KUUSAA KEENYA KEESSAA
‘Hojiin Midhaan Sassaabuu Hedduun Hojjetamuu Qaba’
YEROONSAA bara 1923dha. Saaʼoo Pooloo keessatti namoonni hedduun Galma Diraamaafi Muuziqaan itti dhihaatu tokko keessa guutaniiru! Wanta Joorji Yaangi sagalee cimaadhaan dubbatu dhagaʼuu dandeessaa? Haasaan inni dhiheessu hima himaan gara afaan Poortugaalitti hiikamaa jira. Namoonni 585 taʼan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa jiru! Caqasoonni Macaafa Qulqulluu afaan Poortugaaliin pirojeektariidhaan argisiifamaa jiru. Xumura sagantichaarratti, buukleetiin Namoonni Yeroo Harʼaa Jiraniifi Miliyoonaan Lakkaaʼaman Matumaa Hin Duʼan! (afaan Poortugaaliin) jedhamu koppiin dhibbaan lakkaaʼamu dhaggeeffattoota sanaaf kan hirame siʼa taʼu, isaan keessaa muraasni Ingiliffaan, afaan Jarmaniifi afaan Xaaliyaaniitiin qophaaʼanii turan. Haasaan dhihaate buʼa qabeessa ture. Oduunsaas biyya guute. Galgala lama booda yeroo haasaan kan biraan dhihaatutti galmi sun ammas namoota hedduudhaan guute. Haataʼu malee, wanti kana hundaaf buʼuura taʼe maalidha?
Bara 1867tti, Saaraa Beeloonaa Fargusan, maatiishee wajjin Yuunaayitid Isteetisii gara Biraaziilitti godaantee turte. Bara 1899tti, Saaraan barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼaniifi quxisuunshee Yunaayitid Isteetisii fide tokko tokko yommuu dubbistetti, dhugaa akka argatte hubatte. Saaraan dubbisuu waan jaallattuuf, Masaraa Eegumsaa afaan Ingiliffaa fudhachuuf kontiraata galte. Ergaa Macaafa Qulqulluutti baayʼee waan gammaddeef, obboleessa keenya Chaarlis Teez Raasiliif, “Iddoon fagoon bira gaʼamuu hin dandeenye akka hin jirre ani ragaa taʼuu nan dandaʼa” jettee barreessitee turte.
Saaraa Fargusan, dhugaa Macaafa Qulqulluu lallabuuf wanta dandeessu hunda gooteetti. Haataʼu malee, isheefi maatiishee dabalatee namoota garaa qajeelaa qabaniifi Biraaziil keessatti argaman kaan eenyu akka gargaaru baayʼee ishee yaaddessa ture. Bara 1912tti namni tokko tiraaktii Namoonni Duʼan Eessa Jiru? jedhuufi afaan Poortugaaliin qophaaʼe hedduu fidee gara Saaʼoo Pooloo akka dhufu Betʼel Biruukiliinii isheetti himame. Barattoonni Macaafa Qulqulluu hedduun gara samii akka dhaqan eeganii akka turan bara 1915tti ennaa dhageessu baayʼee akka dinqisiifatte dubbatteetti. Achiis yaadashee akkas jechuudhaan barreessiteetti: “Biraaziiliifi Ameerikaan Kibbaahoo maal taʼu? . . . Ardiin Ameerikaa Kibbaa hammam balʼaa akka taʼe yoo beektan, hojiin midhaan
sassaabuu hojjetamu hedduun akka hafe ni hubattu.” Eeyyee, hojii midhaan sassaabuu hojjetamuu qabu hedduutu jira ture!Naannoo bara 1920tti, dargaggoonni Biraaziil markaba waraanaarraa hojjetan saddeet yeroo markabnisaanii suphamutti walgaʼii gumii Niiwu Yoorki Siitii keessatti godhamurratti argamanii turan. Gara Riyoo de Jeneerootti gaafa deebiʼan abdii haaraa Macaafa Qulqulluurraa baratan namoota kaanitti himanii turan. Sana booda utuma baayʼee hin turin Bitootessa 1923tti, Joorji Yaangi inni daawwataa olaanaa ture gara Riyoo de Jeneeroo dhaqee namoota fedhii qaban argate. Achiis barreeffamoonni hedduun gara afaan Poortugaalitti akka hiikaman haala mijeesse. Utuma baayʼee hin turin, gara magaalaa Saaʼoo Pooloo ishee jiraattota 600,000 qabduu dhaqe. Achittis akkuma seensarratti ibsame haasaa dhiheessuusaarrayyuu buukleetii Namoota Miliyoonaan Lakkaaʼaman jedhamu hedduu raabse. Yaangi, “Kophaakoo waanan taʼeef, gaazexaatti qofa fayyadamee lallabuuf dirqameera” jechuudhaan gabaaseera. Itti dabaluudhaanis, haasaawwan kun “Haasaa sabaa Biraaziil keessatti jalqaba maqaa I.B.S.A. * jedhamuun beeksifamaniifi namootaaf dhihaatan” akka turan gabaaseera.
