MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Adoolessa 2013

Maxxansi kun, wantoonni raajii Yesus dubbatee keessatti ibsaman yeroo itti raawwatamaniifi eenyummaa hojjetaa amanamaafi ogeessaa ilaalchisee hubannaa kanaan dura qabnu kan sirreessudha.

“Nutti Himi, Kun Yoom Ta’a?”

Raajiin Yesus waa’ee bara dhumaa Maatewos boqonnaa 24fi 25⁠rratti dubbate yeroo itti raawwatamu ilaalchisee barumsa haaraa akkamii arganne?

“Guyyaa Hundumaa Isinii Wajjin Nan Jira”

Fakkeenyi Yesus qamadiifi inkirdaada ilaalchisee dubbate, waa’ee yeroo facaasaa, guddinaafi haamaa kan ibsudha. Yeroo haamaa ilaalchisee hubannaa keenyarratti sirreeffama akkamiitu godhame?

Namoota Muraasatti Fayyadamanii Namoota Hedduu Sooruu

Yesus Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatiif nyaata hafuuraa kan qopheesse akkamitti? Yeroo har’aatiif fakkeenya kan ta’udhaa?

‘Hojjetaan Amanamaaniifi Ogeessi Isa Kami?’

Matadureen kun, hojjetaa amanamaafi ogeessa ilaalchisee hubannaa nuu dabala. Nageenyi hafuuraa keenya hojjetaa kanarratti kan hundaa’e akkamitti?

Miseensa Qaama Olaanaa Haaraa

Fulbaana 1, 2012 jalqabee, Maark Saandarsan miseensa Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa ta’ee tajaajiluu jalqabe.

SEENAA JIREENYAA

Eessattiyyuu Yihowaa Tajaajiluuf Fedhii Qabaachuu

Hiriyoonni gaa’elaa lammii Neezarlaand ta’an, qorumsaafi haala jijjiiramaa keessatti guutummaatti Yihowaatti amanamuu kan baratan akkamitti?

“Fakkicha Ilaali!”

Fakkiiwwan barreeffamoota keenyarratti ba’an deggersa barnootaa akka yaannuufi garaan keenya akka tuqamu godhanidha. Fakkiirraa faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti?