo maaliifi?
9 Waaqayyo addunyaa hamaa bara Nohitti ture Bishaan Badiisaatiin yeroo balleessetti kan oolan namoota muraasa qofa turan. Yeroo sanatti obboloonni Nohi lubbuudhaan jiru taanaan, isaanis bishaanichaan balleeffamaniiru jechuudha. (Uma. 5:30) Lakkoofsi dhiirotaafi dubartoota badiisa sanarraa oolanii qixxee ture. Badiisicharraa kan oolan Nohiifi haadha manaasaa, akkasumas ilmaansaa sadaniifi haadholii manaasaanii turan. Kan hin balleefamne Waaqayyoon waan sodaataniifi fedhiisaa waan raawwataniifidha. Namoonni biliyoonaan lakkaaʼamaniifi yeroo harʼaa jiran kan dhufan, namoota saddeettan Yihowaa duratti fudhatama argatan sanarraati.—Uma. 7:7; 1 Phe. 3:20.
10. Dubartoonni Waaqayyoon sodaataniifi haadholii manaa abbootii amantii taʼan Yihowaa duratti fudhatama kan argatan maaliifi?
10 Yeroo booda, dubartoonni Waaqayyoon sodaataniifi haadholii manaa abbootii amantii turan Yihowaa duratti fudhatama argataniiru. Utuu waan hundumaatti guungumaniiru taʼee, isa duratti fudhatama argachuu hin dandaʼan ture. (Yihudaa 16) Biyya biraatti dunkaana keessa jiraachuuf, jireenya mijataa Ur keessatti jiraachaa turan dhiisanii yeroo baʼanitti, Saaraan isheen Abrahaamiin kabajju guungumtee turte jedhanii yaaduun ulfaataadha. Kanaa mannaa, “Saaraan. . . Abrahaamiif abboomamaa, gooftaa koo jettees isa waamaa turte.” (1 Phe. 3:6) Ribqaa ishee kennaa Yihowaa taateefi haadha manaa gaarii turtes ilaali. Abbaan manaashee Yisihaq “ishee jaallatee, gadda haadha isaa irraas in jajjabaate” jedhamuunsaa kan nama dinqisiisu miti. (Uma. 24:67) Yeroo harʼaatti dubartoonni akkuma Saaraafi Ribqaa Waaqayyoon sodaatan nu gidduu jiraachuusaaniitti baayʼee gammadna!
11. Deessiftoonni Ibroota taʼan lama ija jabina kan argisiisan akkamitti?
11 Israaʼeloonni Gibxii keessa garbummaadhaan yeroo turanitti lakkoofsisaanii garmalee waan baayʼateef, Faraʼoon ijoolleen dhiiraa Ibrootarraa dhalatan hundi akkuma dhalataniin akka ajjeefaman labsii baasee ture. Haataʼu malee, deessiftoonni Ibroota taʼan Siifraa fi Phuwaan, warri tarii geggeessitoota deessiftoota kaanii taʼan maal akka godhan ilaalaa. Dubartoonni kun Yihowaa waan sodaataniif, ija jabinaan ijoollee dhalatan ajjeesuu didaniiru. Kanaaf Yihowaan mana akka godhatan gochuudhaan isaan eebbiseera.—Bau. 1:15-21.
12. Dibooraafi Yaaʼel ilaalchisee wanti nama dinqisiisu maalidha?
12 Bara abbootii firdiitti Dibooraa raajittiin, Yihowaa duratti fudhatama argattee turte. Baaraaq isa Abbaa Firdii taʼe jajjabeessuudhaan, Israaʼeloonni hacuuccaa jalaa akka baʼan gumaacha gooteetti; taʼus Kanaʼaanota moʼuusaaniitiif ulfina kan argatu Baaraaq akka hin taane raajii dubbatteetti. Kanaa mannaa, Waaqayyo Siisaaraa isa Abo. 4:4-9, 17-22.
angafa loltuu Kanaʼaanotaa taʼe ‘harka dubartiitti galcha.’ Kunis dubartiin Yaaʼel jedhamtuufi sanyii Israaʼel hin taane yeroo isa ajjeestetti raawwatameera.—13. Macaafni Qulqulluun waaʼee Abigaayil maal nutti hima?
