Gaaffii Dubbistootaa
Kiristiyaanonni reeffa gubuunsaanii sirriidhaa?
Macaafni Qulqulluun yaada reeffa gubuun sirrii akka hin taane mormuuf gargaaru qabatee hin jiru.
Macaafni Qulqulluun waaʼee namoota erga duʼanii booda reeffi ykn lafeensaanii gubamee ni dubbata. (Iya. 7:25; 2 Sen. 34:4, 5) Kun gocha namoota seeraan awwaalamuun isaaniif hin mallerratti raawwatame kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, namni reeffisaa gubame hundi seeraan awwaalamuun kan isaaf hin malledha jechuu miti.
Kana seenaa waaʼee duʼa Saaʼol Mootichaafi ijoolleesaa sadanii ibsurraa hubachuu dandeenya. Arfansaaniiyyuu waraana Filisxeemotaa wajjin gochaa turanirratti duʼan. Yonaataan inni michuu Daawit taʼeefi amanamummaadhaan isa gargaaraa ture, ilmaan Saaʼol warra duʼan kana keessaa tokko ture. Loltoonni Israaʼel warri jajjaboon Yaabesh-Giilʼaad keessa turan duʼuusaanii yommuu dhagaʼan, reeffa arfansaanii walitti qabuudhaan erga gubanii booda lafeesaanii awwaalaniiru. Yeroo booda Daawit, gocha isaanii kanaaf isaan galateeffateera.—1 Sam. 31:2, 8-13; 2 Sam. 2:4-6.
Macaafni Qulqulluun abdii namoonni duʼan qaban ilaalchisee Waaqayyo duʼaa akka isaan kaasu, jechuunis nama sanaaf deebisee jireenya akka kennu ibsa. Namni duʼe sun reeffisaa gubamus gubamuu baatus, Yihowaan qaama haaraa isaaf kennuudhaan gara jireenyaatti isa fiduu hin dadhabu. Ibroonni amanamoon sadan Nebukadnezaar ibidda bobaʼu keessatti akka gubaman ajaje, Waaqayyo ibiddaan yoo gubamne duʼaa nu kaasuu hin dandaʼu jedhanii hin yaaddofne. (Dan. 3:16-18) Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼaniifi mana hidhaa Naazii keessatti erga ajjeefamanii booda gubamanis miiruma akkasii qabu turan. Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan garaagaraas dhoʼiinsa taʼe tokkoon ykn wanta kan biraatiin duʼaniiru. Taʼus, abdiin duʼaa kaʼuu namoonni kun qaban mirkanaaʼaadha.—Mul. 20:13.
Yihowaan nama tokko duʼaa kaasuuf qaama namichaa isa kanaan duraa walitti sassaabuun isa hin barbaachisu. Haala kana akkaataa Waaqayyo Kiristiyaanota dibamoo samiirra akka jiraataniif duʼaa itti kaasurraa hubachuun ni dandaʼama. Akkuma Yesus isa ‘hafuuraan jiraachifamee,’ Kiristiyaanonni dibamoonis namootuma duraan jiraachaa turan taʼanii, garuummoo qaama hafuuraa uffatanii duʼaa kaafamu. Yeroo gara samii dhaqan kutaa qaamasaanii isa foonii keessaa tokkollee fudhatanii hin deeman.—1 Phe. 3:18; 1 Qor. 15:42-53; 1 Yoh. 3:2.
Abdiin duʼaa kaʼuu ilaalchisee qabnu, reeffi keenya maal taʼa laata yaada jedhurratti utuu hin taʼin, Waaqayyo abdii kenne raawwachuuf dandeettiifi fedhii akka qabu amanuurratti kan hundaaʼedha. (HoE. 24:15) Waaqayyo bara duriitti namoota akkamitti akka duʼaa kaases taʼe, gara fuulduraatti akkamitti akka kaasu guutummaatti hin beeknu. Taʼus, Yihowaatti ni amanamna. Yihowaan Yesusiin duʼaa kaasuudhaan abdii kana “cimseera.”—HoE. 17:31; Luq. 24:2, 3.
Kiristiyaanonni reeffi namoota duʼanii maal godhamuu akka qabu yeroo murteessan, aadaafi ilaalcha hawaasichaa, akkasumas wanta seerri isaanirraa barbaadu tilmaama keessa galchuunsaanii gaariidha. (2 Qor. 6:3, 4) Achiis, reeffi nama duʼe sanaa akka gubamu murteessuun ykn dhiisuun gaʼee nama sanaa ykn kan maatiisaa taʼa.