Gaaffii Dubbistootaa
Yihudoonni jaarraa jalqabaa Masiihicha “eeggachaa” kan turan maalirratti hundaaʼaniiti?
Bara Yohannis Cuuphaatti, ‘Yihudoonni waa eeggachaa waan turaniif, Yohannis kun Kristos taʼinnaa laataa? jedhanii hundumtisaanii garaasaaniitti gaafatan.’ (Luq. 3:15) Yihudoonni, Masiihichi kan mulʼatu yeroo sanatti akka taʼe kan eegan maaliifi? Sababiin hedduun jiraachuu dandaʼa.
Yesus erga dhalatee booda, ergamaan Yihowaa tiksitoota naannoo Betlihemitti hoolotasaanii tiksaa turanitti mulʼatee ture. (1) Ergamichi, “Harʼa mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni immoo Kristos goofticha” isaaniin jedhe. (Luq. 2:8-11) Achiis ergamoonni kaanis ergamaa kanaa wajjin taʼuudhaan, “‘Hooqubaan Waaqayyoof waaqa gubbaatti, nagaanis namoota Waaqayyo itti gammaduuf, lafa irratti’ jedhanii Waaqayyoon in faarfatu turan.” *—Luq. 2:13, 14.
Beeksisni kun tiksitoota gad of deebisan sanarratti dhiibbaa guddaa godheera. Yeruma sana gara Betlihem deemanii Yoseefiifi Maariyaamiin, akkasumas mucicha yommuu argan, “waan ergamoonni Waaqayyoo waaʼee isaaf isaanitti himan hundumaa mulʼisan.” “Warri dhagaʼan hundinuu immoo waan tiksoonni isaanitti himanitti baayʼee dinqifatan.” (Luq. 2:17, 18) Yaanni, “Warri dhagaʼan hundinuu” jedhu tiksitoonni sun Yoseefiifi Maariyaamiin alattis namoota kaanitti akka himan kan argisiisudha. Achiis tiksitoonni sun, “isa ergamoonni Waaqayyoo itti himan hundumaa dhagaʼanii, akkuma itti dubbatametti ija isaaniitiin waan arganiif, Waaqayyoof hooqubaa dhiʼeessaa galateeffachaas” gara iddoo isaaniitti deebiʼan. (Luq. 2:20) Tiksitoonni sun oduu gaarii waaʼee Kiristos dhagaʼan dubbachuurraa duubatti akka hin jenne ifadha!
Akka Seerri Musee ajajutti, Maariyaam mucaashee isa angafaa Yihowaa duratti dhiheessuuf ennaa gara Yerusaalem deemtetti, Haannaa raajittiin, “Waaqayyoon galateeffachaa warra furii Yerusaalem eeggatan hundumaatti waaʼee mucichaa dubbatte.” (2) (Luq. 2:36-38; Bau. 13:12) Kanaafuu, oduun Masiihichi dhalachuusaa dubbatu babalʼachuusaa ittuma fufe.
Achiis, “Namoonni ogeeyyiin urjii lakkaaʼan tokko baʼa-biiftuutii gara Yerusaalem dhufan. Isaan, ‘Inni mootii Yihudootaa taʼee dhalate eessa jira? Nuyi urjii isaa baʼa-biiftuutti arginee, isaaf sagaduu dhufneerraʼo’ jedhanii iyyaafatan.” (Mat. 2:1, 2) “Herodis mootichi kana dhagaʼee in raafame, Yerusaalem guutuunis isaa wajjin in raafame. Yommus inni luboota warra angafootaa fi barsiisota seeraa saba Yihudootaa keessaa walitti qabee, Masiihiin eessatti dhalachuuf akka jiru isaan gaafate.” (3) (Mat. 2:3, 4) Kanaafuu, namoonni hedduun Masiihiin abdachiifame akka dhalate hubatanii turan jechuudha! *
Akkuma olitti caqasametti Luqaas 3:15, Yihudoonni tokko tokko Yohannis Cuuphaan Kiristos taʼuu akka dandaʼu yaadanii akka turan dubbata. Haataʼu malee, Yohannis yaada akkasii hambisuuf jecha akkas jedhe: “Inni ana booddee dhufu garuu ana irra in jabaata, anis kophee miilla isaatii illee baachuudhaaf nama taʼu miti; inni hafuura qulqulluudhaa fi ibiddaan isin in cuupha.” (Mat. 3:11) Yaanni Yohannis gad of deebisuudhaan dubbate, Masiihicha eeguuf caalaatti akka kakaʼan godheera.