13 Abigaayil dubartii Dh.K.D. jaarraa 11ffaatti jiraatteefi wanta guddaa raawwattedha. Isheen dubartii hubattuu turte; abbaan manaashee garuu hamaa, gatii kan hin qabneefi gowwaa ture. (1 Sam. 25:2, 3, 25) Daawitiifi loltoonnisaa qabeenya Naabaal eeganiifii kan turan taʼus, nyaata akka kennuuf yeroo isa gaafatanitti, “isaanitti in oriʼe,” waan tokkos hin kennineef. Haalli kun Daawitiin baayʼee waan aarseef Naabaaliifi namootasaa ajjeesuuf kaʼe. Abigaayil kana yeroo dhageessu, nyaataafi dhugaatii qabattee gara Daawitiifi namootasaa dhaquudhaan dhiiga dhangalaasuurraa isaan oolchiteetti. (1 Sam. 25:8-18) Sana booda Daawit, “Waaqayyo gooftichi Israaʼel inni harʼa gara kootti si erge haa jajamu!” isheedhaan jedheera. (1 Sam. 25:32) Naabaal erga duʼee booda Daawit Abigaayiliin fuudheera.—1 Sam. 25:37-42.
14. Intaloonni Shaalum hojii akkamiirratti hirmaataniiru? Dubartoonni Kiristiyaana taʼan yeroo harʼaa hojii akkasii hojjechaa kan jiran akkamitti?
14 Loltoonni Baabilon Dh.K.D. bara 607tti yeroo Yerusaalemiifi mana qulqullummaashee balleessanitti dhiironni, dubartoonniifi ijoolleen hedduun duʼaniiru. Dallaan magaalattii Dh.K.D. bara 455tti geggeessaa Nahimiyaatiin deebifamee ijaarameera. Intaloonni Shaalum isa walakkaa Yerusaalem bulchaa turee dallaa kana ijaaruurratti hirmaataniiru. (Nah. 3:12) Ijoolleen kun fedhiisaaniitiin hojii gadaanaa hojjetaniiru. Dubartoota hedduu yeroo harʼaa addunyaa maratti hojii ijaarsaarratti karaa garaagaraatiin hirmaachaa jiran baayʼee dinqisiifanna.
DUBARTOOTA JAARRAA JALQABAA WAAQAYYOON SODAATAN
15. Waaqayyo dubartii Maariyaam jedhamtu tokkoof mirga akkamii kenne?
15 Dhaloota Kiristoos Booda jaarraa tokkoffaatti ykn sana dura, Yihowaan dubartoota hedduu karaa garaagaraatiin eebbiseera. Isaan keessaa tokko durba Maariyaam jedhamtudha. Yoseefiif kaadhimamtee utuu jirtuu, karaa dinqii taʼeen hafuura qulqulluudhaan ulfoofte. Waaqayyo haadha Yesus akka taatu kan ishee filate maaliifi? Amalawwan hafuuraa mucaashee mudaa hin qabne kana ijoollummaadhaa qabee hanga gaʼeessummaatti guddisuuf ishee dandeessisu waan qabduuf akka taʼe beekamaadha. Nama namoota lafa kanarra jiraatan hundarra caaluuf haadha taʼuun mirga guddaadha!—Mat. 1:18-25.
16. Fakkeenya ilaalcha Yesus dubartootaaf qabu argisiisu dubbadhu.
16 Yesus dubartootatti gaarummaa argisiiseera. Fakkeenyaaf, haala dubartii waggaa 12f dhiigni ishee dhangalaʼaa ture tokkoo ilaali. Namoota baayʼee keessa dabartee duubasaatiin dhaqxee uffatasaa tuqxe. Yesus isheetti dheekkamuu mannaa, gaarummaadhaan, “Yaa intala ko, amantiin kee si fayyiseera, nagaadhaan dhaqi, dhukkuba keettiis kan fayyite taʼi!” jedheen.—Mar. 5:25-34.
17. Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti, dinqii akkamiitu raawwatame?
17 Dubartoonni bartoota Yesus turan tokko tokko isaafi ergamootasaa tajaajilaa turan. (Luq. 8:1-3) Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti dhiironniifi dubartoonni 120 taʼan haala adda taʼeen hafuura qulqulluu argataniiru. (Hojii Ergamootaa 2:1-4 dubbisi.) Hafuurri qulqulluun dhangalaʼuusaa ilaalchisee raajiin akkas jedhu dubbatamee ture: “Ani hafuura koo nama hundumaa irratti nan dhangalaasa; ilmaan keessanii fi intaloonni keessan raajii in dubbatu,. . . ani hojjetoota koo warra dhiirotaa fi warra dubartootaa irratti iyyuu hafuura koo nan dhangalaasa.” (Yoe. 2:28, 29) Wanti dinqisiisaan guyyaa Phenxeqosteetti raawwatame kun, dhiironniifi dubartoonni “Israaʼel Waaqayyoo” taʼan kun, Yihowaa duratti fudhatama akka argatan kan argisiisu ture. (Gal. 3:28; 6:15, 16) Dubartoota jaarraa tokkoffaatti hojii lallabaarratti hirmaachaa turan keessaa tokko intaloota Filiphos isa Wangeela lallabuutti.—HoE. 21:8, 9.