Gabaasni Biraaziiliin ilaalchisee Masaraa Eegumsaa Muddee 15, 1923rratti baʼe akkas jedha: “Hojichi bakka sanatti gaafa Waxabajjii 1 akka eegaleefi yeroo sanatti barreeffamni tokkollee akka hin turre yommuu hubannu, Gooftaan hojicha baayʼee akka eebbise beekuu dandeenya.” Gabaasichi itti fufuudhaan akka ibsetti, haasaan obboleessi keenya Joorji Yaangi, Saaʼoo Poolootti dhiheesse haasaawwan 21n Waxabajjii 1 hanga Fulbaana 30tti dhihaatan keessaa 2 qofa ture. Namoonni haasaawwan kanarratti argaman walumaa galatti 3,600 turan. Riyoo de Jeneeroo keessatti ergaan Mootummichaa suutuma suuta babalʼachaa deeme. Jiʼoota muraasa gidduutti, barreeffamoonni keenya 7,000 ol taʼaniifi afaan Poortugaaliin qophaaʼan raabsamaniiru! Hunda caalaammoo, barruun Masaraa Eegumsaa maxxansa Sadaasa-Muddee 1923 jalqabee afaan Poortugaaliin maxxanfamuu eegalee ture.
Joorji Yaangi, Saaraa Fargusaniin daawwachuu yommuu deeme wanta raawwatame, Masaraan Eegumsaa akkas jechuudhaan gabaaseera: “Obboleettiin kun bakka inni boqotee jiru kan dhufte siʼa taʼu, yeroo sanaaf waan dubbattu wallaaltee turte. Harka obboleessa keenya Joorji Yaangi qabattee, ijasaa keessa ilaalaa erga turtee booda dhumarratti, ‘Dhuguma kanan ilaalaa jiru Piilgiriimiidhaa?’ isaan jette.” Utuma baayʼee hin turin isheefi ijoolleenshee afur ni cuuphaman. Cuuphamuudhaaf waggoota 25 eeguun ishee barbaachisee ture! Masaraan Eegumsaa Hagayya 1, 1924 maxxansame, namoota Biraaziilitti cuuphaman 50 keessaa baayʼeensaanii kan dhufan Riyoo de Jeneeroodhaa akka taʼe gabaaseera.
Amma gara waggoota 90 booda, “Biraaziiliifi Ameerikaan Kibbaahoo maal taʼu?” jennee gaafachuun nu hin barbaachisu. Biraaziil keessatti Dhugaa Baatota Yihowaa 760,000 ol taʼantu misiraachoo Mootummichaa labsaa jira. Ameerikaa Kibbaa keessattimmoo dhugaan Mootummichaa afaan Poortugaal, Ispaanishiifi, afaan achi keessatti dubbatamu hedduudhaan lallabamaa jira. Yaanni Saaraan Fargusan bara 1915tti, ‘hojiin midhaan sassaabuu hojjetamu hedduun akka hafe’ dubbatte sirrii ture.—Kuusaa keenya Biraaziilitti argamu keessaa.
^ key. 6 Gabaajeen I.B.S.A. jedhu Waldaa Barattoota Macaafa Qulqulluu Addunyaa Maraa kan argisiisudha.