Yihudoonni jaarraa jalqabaa yeroo Masiihichi itti mulʼatu beekuuf, yaada Daaniʼel 9:24-27rratti argamuufi waaʼee ‘waggoota torba siʼa torbaatamaa’ dubbaturratti hundaaʼuudhaan yeroosaa shallaganiiruu laata? Ragaa yaada kana nuu mirkaneessu hin qabnu. Bara Yesusitti shallaggii, ‘waggoota torba siʼa torbaatamaa’ ilaalchisee yaada garaagaraatu ture; haataʼu malee, shallaggii kana keessaa hubannaa yeroo harʼaatti qabnuu wajjin kan walfakkaatu hin jiru. *
Iiseensoonni warri amantii Yihudiirraa akka baʼanitti yaadaman, waggaa 490 booda Masiihiin lama akka dhufan barsiisaa turan. Taʼus yaannisaanii raajii Daaniʼelirratti kan hundaaʼe taʼuusaatiif ragaan qabatamaa taʼe hin jiru. Shallaggiin yeroo Iiseensootaa kun raajii Daaniʼel dubbaterratti kan hundaaʼe yoo taʼellee, Yihudoonni yaada namoota fottoqanii baʼan kanaa ni fudhatu jedhanii yaaduun rakkisaadha.
Dh.K.B. jaarraa lammaffaatti Yihudoonni tokko tokko, ‘waggoonni torba siʼa torbaatamni’ yeroo manni qulqullummaan jalqabaa Dh.K.D. bara 607tti balleeffamee kaasee hanga manni qulqullummaan lammaffaa Dh.K.B. bara 70tti balleeffametti jiru kan argisiisu akka taʼe amanu. Warri kaanimmoo, raajiin kun raawwiisaa kan argate Dh.K.D. jaarraa lammaffaatti, jechuunis bara Maqaabootaatti akka taʼe yaadu. Kanaafuu, ‘waggoonni torba siʼa torbaatamni’ kan shallagamu akkamitti akka taʼe yaanni waliigalaa hin jiru ture jechuudha.
Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti ‘waggoonni torba siʼa torbaatamni’ akkamitti akka shallagamu sirriitti hubatameera taanaan, tarii namni tokko, ‘Ergamoonni Yesusis taʼan Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Masiihichi abdachiifame yeruma jedhametti akka mulʼate ragaa dhiheessuuf yaada kanatti ni fayyadamu turan’ jedhee yaaduu dandaʼa. Haataʼu malee, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa akkas akka godhan ragaan mirkaneessu hin jiru.
Wanti xiyyeeffannaan kennamuufii qabu kan biraanis jira. Barreessitoonni Wangeelaa, raajiiwwan Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessatti argaman tokko tokko Yesus Kiristosirratti raawwiisaanii akka argatan irra deddeebiʼanii ibsaniiru. (Mat. 1:22, 23; 2:13-15; 4:13-16) Taʼus, tokkoonsaaniiyyuu mulʼachuu Yesus, ‘waggoota torba siʼa torbaatamaa’ wajjin wal qabsiisanii hin ibsine.
Dimshaashumatti, namoonni bara Yesus turan raajii waaʼee ‘waggoota torba siʼa torbaatamaa’ dubbatu sirriitti hubatanii turan jechuun rakkisaadha. Haataʼu malee Wangeelonni, ragaa amansiisaa namoonni Masiihicha “eeggachaa” kan turan maaliif akka taʼe ibsu qabataniiru.
^ key. 4 Barreeffamni afaan Giriikii inni jalqabaa, ergamoonni sun ‘faarfachaa’ akka turan utuu hin taʼin, Waaqayyoon galateeffachaa akka turan ibsa.
^ key. 7 Tarii, ‘Jarreen ogeeyyiin sun “urjiin” baʼa-biiftuutti mulʼachuusaafi dhalachuu “mootii Yihudootaa” kan wal qabsiisan akkamitti?’ jennee gaafanna taʼa. Israaʼel keessa ennaa darbaa turanitti Yesus akka dhalate dhagaʼaniitii laata?
^ key. 9 ‘Waggoota torba siʼa torbaatamaa’ ilaalchisee hubannaa yeroo harʼaatti qabnu beekuuf, kitaaba Raajii Daaniʼel Xiyyeeffannaadhaan Hordofi! jedhamu boqonnaa 11 ilaali. (Amaariffa)