“MACCA GUDDAA” DUBARTOOTAA
18, 19. (a) Waaqeffannaa dhugaa wajjin haala walqabateen Waaqayyo dhiirotaafis taʼe dubartootaaf mirga akkamii kenne? (b) Faarfatichi waaʼee dubartoota misiraachicha lallabanii maal jedhee barreesse?
18 Dhuma jaarraa 19ffaatti dhiironniifi dubartoonni muraasni waaqeffannaa dhugaatiif fedhii guddaa akka qaban argisiisan. Namoonni kun warra yeroo harʼaatti raajii Yesus dubbate raawwachaa jiraniif karaa bananiiru. Raajiin kun, “Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa” jedha.—Mat. 24:14.
19 Barattoonni Macaafa Qulqulluu muraasa turan yeroo harʼaa gara Dhugaa Baatota 8,000,000 taʼaniiru. Namoonni 11,000,000 ol taʼan Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesusirratti argamaniiru. Biyyoota hedduutti, namoota Ayyaana kanarratti argaman keessaa baayʼeensaanii dubartoota. Kana malees, tajaajiltoota yeroo guutuu, 1,000,000 ol taʼaniifi addunyaa mararra jiran keessaa harki caalu dubartoota. Waaqayyo dubartoonni amanamoo taʼan raajii faarfatichi, ‘Waaqayyo dubbii isaa in dhageessisa, dubartoonni warri misraachoo himan sun macca guddaadha’ jechuudhaan dubbate raawwachuurratti gumaacha akka qabaataniif mirga isaanii kenneera.—Far. 68:11.
EEBBA GUDDAA DUBARTOOTA WAAQAYYOON SODAATAN EEGGATU
20. Wantoonni qayyabannaadhaaf nu gargaaran kamfaʼi?
20 Waaʼee dubartoota amanamoo Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffaman hundumaa dubbachuuf bakki nu hin gaʼu. Taʼus, hundi keenyayyuu waaʼeesaanii Macaafa Qulqulluurraa, akkasumas barreeffamoota keenyarraa dubbisuu ni dandeenya. Fakkeenyaaf, waaʼee amanamummaa Ruut xiinxaluu ni dandeenya. (Rut. 1:16, 17) Kutaa Macaafa Qulqulluu maqaa Asteeriin moggaafameefi matadureewwan waaʼeeshee ibsan dubbisuun keenya amantii keenya nuu cimsuu dandaʼa. Waaqeffannaa Maatii keenyarratti wantoota qayyabannaadhaaf gargaaran akkasiitti fayyadamuu ni dandeenya. Kophaa jiraanna taanaanimmoo, matadureewwan akkasii qayyabannaa dhuunfaa keenyarratti qayyabachuu ni dandeenya.
21. Dubartoonni Waaqayyoon sodaatan yeroo rakkisaatti amanamummaa Yihowaadhaaf qaban kan argisiisan akkamitti?
21 Yihowaan hojii lallabaa dubartoonni Kiristiyaanota taʼan raawwatan akka eebbisuufi yeroo rakkinasaaniitti akka isaan gargaaru ifadha. Fakkeenyaaf, bara bulchiinsa Naaziifi Koominiistiitti dubartoonni Waaqayyoon sodaatan isaaf ajajamuusaaniitiin, baayʼeesaaniirratti dabni kan raawwatameefi tokko tokkommoo lubbuusaanii kan dhaban taʼullee, gargaarsa Yihowaatiin hanga dhumaatti amanamoo taʼaniiru. (HoE. 5:29) Harʼas akkuma durii, obboleettonni keenyaafi waaqeffattoonni hidhatasaanii taʼan hundi olaantummaa Waaqayyoo deggeraa jiru. Kanaaf Yihowaanis akkuma Israaʼeloota duriitiif godhe harkasaanii mirgaa qabuudhaan, “Hin sodaatin! Ani sin gargaaraʼo” jedhaan.—Isa. 41:10-13.
22. Gara fuulduraatti mirga akkamii arganna?
22 Dhiheenyatti dhiironniifi dubartoonni Waaqayyoon sodaatan lafa gara jannataatti kan jijjiiran siʼa taʼu, namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniifi duʼaa kaʼanis waaʼee kaayyoo Yihowaa ni barsiisu. Hamma achiitti garuu, dhiirotas taane dubartoota mirga ‘harka wal qabannee’ isa tajaajiluuf arganne haa dinqisiifannu.—Sef. 3:9.